Arjentiinaa 3 -0 Kirooshiyaa: Mesiin biyya isaa Waancaa Addunyaa 2022f geessise

Madda suuraa, Getty Images
Arjentiinaan galchii Liyonel Mesii fi Yuuliyaan Alvaarez lamaan Kirooshiyaa injifachuun xumura Waancaa Adunyaaf darbite.
Liyonel Mesiin galchii jalqabaa rukuttaa peenaaliitiin Arjentiinaaf lakkoofsisuun dursa yoo qabatan, taphataan sarara duraa Maanchister Siitii ganna 22 kan tahe galchii lammaffaa fi sadaffaa lakkoofsise.
Arjentiinaan Morookoo fi Faransaay keessaa kan injifatu waliin gaafa Mudde 18, 2022 waancaaf taphatti.
Arjentiinaan erga bara 2014, xumura waancaaf Jarman waliin dhaqqabdee 1 fi 0'n mo'amuun waancaa dhabdee yeroo jalqabaaf xumuraaf geesse.
Yeroo xumuraaf Waancaa Adunyaa kan mo'atte ammoo 1986 ture. Yeroo sana akkuma Mesii maqaa guddaa kubba miilaan kan qabu Diyeegoo Maraadoonaa umurii isaa ganna 25'niin dursaa taphattootaa ture.
Amma Mesiin ganna 35 tahuun dursaa taphattoota Arjentiinaa tahuun Kaataaritti biyya isaa xumuraaf dhaqqabsiise.
Waancaa Adunyaa tokko irratti galchiiwwan 11 lakkoofsisuun rikardii Gabri'eel Batistutaa cabseera. Biyya isaaf galchii hedduu lakkoofsisuunis rikardii harkaa qaba.
Liyonel Mesii Soorama bahuu irraa hanga xumura Waancaa Adunyaatti
Liyonel Mesiin Waancaa Adunyaa Raashiyaan bara 2018 qopheesite irratti biyyi isaa Arjentiinaan waancaaf gahuu dhabuu isheen abdii kutatee tapha biyya isaaf taasisu irraa akka soorama bahe ibsee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Booda taphattoota duraanii Arjentiinaa fi jaalattoota ispoortii biyya isaan kadhatamee yaada isaa kaase.
Mesiin waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi kaan kilaba isaa duraanii Baarseloonaa waliin injifatus biyya isaa waliin waancaa homaa hin mo’anne ture.
Bara 2014 Waancaa Adunyaa Biraazil qopheesite irratti xumura waancaaf dhaqabanii ture.
Haa tahu malee galchii Maariyoo Go’itezee Jarmaniif lakkoofsiseen mo’amanii waancaa dhaban.
Bara 2018 yeroo Raashiyaan qopheesite ammoo Kirooshiyaan 3 fi 0’n mo’amanii oso walakkaa xumuraaf hin darbiin hafan.
Dabalataan waancaa biyyootni Laatin Ameerikaa irratti wal dorgoman ‘Copa America’ irratti walitti aansuun yeroo sadii bara 2016, 2019 fi 2021 xumura waancaaf dhaqabeera.
Injifannoon jalqabaa biyya isaa waliin goonfate garuu Copa America 2021 yoo tahu, morkattuu isaanii Biraaziliin 1 fi 0’n mo’achuun ture. Injifannoon kun erga soorama bahuu isaa ibsee boda yaada isaa jijjiiruun argatedha.
Ammas kana boda hin mo’adhu jechuun abdii kutee kan ture Waancaa Adunyaa mo’achuuf qarqara irra gaheera.
Mesiif injifannoon Waancaa Adunyaa hiika guddaa qaba. Sababni isaa waan hunda mo’atee kan dhabe waancaa kana qofa waan taheef.
Sadarkaa Diyeegoo maraadoonaa fa’aatti akka hin waamamne kan mormii irratti kaasaa tures biyya isaa waliin Waancaa Adunyaa mo’achuu dadhabuu isaati.
Kun morkataa isa ayeroo hundaa Kiristaanoo Roonaaldoofis seenaa wal fakkaataadha.
Roonaaldoon amma ganna 37 yoo tahu, biyyi isaa Poorchugaal biyya Afrikaa Morookoodhaan mo’amuun waancicha keessaa baate.
Mesiin yoo waancaa Adunyaa kan mo’atu tahe, wal falmii Roonaaldoo moo Mesii jedhuuf deebii gahaa kenna.















