Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Soogidda baayyee soorachuun miidhaa qaba, fayyadamuu dhiisun hoo?
Qorattootni dhimmaa soorataa tokko tokko nyaanni soogidda xiqqaa qabu akkuma soogidda baay'ee fayyadamuu balaa qaba jedhanii falmu. Garuu dhugaan jiru maali?
Akeekkachiisni ogeeyyii fayyaa soorata keessatti akka soogidha hir'isan gorsu akka malee heddummateera. Sababni isaa ammoo ummanni addunyaa hedduun jechuun ni danda'ama hamma soogiddaa fayyadamuu qabu gorfame dachaa lama ol fayyadamuu isaati. Kunis fayyaa namootaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira.
Ta'us, falmiin faallaa ta'e tokko mul'achaa jira, qorannoon waggootaaf qormaata ta'ee fi gaaffiiwwan furmaata hin arganne waa'ee mi'eessituu kanaa hedduutu jira.
Qabiyyeen Soodiyeemii kan soogidda keessatti argamu, qaamni keenya madaallii dhangala'aa akka eeguuf, oksijiinii fi soorata geejjibsiisuuf, akkasumas narviin akka hojjetu dandeessisuuf murteessaadha.
Haa ta'u malee, ummanni baay'een soogidda baay'inaan soorachuu waan aadeffataniif ogeeyyiin fayyaa hawaasni addunyaa soogidda sooratu akka hir'isu amansiisuuf rakkataniiru.
Guyyaatti soogidda hamgamii soorachuutu gorfama?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) guyyaatti soodiyemii 2g gadi akka ta'u yaada dhiheessa, kunis tilmaamaan soogidda soodoyeem Kiloorayidii 5g ta'a. Ameerikaatti, Qajeelfamni Nyaataa Ameerikaanotaaf bahu, ga'eessonni soodiyemii guyyaatti 2.3g gadi, ykn gara soogidda fal'aana shaayii tokkoo gaditti daangeessuu akka qaban gorsa.
Qorannoon bara 2022 maxxanfame akka agarsiisutti, hanga soodiyemii guyaatti giddu galeessaan (giraami 3 fi 6 gidduu) fayyadamuun carraa dhukkuba onnee hir'isuuf mijataa dha, jedha. Faayidaa fi miidhaa nyaata soodiyemii xiqqaa fi baay'ee wal bira qabuun yoo madaalchisu.
Dhaabbanni NHS UK ammoo ga'eessonni soogidda guyyaatti 6g caalaa fayyadamuu akka hin qabne gorsa.
Kunis soogidda galteewwaan nyaataa qophaa'an keessati arga,manii fi kan yeroo nyaata bilcheessinu ykn minjaala irratti itti dabalannu dabalateeti.
Haaa ta'uu malee UK keessatti giddu galeessaan namootni soogiddi guyyaatti naannoo 8.4g yoo ta'u fayyadamu. US keessatti ammoo gara 8.5g ta'a.
WHOn akka tilmaametti, giddu galeessaan fayyadamni soogidda addunyaa guyyaatti gara 10.8gtti ol guddateera.
Soogidda guyyaa guyyaan fudhannu keessaa gara %25 qofatu soogidda ofii keenya itti dabalannu irraa argama.
Harki caalaan isaa nyaata qophaa'e kan akka daabboo, mi'eessituu, shorbaafi midhaan murtaa'e keessatti argama.
Kun ammoo hanga isaa baruuf kan wal xaxaa taasisu yoo ta'u, yeroo baay'ee oomishtoonni soogidda dhiisanii soodiyemii tarreessuun soogidda qabatamaan jiru caalaa xiqqaa akka fayyadamnu akka amannu nu taasisa.
Soogiddi qabiyyeewwaan akka soodiyemii fi kilooraayidii kan of keessaa qabu yoo ta'u, soogidda 2.5g keessatti tilmaamaan soodiyemii 1g jira.
Ogeettiin soorataa Meey Simpkin akkas jechuun akeekti, "Ummanni bal'aan kana hin beeku, soodiyemii fi soogiddi waan tokko qofa yaadi. Namni kana sitti himu hin jiru." jetti.
Giddu-galli To'annoo fi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) akka gabaasetti, soodiyemii US keessatti fudhatamu keessaa gara % 40 nyaata akka piizaa, foon, biskuutiwwaan, chiipsii fi burger irraa argama.
Balaa fayyaa soogidda baay'ee soorachuu
Qorannoon akka agarsiisutti soogidda garmalee soorachuun dhiibbaa dhiigaa olaanaa kan fidu yoo ta'u, kunis dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu, furdina garmalee fi dhukkuba onnee fiduu danda'a.
Yeroo dheeraaf soogidda baay'ee fayyadamuun ammoo ujummoolee dhiigaa keenya dhiphisuu fi dhiibbaa dhiigaa itti fufiinsa qabu geessisuu mala. Haala kanaan, sodiyeemiin garmalee itti baay'achuun waggaatti addunyaa guutuurraa namoota gara miliyoona 1.89 tu du'a jedha WHO.
