'Ulaa galaanaa yoo argachuu baanne waraanni jira' jechuu pirezidantii Yugaandaafi yaaddoo Keeniyaa

Miseensa biyyoota Hawaasa Afrikaa Bahaa kan ta'an Keeniyaafi Yugaandaan sababa yaada jabaa ulaa galaanaa ilaalchisee dhiyaateen aanga'oonni olaanoo biyyoota lamaanii jechoota walitti deddeebisuu keessa galaniiru.

Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii torban tokko dura biyyisaanii karaa Keeniyaatiin "ulaan Garba Indiyaa" isheef mala jechuun ifatti dubbachuun isaa naannicha keessatti maal hordofsiisa yaaddoo jedhu uumeera.

Gaaffii jabaafi ejjennoo cimaa pirezidantichaa hordofee namoonni tokko tokko biyyoota Baha Afrikaa gidduutti gara fuula duraatti walitti bu'insi ka'uu danda'a jechaa jiru.

Pirezidant Museeveeniin kana kan duubbate A L I Onkoloolessa 29, 2018 gaaffiifi deebii taasiseen kan buufata televizhinii biyyattiin tamsa'erratti ture.

Gaaffiifi deebiin kun kan taasifame magaalaa Imbaalee kan gama baha biyyattiin jirtutti duula filannoo gaggeessaa wayita jiranitti ture.

Pirezudantichi gaaffiifi deebii isaa keessatti jabina humna ittisaaafi walitti makama diinagdee Hawaasa Afrikaa Bahaa (East Africa Community) ilaalchisuun yeroo ibsutti abbummaa ulaa galaanaa kaase.

Museeveeniin biyyoonni Afrikaa Bahaa arfan akka bal'ina diinagdeen waraanaafi qorannoo hawaa dabalatee guddina teekinooloojii akka qaban dubbateera.

"Afrikaan akkamiin ofirraa ittisuu dandeessi? dinagdeen walitti makamuun ni gargaara jechuun dubbateera.

"Kanaafan namootatti hima. Maaliif tokko ta'uu akka qabnu hin argitanii? Sababni isaas... Yugaandaan humna galaanaa ijaaruu yoo barbaadde akkamitti ijaaruu dandeessi? Galaana hin qabnu" jechuun gara ijoo dubbii kanaatti gale.

Keeniyaan michuu daldalaa fi dhiyeessii ijoo Yugaandaa taatus, pirojektoonni waloo sarara ittiin boba'aan darbu, daandii ijaaruufi sarara daandii baaburaa diriirsuuf karoorfamanii turan hanga ammaatti hojiirra hin oolle.

Pirezidaantichi kana ilaalchisee dubbii dubbateen, "Keeniyaa waliin marii dhuma hin qabne taasifneerra... sarara daandii baaburaa irratti; sababni isaas biyyi keenya uumamaan ulaa galaanaa hin qabdu waan ta'eef. Haata'u malee galaanni anaafis ni mala. Sababni isaas galaanni koo eessa jira? Galaanni sun naaf mala. Gara fuula duraatti waraanni ni jiraata. Gara fuulduraatti waraanatti seenuun keenya waan hin oolledha" jedhan.

Yaadni Museeveenii kun miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalee idilee gurguddoo Keeniyaa irratti ka'umsa gabaasaaleefi marii ta'uurra darbee aarii kaaseera.

Deebii kanaaf, qondaalli olaanaa dhimma alaa Keeniyaa, Koriir Singoy, biyyisaa bu'uura seeraa abbaa biyyummaa fi qabeenya uumamaa bulchu dabalatee seera idil-addunyaa akka eegduufi tarkaanfiin Yugaandaa kun seeraan ala ta'uu ibseera.

Yugaandaan biyya ulaa galaanaa hin qabne yoo taatu, fedhiin Pirezidaant Yoweerii Museveenii fedhii humna galaanaa ijaaruu fi galaana Indiyaa daangaa tokko malee argachuuf qaban dubbachuun isaa Aafrikaa Bahaatti yaaddoo haaraa uumeera.

