Finxaalessummaan maali? Itoophiyaaf yaaddoodhaa?

Islaamaafi kiristaana waliin wajjiin

Waggoota muraasa darban rakkoo finxaalessummaaniis ta'e finxaalessitoonni qaqqabsiisaa jiru jedhaniin Itoophiyaan yaaddoo keessa seenuu aangawoonni irra deddeebiin himu.

Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa marii Roobii kaleessaa taasiseen qaamoleen miidiyaafi humnoonni siyaasaa 'finxaaleyyii ta'an' biyyaaf yaaddoo ta'u ibseera.

Garuu, yaadi yookiin ilaalchi fiixetti bahe jechuunis finxaalessummaan maali? Itoophiyaaf hangam yaaddoodha? Maddeen isaa maali? Akkamiin furu? Finxaalessummaan jecha Afaan Ingilizii extremism jedhu bakka bu'u danda'a.

Rakkoon kuni sadarkaa addunyaatti yaaddessaa ta'u ogeeyyiin ni ibsu. Ilaalchi sadarkaa addunyaattis rakkoo uume kuni garuu hangam Itoophiyaa keessa babal'ate kan jedhurratti ogeeyyiin ilaalcha mootummaarraa adda ta'e qabu.

Finxaalessummaan maali?

Finxaalessaan ilaalcha yookiin yaada nama fiixeetti bahe, kan namoonni baay'ee hubatanirraa adda ta'e, dirqiin yaada ofii kaanitti dhiibuuf socho'u jechuu dandeenya.

Salphaadhumatti finxaalessummaan ilaalcha kiyyatu caala jedhuun galma ka'an milkeessuuf humnaan fayyadamuudha. Namoonni garuu ofii isaanii akka finxaalessaatti of hin ilaalan.

''Abbaan dhugaa anuma qofaadha. Ilaalcha kiyyaan ala kan jiran martu dhugaa miti, kanaaf haala kamiiniyyuu isaanirratti qabsaa'uun qaba ilaalcha jedhu qaba,'' jedhu hayyuun dubbisne.

Dr Takkaaliny Naggaa Yunivarsiitii Finfinnee akkasumas Mana Barumsaa Qorannoo Amantii Itoophiyaa keessa barsiisu. Qorannoon PhD isaaniis waa'ee amantiin walqabata.

Namni akkanaa ''kaan waliin mariifi waloon furmaata kennuurra humna fayyadamuufi haleellaa raawwachuu akka mala tokkotti itti dhimma baha,'' jechuun ibsu.

''Namoonni finxaalessaa jennu namoota hookkaratti dhimma bahanidha,'' kan jedhanimmoo Yunivarsitii Filoridaa, Muummee Amantiifi Giddugala Qorannoo Afrikaatti Pirofeesara kan ta'an Teeri Osteboodha.

Pirofeesar Teeriin waggootaaf Itoophiyaa keessa turuun qorannoo taasisaniiru. Namoonni wantoota hawaasi irratti waliigalerra darbanii deeman finxaalessaa jedhamuu danda'u jechuun himu.

Aangawoonni Itoophiyaas walitti bu'insaafi jeequmsa irra-deddeebbiin biyya keessa mudatuuf sababi tokko ilaalcha fiixeetti bahe yookiin finxaalessa ta'e akka ta'e ibsu.

Keessumaa badii kanaaf humnoota hidhataniifi qaamolee siyaasaa himatu.

Kan amantii qofaadhaa?

Maappii Itoophiyaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Finxaalessummaan amantii qofaaf miti. Ilaalcha saba, siyaasaafi kaaniifuu ta'u danda'a.

''Sirriitti malee. Keessumaa sabaaf, sabni yookiin sanyiin kiyya kaanirra caala jettee yeroo yaaddu finxaalessaa taate,'' jechuudha jechuun ibsu Pirof. Teeriin.

Akka fakkenyaatti deeggartoonni sabboonummaa adii (white nationalism) nami bifa gurraacha qabu gadi-aanteedha jedhanii yaadu jechuun eeru.

''Namoota amantii kaanii karaa badaan hubatan ta'uu mala. Namoota amantii kaanirra cimsanii fudhataniis jechuu dandeessa,'' jechuun ibsu.