Xiinxalli meetaa qorannoowwan 13 waggoota 35 keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti, soorata guyyaa guyyaa keenyatti soogidda dabalataa 5g dabaluudhaan carraan dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa waliigalaa %17 dabaluu fi carraan dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu %23 dabaluu isaa agarsiisa.
Faayidaa fayyaa soorata soogidda hir'isuun qabu
Xiinxala waggoota saddeetiif qorannoo fayyaa Ingilaandii irraa gaggeeffameen, qorattoonni soogidda guyyaatti 1.4g hir'isuun dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf gumaacha qabaachuu akka hin oolle, kunis dabaree isaatiin dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu lubbuu namaa galaafatu %42 hir'isuu fi du'a dhukkuba onneetiin walqabatee dhufu %40 akka hir'atu taasisuu ibsu.
Yaaliin qorannoo bara 2023 maxxanfame akka agarsiisutti, torban tokkoof nyaata soodiyemii xiqqaa qabusoorachuun dhiibbaa dhiigaa gadi buusu kan qoricha dhukkubsattoota dhiibbaa dhiigaa qabaniif ajajamuu wajjin wal fakkaatu qaba.
Haa ta'u malee, yeroo baayyee soogidda hir'isuun amala nyaataa fi akkaataa jireenyaa biroo irraa guutummaatti adda baasuun qormaata akka ta'ellee eera. Biyyootni tokko tokko namoonni soogidda akka hir'isan jajjabeessuuf duula taasisaas jiru. Biyyota akkasii keessatti jijjiramni hedduun mul'ateetera.
Fakkeenyaaf mootummaan Jaappaan dhuma bara 1960moota keessa namoonni soogidda akka hir'isan amansiisuuf duula erga jalqabee booda, hanga fayyadamaa guyyaatti 13.5g irraa gara 12gtti hir'ate.
Yeroo kanatti dhiibbaan dhiigaa gadi bu'uu fi duuti dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu %80 hir'achuu danda'eera.
Finlaanditti dhuma bara 1970moota keessa soogiddi guyyaa guyyaan fudhatamu 12g ture bara 2002tti hanga 9g gadi bu'eera. Yeroo walfakkaatutti duuti dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu fi dhukkuba onneetiin %75-80 hir'ateera.
Dabalataanis, dhiibbaan soogiddi dhiibbaa dhiigaa fi fayyaa onnee irratti qabu nama tokko irraa gara nama biraatti garaagarummaa guddaa qabaachuu danda'a.
Qorannoon akka agarsiisutti, miidhaan soogidda namoota dhuunfaa gidduutti garaagarummaa qaba, kunis sababoota akka gosa, umurii, ulfaatina qaamaa, haala fayyaa fi seenaa maatii dhiibbaa dhiigaa irraan kan ka'edha.
Soogidda soorachuu hirisuun miidhaa maali qaba?
Amma amma qorattoonni tokko tokko nyaanni soogidda xiqqaa qabu akkuma nyaata soogidda baayʼee qabu dhiibbaa dhiigaadhaaf balaa geessisuu akka dandaʼu yaada dhiheessaa jiru.
Fakkeenyaaf, qorannoon meetaa tokko soogidda xiqqaa fayyadamuu fi taateewwan onnee fi ujummoolee dhiigaa fi du'a geessisuu danda'an gidduu walitti dhufeenya akka jiru adda baaseera.
Lagannaan soogidda cimaan keessumaa dhukkubsattoota onnee fi dargaggootaa irratti bu'aa fayyaa gaarii hin taane waliin walqabatee akka jira ibsu.
Giddugaleessatti waan madaalawa argachuun soorata barbaachisaa kamiyyuu irraa eegamu waliin kan walsimu yoo ta'u, sadarkaan guddaan dabaluun summii fiduu danda'a, sadarkaan gadi aanaan immoo hanqina fiduu danda'a," jedhan.
Nyaanni soogidda baay'ee qabu nyaata fayya qabeessa akka ta'u gochuuf sochii qaamaa gochuudhaan madaalawaa ta'uu danda'uu fi dhiisuu isaa irrattis ogeeyyiin yaada adda addaa qabu. Tokko tokko, nyaanni pootaasiyeemiin badhaadhe, kan fuduraalee, kuduraalee, muduraalee fi aannani of keessaa qabu, dhiibbaa hamaa soogiddi geessisu salphisuu akka danda'u ibsu.
Faallaa kanaa ammoo soogidda dhokataa nyaata keenya keessatti argamu guutummaatti dhabamsiisuuf yaaluu irra hamma soogidda soorata keessatti fayyadamnuu beeknee madaalchisaa deemuun akka barbaachisu gorsu.