Roonaaldoon bara walitti aanu sadaffaaf atileetii galii guddaa argatu jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Kiristiyaanoo Ronaaldoo bara walitti aanu sadaffaaf atileetii miindaa qaalii argatu ta'uu Forbis ibse. Taphataan kubbaa kaachoo Isteefan Kaariiy sadarkaa lammataa qabateera.
Ronaaldoon baroota darban yeroo shan atileetota keessaa sadarkaa tokkoffaa qabateera. Ronaaldoon galiisaa waggaa doolaara miliyoona 15 irraa gara miliyoona 275n gaheera.
Atileetiin waggaatti galii hanga kanaa olii argataa ture bara 2015 bunyaadhaan saahmpiyoonaa bunyaa addunyaa ta'e Filooyid Meeweezer yoo ta'u waggaatti dolaara miliyoona 300 argateera. Bara 2018tti ammoo doolaara miliyoona 275 argate.
Taphataan sarara dura aPoorchugaal kan ganna 40 kun gatii qaaliin liigii Saawdii keessatti kilaba Al Nasiriif taphachuuf bara 2022 keessa garas imale.
Miidiyaa hawaasaa adda addaan hordoftoota miliyoona 939 kan qabu Ronaaldoon dirreen alatti hojiiwwan beeksisaafi kaanirraa galii guddoo argata.
Kariin waggaatti doolaara miliyoona 156 argachuun sadarkaa lmmataatti dhufeera.
Taphataan bunyaa lammii Ingiliz Taayisan Faarii doolaara miliyoona 146 argachuun sadarkaa sadaffaarra taa'era. Ji'oota dura shaampiyoonummaa mizaan guddaa addunyaasaa lammii Yukireen Oleksaander Uziiyeekiif dabarsee kennuuf dirqameera.
Taphataan kubbaa miila maqaa guddaa Liyooneel Mesiin sadarkaa sadaffaarraa gara shanaffaatti gadi bu'eera.
Bara 2025 keessa atiletotni galii guddaa argatan tartiibaan:
1. Kirsitiyaanoo Ronaaldoo, kubbaa miilaa: $275m
2. Isteefan Kaarii, kubbaa kaachoo: $156m
3. Taayisan Faarii, bunyaa: $146m
4. Daak Piriiskoot, kubbaa miilaa Ameerikaa: $137m
5. Liyooneel Meesii. kubbaa miilaa: $135m
6. Lebroon Jeems, kubbaa kaachoo: $133.8m
7. Huwaan Sootoo, beezbolii: $114m
8. Kariim Benzeemaa, kubbaa miilaa: $104m
9. Shohii Otaanii, beezboolii: $102.5m
10. Keevin Daarent, kubbaa kaachoo: $101.4m















