Gareen duula filannoo Tiraamp odeeffannoon keessookoo Iraaniin na jalaa butame jedhe

Gareen duula filannoo Doonaald Tiraamp odeeffannoo ykn komunikeeshiniin keessoo isaa muraasni haakaroota Iraaniin buutamuu akka hin oolle beeksiise.

Marsariitiin oduu Ameerikaa ‘Politico’ jedhamu gamasaatiin, Sambata kaleessaa, nama ittaanaa Tiraamp ta’uun filannicharratti dorgoman, Seenaatar Ohaayoo Jeedii Vaans dabalatee, imeeliin sanadawwan odeeffannoo duula filannoo qabatan waliitti fufiinsaan isa qaqqabaa akka ture ifa taasiseera.

Dubbi-himaan duula filannoo, ''Sanadiiwwan kunneen maddeen biyya alaa Ameerikaadhaaf diinummaa qabanirraa karaa seeraan alaatiin kan argaman yoo ta'u, filannoo bara 2024 gaggeeffamu gidduu seenuuf yaadameera,’’ jechuun BBC'tti himan.

Marsariitiin ‘Politicon’ gamasaatiin, dhugaa ta’uu sanadootaa mirkaneessuu kan hime yoo ta’u, BBC'n garuu addatti himannaa kana hin mirkaneessine.

Gareen duula filannoo Tiraamp odeeffannoon kiyya haakaroota Iraaniin na jalaa cabeera haa jedhu malee, ragaa sanadniwwan jedhame dhugaatti haakeroota Iraan ykn mootummaa Iraan waliin walqabachuu mirkenneessu omaa hin dhiyeessine.

Himannaan kunis kan dhiyaate erga dhaabbanni Maayikroosooft haakeroonni Iraan duula filannoo kaadhimamaa pirezidantii Ameerikaa maqaan isaa hin ibsamne irratti baatii Waxabajjii keessa irratti xiyyeeffachuu isaanii ilaalchiisuun gabaasa baaseen guyyaa tokko booda.

Wiirtuun Xinxala Yaaddoo Maayikroosooft (MTAC) akka jedheetti, baatiiwwan darban keessa imeeliiwwan elektironikii nagaa kan fakkaatan garuu hanna odeeffannoo irratti xiyyeeffatan karaa Iraaniin ergamaa turan.

Dubbii Himaan Gareen duula filannoo Tiraamp Isteevan Changi, odeeffannoon Maayikroosooft kunis kan yaalii hanna odeeffannoo baatii Waxabajjii Seenaatar Vaans irratti aga’ameen kan wal simuudha jedhe.

“Iraan Tiraamp aangootti yoo dhufan hojii shororkeessummaashee itti fufuu akka hin dandeenye beekti. Kanaaf irratti xiyyeeffatte’’ jedhan.

Marsariitiin ‘Politico’ akka jedheetti, erga baatii Adooleessa darbeetiin as nama Roobarti jechuun of waamu tokko irraa imeeliim walitti fufiinsaan isa qaqabaa ture.

Dhaabbatichi akka jedheetti, sanadni fuula 271 qabuus adda duruumaan qabiyyeensaa waa’ee seenaa jireenya siyaasa ittaanaa Tiraamp kan ta’an Seenaatar Vaans irratti kan xiyyeeffate akka ture ifa taasiseera.

Odeeffannoon gara biraa ammo seenaatar Filooriidaa Maarkoo Ruubiiyoo irratti kan xiyyeeffatedha jedhe.

Maayikroosooft akka jedheetti, haakaroonni Iraaniin deeggaraman yoo xinnaatee filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa sadi darban keessa harksaanii osoo hin galfatiin hin hafne.

Maayikroosooft gabaasa walfakkaataa tibba filannoo bara 2020tti baaseen, haakeroonni Iraan duula pirezidaantummaa irratti xiyyeeffataniiru jedhee ture.

Maddeen odeeffannoo tika Ameerikaa, Iraan Tiraamp ajjeessisuuf fedhii akka qabdu kan akeekkachiisan yoo ta’u, kunis yaalii ajjeechaa baatii darbe Pensilvaaniyaa keessatti Tiraamp irratti raawwatamee ture waliin kan wal hin qabanne ta’uu ibsameera.

Akkasumas Kibxata darbe Qajeelchi Haqaa Ameerikaa, lammii Paakistaan Iraan waliin hidhata qaba jedhame tokko qondaaltota Ameerikaa ajjeesuuf shira xaxe jechuun himateera. Kunis pirezidaantii duraanii dabalatee ta’uu danda’a.

Haata’u malee, BBC'n himannaawwan kanneen irratti deebii qondaaltota Iraan argahuuf yaaliin taasise hin milkoofneef.