Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Raafaatti haleellaa raawwachaa jirtuun lammiilee butaman lama baraaruu himte
Israa'el yeroo kibba Gaazaa Raafaatti haleellaa taasisaa jirtutti, lammiilee Israa'el lama butamanii turan baraaruu himte.
Humni Waraanaa Israa'el lammiileen baraaraman ''haalli fayyummaa isaanii gaariidha,'' jechuun qorannoodhaaf gara hospitaalaa deemuu hime.
Hawaasni Adeessa Diimaa Filisxeem Raafaan haleelamaa akka turteefi namoonni baayyee du'uu ibseera.
Israa'el kibba Gaazaatti haleellaa raawwachaa jiraachuu himtus, odeeffannoo dabalataa garuu hin kennine.
Humni Waraanaa Israa'el oppireeshinii waloo Ejansii Nageenyaa Israa'el fi Poolisii taasiseen lammiilee Israa'el lama Kibbuutiz Nir Yitzaak irraa baraaramuu himeera. Jarri baraaramanis Fernaandoo Saayiman Maarmaan ganna 60, Luuwis Haar ganna 70 dha
Qondaaloti Israa'el oppireeshiniin kuni haalatti raawwatameef odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Ministarri Ittisaa Israa'el Yoo'aav Gaalaant garuu oppireeshinicha, ''waan ajaa'ibaa,'' jechuun ibseera.
Dabaluunis, ''kanneen butaman deebisuuf karaa kaminiyyuu cichooma keenya itti fufna,'' jedheera.
Waraanni Israa'el Gaazaa keessatti haleellaa kan jalqabe erga Hamaasa kibba Israa'elitti gaafa Onkololeessa 7 haleellaa raawwachuun namoota 1200 ajjeeseefi 240 ammoo buteen boodadha.
Gaafa Dilbataa hospitaalli Hamaasiin hogganamu gaafa Sanbataa Filisxeemonni 112 ajjeefamuu himuun, lakkoofsi namoota ajjeefamanis 28,100 gaheera, kanneen madaa'an ammoo 67,500 tahaniiru jedhe.
Baraaramuun namoota lamaa kan dhagahame erga Israa'el haleellaa qilleensarraa kaabaafi kibba Raafaatti raawwachuu kanneen ijaan argan himuu boodadha.
Hawaasni idil-addunyaa haleellaa Israa'el Raafaa lafa namoonni miiliyoona 1.5 baqatanii jiranitti raawwatuuf jirtu irratti akeekkachiisa kennanii turan.
Qondaalli olaanaa deeggarsa namoomaa UN iddoon nagaa qabu kanitti baqatan hin jiru jedhe.
Gaafa Dilbataa Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan namoonni nagaa akka eegamuu danda'an otoo hin mirkaneeessiin haleellaan raawwachuu akka hin qabne Ministira Mummee Beenjaamiin Netaanihaayuutti himaniiru.
Waayit Haawus akka jedhetti, ''karoora amanamaa fi hojiirra ooluu danda'u'' kana namoota nagaa miiliyoonaan lakkaa'aman eegu jedhaniiru.
Netaaniyaahuun haleellaa akka raawwataniifi karoorris qophaa'uu himaniiru