Dr Takkaalinyis kanaan waliigalu. Inni ijoo isa kaan, namas ta'e garee, nuun gadi akka ta'etti yaaduurraa madda jedhu.

''Hordoftoota amantii si hin fakkaanne unutu caala bakka jettutti balleessuu akkasumas humna fayyadamuu waliin kan walqabatedha,'' jechuun ibsu.

Ilaalchi akkanaa amantii tokko qofaan walqabataa? ''Ilaalchi finxaalessummaa amantii hunda keessayyuu agarra,'' jechuun deebisu.

Ilaalchoti finxaalessummaa ilaachota walqixxummaafi dimookiraasii kan mormanidha.

Agarsiistuun maali?

Tarii namoonni osoo of hin beekiin finxaalessaa ta'u danda'u yookiin finxaalessummaan waan biraa itti fakkaachuu mala. Garuu agarsiistuun isaa maali? Akka gubbaatti ibsame agarsiistuun ijoo ilaalchi isaaniifi nuyi yookiin aniifi isaan jedhu dagaaguudha.

Dura akka diinaatti ilaaluu, akkasumas balleessuuf humnaan fayyadamu dabalata.

Yoo amantiimmoo ta'e ''heddumina amantii fudhachuu dhabuun yoo danda'ame kaan balleessuun, yookiin immoo kaanirraa gadi ilaaluu,'' kan kaayyeffate akka ta'e Dr Takkaalliny himu.

Takka takkammoo rakkisaas ta'uu mala. Agarsiistuun maali jedhamuun kan gaafataman Pirof. 'rakkisaadha' jechuun ibsu haalota tokko tokko kaasun.

Namoonni yookiin gareen kanaan himataman deebii biraa qabaachuu malu. ''Qaama gaafatturratti hundaa'a,'' jechuun ibsu.

Garuu, ogeeyyiin lamaan humnaan adeemuu akka agarsiistuu ijoo tokkotti eeru.

Buqqaatoota naannoo Oromiyaa keessaa

Finxaalessummaa Itoophiyaatti

Dhimmi kuni gara caalu ajandaa ta'u kan eegale dhaabi ADWUI aangootti dhufuu eegaleeti.

Keessumaa 'haleellaa bombii hoteela Waabe Shabalee, ministira Itoophiyaarratti xiyyeeffateefi pirezidantii duraanii Masrii Hosni Mubaarak irratti haleellaa Finfinneetti aggaamame walqabateeti,' jedhu Dr Takkaaliny.

Aangawootni gara jalqabaa kanneen kana godhan kanneen alaa dhufan akka ta'e ibsaa turan, boodarra lammilee alaa baratanii dhufanis himatamaniiru. Waggoota 22 dura haleellaa Ameerikaatti dhaqqabe [Global on terror] booda dhimmichi ajandaa guddicha addunyaa ta'eera. Bara 2006 keessa haleellaa amantii Jimmatti dhaqqabeefi lammiilee galaafate hordofee ''ilaalchi finxaaleessummaa biyya keenyas dhufeera,'' ilaalchi jedhu caalaatti guddatee dhagahame jedhu.

Sochiin muslimotaa 'sagaleen keenya haa dhagahamu' jedhu akkasumas Waldaa Qulqullootaa Mana Kiristaanaa Ortodoksiin taasifamus ''bifa finxaalessummaa qaba'' jechuun gama mootummaa ibsamaa ture.

Eegasii booda kana haleellaa amantiifi sabaa akkasumas sochii hidhannoo keessa kanneen jiran dabalatee mootummaan 'finxaalessummaan,' himata.

Itoophiyaaf yaaddoodhaa?

Asiirratti ilaalcha lamatu jira. Sadarkaa addunyaatti namoonni yookiin gareen ilaalcha finxaalessummaan dhiibamanii badii guddaa geessisuun maqaan isaanii eerama.

Pirof. Teeri Osteboon haala Itoophiyaa kaasuun biyyattii keessa finxaalessummaa amantiirra jechi riformii jedhu haala jiru ibsa jechuun kaasu. Hawaasi amantii tokko hordofu yeroo ''amantii isaanii cimsanii qabatan kaanirra dhiibbaa qabaachuu danda'a. Kanatu yeroo baay'ee walitti bu'iinsatti kan nama oofu.

