Ertiraan oduun 'buufanni waraanaa Israa'el Daahilak jiru haleelame' jedhu soba jette

Hodora Daahilaak

Madda suuraa, Getty Images

Ertiraan miidiyaaleen Baha Giddu-galeessaatti argaman buufata basaasaa Israa’el Daahilakitti argamurratti haleellaan raawwatameera jechuun gabaasni baasan sobadha jechuun haalte.

Buufata TV Libaanoon kan ta’e Al-Maayaadiin, buufanni to’annoo loltummaa Israa’el Odola Daahilak irratti argamurratti haleellaan raawwatameera jechuun maddeen Ertiraa eeruun gabaase.

Haata’u malee, Ministirri Beeksiisa Ertiraa Yamaanee Gabra-Masqal, gabaasichi gonkomaa sobaadha jechuun toora X isaaniirratti barreessan.

Ministirichi gabaasichi kan odeessuu waa‘ee haleellaa buufata waraana Israa’el Ertiraa keessatti hin argamnerratti raawwatameeti jechuun, haleellaan raawwatame kan hin jiraannee ta’usaatiin alatti, Israa’el Ertiraa keessa buufata waraanaa akka hin qabne himaniiru.

Al-Maadiin garuu gabaasa kaleessa maddeen waraana Ertiraa keessatti argaman natti himaniiru jechuun baaseen, haleellaa raawwatameera jedheen qondaaalli waraanaa Israa’el olaanaan tokkos ajjeefamuu dabalee himeera.

Al Maayaadiin haleellichi qiyyeeffannaa kan irratti taasifate wiirtuu basaasa Israa’el kan xiyyeeffannaa isaa Galaana Diimaa irraa Yemen irratti taasifatedha jedheera.

Miidiyaan kun haleellicha kan raawwate eenyu akka ta’e ilaalchisuun kan jedhe jiraachuu baatulleen, garee Islaamaa Ansaar Allaah jedhamuufi Yeman keessa socha’u tokko ta’uu akka hin oollee eereera.

Ministirri Beeksiisa Ertiraa garuu gabaasichi, ‘‘soba adiidha’’ jechuun, Israa’el, Iraaniin, akkasumas finciltoonni Huutii Ertiraatti buufata waraanaa qabu jechuun irra deddeebiin odeeffannoo sobaa kennaa turaniiru jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa’el Ertiraatti buufata waraanaas ta’e wiirtuu basaasaa hundeeffachuu kan beekamu hin jiru.

Gaazeexaan Israa’el- Haareetz jedhamu waggaa 10 dura dhaabbata xinxalaa dhimmoota nageenyaa Tiraatifor Golobaal Intilajens jedhamu eeruudhaan gabaasa hojjateen, Israa’eliifi Iraan Ertiraatti buufata waraanaa hundeeffataniiru jedhee ture.

Asmaraan garuu buufataaleen Israa’el ta‘e kan Iraan daangaashee keessaa akka hin jirre ibsitee jirti.

Biyyoota lamaan alattis Masriin Ertiraatti buufata waraanaa ijaarrchuuf karoora qabdi gabaasni jedhu bahee ture.

Haata’u malee, maddi oduu mootummaa Turkii- Anaaduluun waggootaan dura maddeen waraana Masrii eeruun, Masriin biyyoota biraa keessatti buufata waraanaa ijaarachuuf karoora akka hin qabne barreessee ture.

APn gamasaatiin, suura saataalaayitii waabeefachuun Yunaayitid Arab Emirats (UAE) buufata waraanaa Asab irratti ijaartee turte diigaa jiraachuu gabaasee ture.

Abuu Daabiin wiirtuu waraanaa kana humna Sa'udiin durfamuu cinaa hiriiruun wayita finciltoota Huutii Yemen keessaa waraanaa turtetti meeshaalee waraanaa gurguddaafi loltoota waraanicha keessatti hirmaatan deddeebisuuf itti fayyadamaa turte.