Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Yukireen guyyaa filannoo Ameerikaa maaliif hawwiin eegu?
Manashee haleellaa Raashiyaatin caccabe dura dhaabattee boossi Inaan. Fuuldureen biyyashee, Yukieen, filannoo Ameerikaa kanarratti akka hundaa'u yaaddi.
"Kaamlaa Hariis mo'attee akka nu gargaartu nan amana," jetti. Boombiin Raashiyaan guyyaa guyyaan magaala isheen keessa jiraattu Zapporeezhiyaa irratti roobsitu jireenya namootaa yaaddoo keessa galcheera.
Mannishee foddaansaa caccabee fuulduree manashee boolla boombin yeroo dhohu uumame meetira 10 gadi fagaatutu jira.
Inaan US irraa KM 8000 fagaattee Yukireen keessa jiraatti, garuu waa'een filannoo US ishee dhiphiseera.
"Dhugaa dubbachuuf waa'ee bu'aa [filannich] yaaddofneera. Diina keenya [Raashiyaa] mo'achuu barbaanna," jetti. Carraan Yukireen Raashiyaa mo'achuuf qabdu xiqqaa ta'us, kana gochuuf deeggarsa US ishee barbaachisa.
Bara 2023 keessa Yukireen loltoota Raashiyaa daangaashee keessaa baasuf deebistee haleeluu eegaltus milkaa'uu hin daneenye. Amma Yukireen Raashiyaa mo'achuuf osoo hin taane, of ittisuuf lolaa jirti.
Paartii Dimokiraatotaa bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomaa kan jiran Kamaalaa Hariis, yoo pirezidaantii taatee filatamte deeggarsi waraanaa Yukireenif taasifamu akka itti fufu waadaa galaniiru.
Tiraamp ammoo yoo aangoo qabatan, deeggarsi kun akka kana duraa waan itti fufu hin fakkaatu kan jedhu sodaatu jira.
Bulchiinsa Baayidan jalatti, US hanga ammaa deeggarsa waraanaa dolaara biliyeena 50 ta'u Yukireenif kenniteetti.
Lamaan keessaa kan pirezidaantii US ta'anii filaman Yukireenif deeggarsa meeshaa waraanaa kennuunis haa ta'u dhorkuun dhiibbaa gochuunsaanii waan hin oolledha.
Fakkeneyaf Yukireen daangaa Raashiyaan qabatte dhiistee waraannii akka dhaabatu akka gootuuf ni dirqisiifamti yoo ta'e, naannoleen Yukireen kanneen akka Zapporeezhiyaa fa'aa akkuma Kooriyaa Kaabafi Kibbaa lamatti bahu jechuudha.
Tiraamp waraanni akka dhaabatuuf yaada akka qaban ibsuun Yukireen lafa jala fudhatame akka dhiistu gochuus akka malu akeekanii ture.
Filannoon lammataa ammoo deeggarsa Yukireenif taasiftu guutummaan adda kutuu yoo ta'u, kuni ammoo Raashiyaan suuta guutummaa Yukireen to'attee gara biyyoota biraattuu akka ceetu karaa banaaf.
Filannoon sadaffaan jiru ammoo Yukireen guutummaatti daangaa Raashiyaan jalaa qabatte bilisoomsudha- kuni carraan dhugoomuusaa baay'ee xiqqaadha.
Deeggarsi yoo dhaabbate ba'aan guddaan loltoota adda waraanaa jiranirra akka ta'e hima loltuun Yukireen adda waraanatii lolatti jiru Andiriiy.
"Waan qabnuun ni lolla, garuu Yukireen qophaashee kana gochuu akka hin daneenye eenyuyyuu ni beeka," jedha.
Lammiilen Yukireen Sadaasa 5 guyyaa filannoon Ameerikaa itti gaggeeffamu eeggataa jiru.
Biyyoonni lixaa kaanis Yukireen deeggaruuf sochii Ameerikaa ilaalu. "Morkataan nu deeggaruuf fedhii gadaanaa qabu filannicha yeroo dursu nama aarsa, nuti garuu bakka dhaqnu hin qabnu asuma jirra," jedha loltuun Yukireen kun.
Gama biraan ammoo pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin biyyisaanii lafa investimentiif mijattuu akka taate michootasaanii hawwataa jiru.
Sababa waraana kanaan omishi diroonii Yukireen keessatti heddu babal'ateera. Paayileetii diroonii kan ta'e Serhiy dhaabbilee omishaa biyyoota lixaa wajjin wal-qunnamuun biyyattii keessa kalaqarratti jijjiiramni heddu dhufaa akka jiru itti himaa akka jiru dubbata.
Omisha diroonii irratti biyya keessatti kalaqi akka heddummaatu godheera. Kaampaniiwwan biyoota lixaa omishasaanii adda waraanaa Yukireenitti akka yaalii gaggeessan carraa baneera.
Deeggarsi biliyeena hedduu biyyoonni lixaa taasisan mootummaa Yukireen keessatti jijjiiramni heddu akka jiraatu taasiseera.
Haa ta'u garuu adda waraanatti Raashiyaatu itti milkaa'aa jira. Kana jijjiiruf Yukireen caalmatti deeggarsa Amerikaa ishee barbaachisa. Deeggarsa argachuuf ammoo Kamaalaa Haaris osoo pirezidaantii US ta'anii filamanii fedhii Yukireeni.
Gama biraan ammoo lammiileen Yukireen naannoo adda waraanaa, Kibbaafi Baha biyyattii jiran, waraanni hatattamaan dhaabatee Yukireen Raashiyaa waliin akka walii galtu barbaadu.
Naannawa waraanni itti gaggeeffamu irraa kanneen BBCn dubbise akka jedhanitti, Yukiren waraana kanatti osoo hin galin durayyuu badiin kun hundi osoo hin qaqqabin Raashiyaa waliin walii qabdi turte jedhu.
Bara 2022 yeroo waraanni eegalu gama lamaanuu fedhiin marii akka jiraatu agarsiisanii marii eegalanis, Raashiyaan Yukireen keessatti yakka waraanaa raawwatte kan jedhu Yukireen maricha akka itti hin fufne taasiseera.
"Lafti lubbuu hin caaltu, waraana kana dhaabuu qabna. Tiraamp nama kana gochuu danda'uudha," jechuun dubbatu manguddoon Yukireen tokko. Isaanif Tiraamp mo'atee osoo waraana kana dhaabee wayya.