Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pooland kana booda Yukireeniif meeshaa waraanaa hin ergu jette
Michuu cimtuu Yukireen kan taateefi waraanaa irrattis hedduu gargaaraa kan turte Pooland kana booda Yukkreeniif meeshaalee waraanaa erguu akka dhaabdu beeksifte.
Sababni ammoo qamadii Yukireen gara alaatti ergiturratti rakkoo dippilomaasii gidduusaanitti dhalatedha.
Ministeerri Muummee Pooland kana booda Yukireeniif meeshaa waraanaa erguurra biyyisaanii meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhachuurratti akka xiyyeeffattu dubbatan.
Pirezidaantin Yukireen kora UN iratti "biyyoonni tokko tokko Yukireen bira dhaabbachuurratti fakkeessaa jiru" jechuun erga dubbatanii booda Pooland ambasaaddara Yukireen waamtetti.
"Kana booda meeshaalee waraanaa Yukireenif hin kenninu, sababni isaa amma meeshaalee waraanaa ammayyaan Pooland hidhachiisaa jirra waan ta'eef," jedhan Ministeerri Muummee Pooland Maate'ush.
Raashiyaan karaa ittiin Yukireen qamadii biyya alaatti ergitu Galaana Gurraacha cufuurraa kan ka'e Yukireen karaa biraa midhaan akka ergitu ishee dirqisiise.
Kuni ammoo midhaan Yukireen hedduunsaa Awurooppaa akka seenu taasise. Gamtaan Awurooppaa midhaan biyyoota shan: Bulgaariyaa, Hangarii, Pooland, Romaaniyaafi Islovaakiyaa akka hin seenne uggura kaa'e.
Gamtaan Awurooppaa kana gochuunsaa omishtoonni biyyoota Awurooppaa midhaan Yukireenirraa dhufuun omishni isaanii akka gadi hin kufne ittisuudhafi.
Uggurri Gamtaan Awurooppaa kaa'e kun gaafa Fulbaana 15 dhumus Pooland, Hangariifi Islovaakiyaan qamadiin Yukireenirraa gabaasaanii akka hin seenne uggura kana itti fufa. Kunia ammoo Yukireen hin gammachiifne.
Inumaayyuu Yukireen biyyoota kana Dhaabbata Daldala Addunyaatti (WTO)tti himannaa irratti bantee jirti. Dippiloomaasin Poolandifi Yukireenis kanumarraa ka'uuni kan laaffate.
Ministiira Diinagde Yukireen kan ta'an Yuuliyaa Siviriydenkoo, "Biyyoonni [Gamataa Awurooppaa] qeenxedhaan midhaan Yukireen akka gara alaatti hin ergamne gochuu akka hin dandeenye mirkaneessun nuuf murteessadha" jedhan.
Pooland garuu midhaan Yukireen gara biyyasheetti ergamee qonnaan bultootashee jalaa gabaa akka hin kuffisnef dhorkuu akka itti fuftuufi Dhaabbata Daldala Addunyaatti dhiyaattee akka of ittistu ijjannooshee ibsiteetti.
Yukireen dhimma kana hammeessiti taanan, midhaan qofa osoo hin taane meeshaalee biroos akka hin galle akka dhorkitu himte Pooland.
Ministiirri dhimma Pooland ammoo "Poolandirra karaa garaa garaafi wal-tajjiiwwan idil-addunyaarratti komii dhiyeessun garaa garummaa gidduu keenya jiru furuuf mala sirrii miti" jedhan.
Qamdiin Yukireen gabaa biyyasaanii keessatti akka hin dhiyaanne dhorkaa kaa'anis, biyyoonni kun sadan garuu Yukireen karaa daangaasaanii qamadii gara biyyoota addunyaatti akka gurgurtu uggura hin keenye.