Israa'el qondaala waraanaa Iraan Sooriyaa keessatti ajjeeste

Ajajaa waraanaa olaanaan Iraan haleellaa qilleensarraa Israa’eliin Sooriyaa keessatti ajjeefamuu miidiyaaleen gabaasan.

Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti Seyid Raazii Muusavii humna waraanaa ‘Islamic Revolutionary Guards Corps’ jedhamaniif ‘’gorsaa waraanaa gameessa’’ tahuu himan.

Miidiyaan Taasniim jedhamu, Kibba Baha Damaasqoo naannoo Saayidaa Zeenab jedhamutti haleellaa qilleensarraa Israa’eliin ajjeefamuu hime.

Israa’el waggoota darbaniif Sooriyaa keessatti haleellaa qilleensarraa gaggeessaa turte.

Israa’el bakkeewan Iraanitti hidhata qaban jettu irratti haleellaa raawwataa turte.

Erga haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 as ammoo hammi haleellaa Israa’el gaggeessaa jirtu akkaan dabalaa dhufe.

Erga waraana walii waliin Sooriyaa jalqabee loltootni Iraan Sooriyaa keessa turan.

Waraana finciltootaa fi pirezidaanti Bashaar al-Asaad gidduutti waggootaaf gaggeeffamaa ture irratti Iraan Asaadiin deeggaraa turte.

Muusaaviin ajajaa duraanii’ IRGC’ kan bara 2020 keessa Ameerikaan ajjeeste Qaasim Suleemaaniif gargaaraa tahuun hojjetaa ture.

Akka miidiyaan Taasnim gabaasetti, Moosaaviin ajajoota waraanaa gameeyyii Iraan Sooriyaa keessatti hojii guddaa hojjetaa turan keessaati.

Gaheen hojii isaa inni guddaan ammoo hariiroo Teeraanii fi Damaasqoo gidduu jiru qindeessuudha.

Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan [Iran Revolutionary Guards] jedhaman, ‘’Israa’el yakka kanaaf gatii baasti’’ jedhan.

Israa’el dhimma kana irratti deebii kennite hin qabdu. Haleellaa daangaa darbuun raawwattuuf yeroo hedduu deebii hin laattu.

Jalqaba ji’a kanaatti Iraan, Israa’el loltoota Eegdota Warraaqsaa Iraan lama Sooriyaa keessatti ajjeeste jechuun himatte.

Israa'el haleellaa Onkoloolessa 7 duuba Iraan jirti jechuun himataa turte. Iraan hidhattoota Hamaas yeroo dheeraaf gargaaraa turte.

Garuu haleellaa Onkoloolessa 7 duuba jirti himata jedhu hin fudhanne. Garuu haleellaa Israa'el irratti gaggeeffame akka isaan gammachiise bulchaan biyyattii himaniiru.