Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adabbiin du'aa addunyaarratti dabalaa jiru dhuguma yakka ittisuuf gargaaraa?
Iraan keessatti adabbiin du'aa raawwatame heddummaachuun, bara 2023 akka addunyaatti lakkoofsi namoota du'aan adabamanii akkaan akka dabalu taasiseera.
Bara 2023 keessa lakkoofsi namoota du'aan adabamanii waggoota saddeet darban keessatti isa akkaan olaanaadha.
Akka ragaan Amnestii Intarnaashinaal mul'isutti lakkoofsi kun biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti garmalee dabaleera.
Jaarmiyaan kun gabaasa waggaa baase keessatti bara darbe biyyoota 16 keessatti namoonni 1,153 du'aan adabamuu ibse. Kunis bara 2022 dhibbeentaa 30n caala jedhe.
Kana keessaa Iraan dhibbeentaa 74, Sa'uudii Arabiyaan ammoo dhibbeentaa 15 qooddatu.
Iraan keessatti kanneen adabbiin du'aa irratti raawwatame irra hedduun warra yakka qoricha sammuu hadoochuun himatamaniidha.
Ragaan bara 2023 ba'e kun kan Chaayinaa hin dabalanne. Iraan murtii du'aa dabarsuu fi raawwachuun jalqabarra jiraattus akka addunyaatti gama kanaan kan Chaayinaa ga'u hin jiru jedha gabaasi Amnastii.
Chaayinaan waggaa waggaan namoota kumaatamaan lakkaa'aman du'aan adabuun beekamti.
''Mootummaan iccitiidhaan waan qabateef adabbii ajjeechaa Chaayinaa keessatti raawwate Amnestiin ragaasaatti dabaluu hin dandeenye, biyyi kun adabbii du'aa dabarsuun addunyaarratti beekamti,'' jedha gabaasi jaarmiyaa kanaa.
Ragaan Amnestii kun biyyoota adabbii du'aa lammiileerratti raawwachuun beekaman kanneen akka Kooriyaa Kaabaa fi Veetnaamis hin dabalanne.
Lakkoofsi namoota du'aan adabamanii kan bara 2023 kun erga bara 2015 as isa olaanaadha.
Bara sana namoonni adabbiin du'aa itti murtaa'ee ajjeefaman 1,634 ture. Sun lakkoofsi isa olaanaadha.
Adabbiin du'aa biyyoota kamfaa keessatti baay'ata?
Amnestiin akka jedhutti Iraan bara darbe namoota 853 irratti adabbii du'aa raawwatte. Biyyattiin bara 2022 namoota 576, bara 2021 ammoo namoota 314 du'aan adabdeetti.
Adabbii du'aa raawwachuun addunyaarratti akkaan dabalus, murtee du'aa murteessuun garuu lakkoofsi isaa hir'achaa jira jedhe Amnestiin.
Beelaarus, Jappaan, Miyaanmaar fi Sudaan Kibbaa bara 2023 adabbii du'aa hin raawwanne. Biyyoonni kunneen bara 2022 adabbii kana raawwatanii turan.
Paakistaan ammoo yakka qoricha sammuu hadoochuun walqabaturratti adabbii du'aa dabarsuu dhaabdetti, Maleeshiyaa keessattis adabbiin du'aa hafeera.
Siri Laankaa keessatti ammoo pirezidantiin adabbii du'aa mirkaneessuu dide. Adabbiin du'aa yoo eeyyamame biyyattii keessatti ajjeechaa lammiilee babal'isa jechuun mallatteessuu didan pirezidantiin biyyattii.
Biyyoota lixaa keessaa adabbiin du'aa seeraan kan jiru US keessa qofa. Akka gabaasa Amnestiitti bara darbe US keessatti adabbiin du'aa raawwatame 24 ga'eera, lakkoofsi kun bara 2022 18 ture.
Seerri adabbiin du'aa garee dhukaastotaan akka raawwatamu ajaju Idaho fi Tennessee keessatti hojiirra ooleera.
Korri bulchiinsa Montana ammoo adabbiin du'aa, qorichi dafee nama ajjeesu karaa lilmee kennamuun akka raawwatamu yaada dhiheesseera.
Kibba Kaarolaayinaatti kanneen adabbii du'aa raawwatan eenyummaan yookiin maalummaansaanii ni dhokfama.
Baruma kana gara jalqabaa ammoo bulchiinsa Alaabaamaa keessatti adabbiin du'aa gaazii naayitiroojiiniin raawwatameera.
Amnestiin ''gara jabina daangaa darbe'' jechuun gocha kana ibse.