''Tokko yeroo amantii babal'isu, kaan kan kiyya jedhan to'achuu barbaadu. Gareen tokko ofitti deeffachuu yoo yaadu sodaa, aarii uumee kunis walitti bu'iinsatti geessa,'' jechuun ibsu.

Dr Takkaaliny illee yaada kanatti dhihaatu qabu. Akka isaanitti, finxaaleessummaan Itoophiyaaf yaaddessaadha sadarkaa jedhamurra hin geenye.

''Madaallii kootiin Itoophiyaa keessa namootni haalaan finxaaleyyii ta'an sirriitti ni jiru. Bakki isaan hin jirrees waan hin jirreef.

''Haa ta'u malee, amantii kam keessattuu karaa bu'uura cimaa qabuun kan ijaarame, kan networkii qabu jira jedhee hin amanu,'' jechuun BBC'tti dubbatan.

Akka isaaniitti, namoonni ilaalcha akkanaa qaban gara calu miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun kanneen socho'anidha.

Maappii baayyina buqaattootaa

Sababoota ijoo ilaalcha keessa babal'isan keessaa tokkommoo miidiyaalee kanneen ta'u ekispartoonni ibsu.

''Akka ilaalcha kootti finxaalessummaa kan jennu bu'uura hawaasummaa qabaatee, ilaacha namni hedduu deeggarufi baay'ee babal'ate jira jedhee hin yaadu.

''Garuu sadarkaa nama dhuunfaatti namoonni nama amantii osoo hin taane hordoftoota amantii fayyadamuu kan barbaadan sirriitti jiru,'' jechuun ibsu.

Ilaalcha akkanaa maaltu dagaagsa?

Waa'ee finxaaleessummaa yeroo kaafnu 'gaaffii mirgaa waliin wal qabata' jedhu Dr Takkaalliny.

''Hubameera, mirgikoo dhiibameera, hanga naaf malu hin arganne. Waan naaf malu akka hin arganne immoo danqaa kan natti ta'an isaanidha,'' ilaalchi jedhu kanaaf bu'uura akka ta'u malu himu.

''Ilaalchi nuyiifi isaan jedhu yeroo keessa isaaniin qollifachuu, nurraa xiqqoodha, mirgi hin maluuf, isaanirratti badii hamaa raawwachuun dhugaaf dhaabbachuudha ilaalchi jedhu yeroo dagaagudha,'' jechuun ibsu.

Namoonni gaaffii isaanii deebisuuf dirreen dimookiraasii bal'aa yoo ta'u baate, dinagdeerraa yoo fayyadamuu baatan, akkasumas sadarkaan hawaasa walcaalu yoo jiraate rakkoo kanaaf bu'uura ta'u akka danda'u eeru.

Qollifamuu, cunqursaa, dhiibamuu, hubannoo dhabuu, odeeffannoo fiixee bahetti saaxilamuufi araadonni adda addaallee ilaalcha hunda galeessa akka hin qabannee sababa ta'uu malu.

Alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Inni lammataa, waan barbaadan galmaan gahuuf humnaan fayyadamuu, kaanirratti haleellaa banuu yaada jedhu dhaabuu akka barbaachisu himu.

''Wanti gorfamu mariidhaan furuudha.''

Maatii, hawaasiifi hiriyoonni akkasumas abbootiin amantii gahee mataa isaanii akka qaban qorannooleen ni ibsu.

Dr Takkaalliny aangawoonni mootummaa waldanda'uufi obbolummaa gorsan sirna dimookiraasii gaaffiin lammilee itti deebii argatu ijaaruu akka qabanis gorsu.

Dirree hundaaf wal qixa ta'e, kan kana dura dhiibaman karaatti deeggarsa argatan akkasumas rakkoo dhoksaan osoo hin taane ifatti dubbachuun akka furamu haala mijeessuun furmaata akka ta'e eeru.

Haalli duratti eeraman yoo jiraate, osoollee ilaalchi finxaalessummaa dhufee ija hin godhatu jechuun himu.