Arjentiinaa fi Kirooshiyaa: Galgala qabsoo ijibbaataa Liyoonel Mesii fi Luukaa Moodiriich

Waancaan Addunyaa 2022 Kataar qopheessite Dilbata dhufu goolabama.
Biyyoonni afur walakkaa xumuraaf darban (Arjentiinaa V Kirooshiyaa, Morookoo V Faransaay) ammoo har’aafi bor taphatanii garee kanneen keessaa warri mo’atan waancaa irratti dhiyaatu.
Morookoon Afrikaa irraa, Arjentiinaan Laatiin Ameerikaa irraa, Faransaay fi Kirooshiyaan ammoo ardii Awurooppaa irraa sadarkaa kanarra gahan.
Tapha har’a galgala Arjentiinaa fi Kirooshiyaan waliin taasisan waancaaf darbuu qofa miti kan akka haalaan eegamu taasisan.
Gareen biyyoota lamaanii taphataa addunyaarratti gurra guddaa horate qabu.
Arjentiinaaf Liyoonel Mesii, Kirooshiyaaf ammoo Luukaa Moodiriich.
Jara lamaan...
Lamaaniifiyyu: Liyoonel Mesii fi Luukaa Moodiriich galgala qabsoo ijibbaataati.
Lamaan isaanii badhaasa kubbaa miilaa addunyaarratti guddaa ta’e Ballon d'Or mo’ataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lamaanuu lakkoofsa 10 uffatu.
Lamaanuu Qeellisaa ykn dursaa taphattoota garee biyya isaaniiti.
Lamaanuu waancaa addunyaaf dhiyaatanii warra mo’amanidha.
Lamaanuu osoo soorama hin ba’iin (kophee hin fannisiin) xumura waancaa addunyaarra gahanii waancicha kaasuuf carraa dhumaa qabu.
Lamaanuu Waancaa Addunyaa 2022 kana irratti biyyi isaanii taphoota ramaddiifi nuusa xumuraa irratti akka mo’atanii as gahaniif gahee addaa bahataniiru.
Tapha xumura walakkaa Waancaa Addunyaa 2022 kana booda taphattoota ciccimoo kana dorgommii kana fakkaatu irratti arguun waan ta’u hin fakkaatu.
Amma kilaba Faransaay guddicha Paris St-Germain keessa taphachaa kan jiru Mesiin wagga 35 guuteera; kilaba guddicha Ispeeniif taphachaa kan jiru Moodiriich ammoo waggaa 37 qaqqabeera.
Kanaaf, isaan keessaa waggaa afur booda Waancaa Addunyaa 2026 irratti keessummaa kabajaa ta’anii malee Qeellisaa [Amballii] garee biyya isaanii ta’anii istaadiyeemii keessatti arguun hin danda’amu.
Seenaan kubbaa miilaa lamaan isaanii maal fakkaata?
Taphni xumura walakkaa Waancaa Addunyaa 2022 kun Mesiif walumaagalatti 1,002ffaa isaati. Kuni taphoota inni kilabaafi biyyaaf hiriira hunda hammata.
Kana keessatti ammoo gooliiwwan 790 lakkoofsisuun kubbaa 339 mijeessee kenneera.
Seenaa kubbaa miilaa Luukaa Moodiriich garuu akka kan Liyooneel Mesii kan sirnaan galmaa'ee argachuu rakkisaadha.
Turtii isaa Kirooshiyaafi Bosiiniyaa-Herzegoviinaa keessatti kilaboota Zaagirab, Zrinjski Mostar fi Zaapiresiik keessa sirriitti hin galmoofneef.
Jarri lamaanuu Ballon d'Or kan mo'atanis ta'u, Mesiin si'a torba mo'atee Moodiriich garuu bara 2018 takkaa qofa mo'ate.
Moodiriich Chaampiyoons liigii Awurooppaa si'a shan yoo mo'atu, Mesiin ammoo si'a afur moate.
Jarri lamaan waliif kan waliif bahan kun galgala kanaa waliin si'a 27ffaa ta'a. Kana keessaa 22 Ispeen La Ligaa keessatti morkii El Clasico irratti si'a 22 walitti dhufan.
Moodiriich kilaba Riyaal Maadiriid bakka bu'ee, Mesiin ammoo Baarseloonaa waliin ta'uunidha.
Yeroo El Clasico kana irratti walitti dhufan irratti Moodiriich si'a 12 mo'atee, Mesiin si'a sagal mo'ate.
Kan nama gaddisuu garuu taphattoonni kunnen lamaan waggoota dhufan keessa soorama bahu.
'Mesiin jiraachuun Arjentiinaaf gaariidha'
Tapha xumura walakkaa Arjentiinaan Kirooshiyaa waliin gootu keessatti Liyoonel Mesiin argamuun "carraa addaadha" jedhe taphataan sarara ittisaa Arjentiinaa Nikoolaas Tagliyaafikoo.
Arjentiinaan akka sadarkaa kanarra qaqqabduufis kan taasisu Mesiidhuma waan ta'eef, ammallee caalaa garee isaanii akka cimsu dubbate Nikoolaas.
"Inni yeroo hunda akkuma kanadha," jechuunis dinqisiifateera Mesiidhaan.
"Inni nuuf dursaafi gaggeessaa garee keenyaati. Inni nama nu jajjabeessuuf daran akka jabaannu nu onnachiisudha."
'Kirooshiyaan seenaa caalu hojjechuu feeti'
Biyyi Awurooppaa uummata miliyoona afur hin guutne qabdu Kirooshiyaan, Arjentiinaa mo'achuun Waancaa Addunyaaf dhiyaattee walitti aansuun seenaa hojjechuu barbaaddi jedhe leenjisaan garee biyyattii Zlatko Dalic.
"Nuti amma gareewwan filatamoo addunyaa afur keessaa tokko taaneerra - kun ammoo Kirooshiyaaf milkaa'ina addaati. Waancaa Addunyaa lama irratti walitti aansuun garee afur filatamoo keessaa tokko ta'uun waan guddaadha.
"Nuti amma kana caalaa milkaa'uu barbaadna. Garee Arjentiinaa baayyee cimaafi sodaachisaa ta'e Liyoonel Messi of keessaa qabu waliin taphanna.
''Isaan waan hedduu kaka'aniiruuf Kirooshiyaa caalaa yeroo kana dhiibbaa jala jiru."
Tapha har'aa kanaaf Arjentiinaan sababa adabbiitiin Maarqos Akuunaafi Gonzaaloo Monteeyil malee hiriiru. Nikoolaas Tagliafico garuu ni dhufaaf.
Haata'u malee, Angel di Maria fi Rodrigo de Paul har'a miidhamarraa dandamatanii ni hiriiru jedhameera.
Gareen Kirooshiyaa gama biraan taphataa miidhamaanis ta'e adabbiidhaan dhorkame tokkoyyu waan hin qabneef humna guutuun jiru.
Gareen biyyoota kanneen lamaan Waancaa Addunyaa irratti yeroo walitti dhufan kun sadaffaadha.
Kan jalqabaa tapha mo'atanii darbuutiin bara 1998 walitti dhufaniin Arjentiinaan 1-0n Kirooshiyaa mo'atte.
Waancaa Addunyaa 2018 Raashiyaatti qophaa'e irratti ammoo Kirooshiyaan 3-0'n Arjentiinaa mo'attee turte.