Biyyoota meeqatu adabbii du'aa haqan?
Bara 1991tti biyyoonni adabbii du'aa hambisan 48 turan. Lakkoofsi kun bara 2023 112 ga'eera.
Biyyoonni sagal yakka akkaan hamaa ta'erratti qofa adabbii du'aa dabarsu.
Biyyoonni 23 adabbii du'aa ammallee hin dhaabsisin jiran ammoo yoo xiqqaate waggoota kudhan darbaniif itti hin fayyadamin turaniiru.
Biyyoonni adabbii du'aa akkamiin raawwatu?
Bara 2023 maloonni ittiin adabbii du'aa raawwatan kan baayyee beekaman afur turan.
Morma kutuun adabbii du'aa kan raawwattu Sa'uudii Arabiyaa qofa.
Bara darbe biyyoonni torba fannisuun, biyyoonni ja'a ammoo rasaasaan adabbii du'aa raawwataniiru.
Biyyoota sadi keessatti lilmee waraanuun ajjeesuun raawwatameera.
Adabbii du'aa of duuba deebisuun danda'amaa?
Namni adabbiin du'aa kun irratti murtaa'e yoo ol iyyannoo gaafatee yakka ittiin himatamerraa bilisa ta'e irraa haqamuu danda'a.
Amnastii Intarnaashinaal biyyoota sadi keessatti adabbiin du'aa namoota sagalirratti murtaa'ee ture ol iyyannoo booda irraa kaafamuu gabaaseera.
Biyyoonni kunneen Keeniyaa(5), Ameerikaa (3) fi Zimbaabwee (1) akka ta'anis ibseera.
Namooni adabbiin du'aa irratti murtaa'ee, erga raawwatamee booda badii ittiin adabaman irraa bilisa ta'anii yeroon argaman jira.
Quuqamtoonni mirga namoomaa haalota akkasii kaasuun adabbii du'aa mormu.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri dhimma mirgoota namoomaa biyyoonni kan adabbii du'aa murteessaniif, yakki raawwatame akka irra hin deebi'amneef ta'uu kaasa.
Beektonni saayinsii hawaasaa garuu adabbiin du'aa yakki raawwatame akka irra hin deebi'amne ittisa kan jedhu kan mirkanaa'e miti jedhu.
Gariin akka jedhanitti yakka kan ittisuu danda'u yoo nama badii raawwate sana hidhaadhaan adabanii irraa barate jedhu.
UN bara 1988 hariiroo adabbii du'aa fi ajjeechaa kaan gidduu jiru irratti qorannoo gaggeessee ture.
Qorannoon kun bara 1996 fooyyeffameera. ''Adabbiin du'aa hidhaa umrii guutuu caalaa yakka ittisuuf akka fayyadu ragaa saayinsaawaan hin deeggaramne,'' jedhe qorannoon kun.
Dhiibbaa daa'immanirratti qabu
Bara 2010 Aljeeriyaa, Arjantiinaa, Kaazaakistaan, Meksikoo fi Tarkii dabalatee biyyoonni 14 adabbii du'aa balaaleffachuun, kora farra adabbii du'aa sadarkaa idiladdunyaatti waamuun walga'anii turan.
Komishinii farra adabbii du'aa hundeessuun kaayyoo kora kanaa isa ijoo ture.
Komishiniin kun biyyoota akka UK, Kanaadaa, Awustiraaliyaa, Jarmanii fi Toogoo dabalatee biyyoota hedduu ofitti dabaluun lakkoofsa miseensota isaa 24 irraan ga'ateera.
Gabaasi komishiniin kun bara darbe baase akka mul'isutti, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti komishiniin mirgoota daa'immanii gocha kana dhorkus, biyyoota hedduu keessatti daa'imman adabbii du'aaf saaxilamuu akka danda'an ibseera.
Jaarmiyaan dhimma xiin-sammuu Ameerikaa- America Psychological Association (APA) gamasaan namoota umriinsaanii waggaa 21 gadi ta'erratti adabbiin du'aa akka hin murtoofne bulchiinsota Ameerikaa keessa jiran gaafateera.
''Qorannoo saayinsaawaa yeroo ammaa jiruun ijoollee umriinsaanii waggaa 18 fi 21 gidduu jiran, warra umriinsaanii 17 ta'een adda baasanii ilaaluun hin danda'amu,'' jechuun barreesse jaarmiyaan kun.
Ijoolleen kan miidhaman adabbii du'aa kana qofaan miti.
Maatiin isaanii adabbiin du'aa irratti murtaa'e yoo ajjeefaman carraa maatii waliin guddachuu ni dhabu, kun miidhaa guddaadha.