Museveeniin Yugaandaan mirga galaanaa kan ollaashee qarqara galaanaa Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin walqixa ta'uu ibsuun, yoo sun hin danda'amne tarkaanfii waraanaa fudhatamu akka jiraatu akeekkachiiseera.

''Galaanni koo Galaana Indiyaati'' kan jedhu Museveeniin, barbaacha biyyattiin buufata doonii argachuuf qabdu dippilomaasii osoo hin taane dhimma mirga biyyaalessaa akka ta'etti dhiyeesse.

Akkasumas, "yaada ofittummaa" biyyoota ulaa galaanaa qaban tokko tokkoo qeequun galaanonni fi buufata doonii guutuu ardii kanaa tajaajiluu qabu jechuun qeequun dubbateera.

Museveenii fi prezidaant Wiliyaam Ruutoo bara 2024tti sarara boba'aa dabarsu Keeniyaa Lixaa Eldoret irraa gara magaalaa guddoo Yugaandaa, Kaampaalaatti geessu hundeessuuf mari'ataniiru.

Bitootessa bara 2024 keessa Keeniyaan Dhaabbanni Boba'aa Biyyaalessaa Yugaandaa boba'aa qulqullaa'e kallattiin karaa ujummoo Keeniyaatiin buufata doonii Moombaasaa akka galchu hayyama kenniteetti.

Tarkaanfiin kun gatiin boba'aa Yugaandaa keessatti gadi bu'aa akka ta'uuf kan kaayyeffate ture.

"Kun Keeniyaan daandii daldalaa Yugaandaa itti fuftee to'achuu ishee irratti aarii turedha," jechuun gaazexaan Keeniyaa The Star jedhamu gabaaseera.

"To'annoo daandii daldalaa Yugaandaa irratti Keeniyaa keessatti aarii guddaa mul'isa," jedheera.

Itti dabaluun, "Pireezidaantiin [Museeveeniin] waamicha ida'amuu naannoo dhiyeessaa turan, obsa dhabaniiru, yaaddoo Keeniyaa irrattis dabalaniiru."

"Yaadni isaas waldhabdee ujummoo boba'aa Eldoret-Kampaalaafi falmii yeroo dheeraa kan akka Odoola Migingoo irratti mul'atus calaqqisiisa."

Gaazexoonni Keeniyaa biroon akka gabaasanitti, dubbii pirezidaantichaa kana kan kakaase waldhabdee bubbule Keeniyaan daandii daldalaa Yugaandaa itti fuftee to'achuu isheetiin.

Yugaandaan biyya ulaa galaanaa hin qabne yoo taatu, yaadni pirezidaantichi galaanatti bahuu ilaalchisee dubbate dhimmi kun gara fuulduraatti Keeniyaa waliin waraanatti akka geessuu malu sodaa kaaseera.

"Pireezidantiin Yuugaandaa Yoweerii Museveenii yaaddoo haguuggii Keeniyaa irratti xiyyeeffate keessaan, Hawaasa Baha Afrikaa keessatti galaana Indiyaa qaqqabuu ilaalchisee lolli gara fuula duraatti akka ta'u akeekkachiiseera," jechuun The Star gabaaseera.

Yugaandaan gaaffii uklaa galaanaa argachuuf dhiyeessuun ishee kun isa jalqabaa miti.

Gaaffiifi doorsisni walfakkaataan bara 1970moota keessa bulchiinsa abbaa irree Idi Amiin Dadaa jalatti Keeniyaa irratti dhiyaatee ture.

Guraandhala1976 keessa Idi Amin naannoo Keeniyaa bal'aa humnaan qabachuuf doorsisuun, naannoo Naayiroobii irraa kiiloomeetira 32 fagaatu himate.

Waldhabdeen biyyoota lamaan jidduu sababa ulaa galaanaa argachuu jedhuun yeroo adda addaatti muddama uumaa turan gara tarkaanfii waraanaatti hin guddanne.

Naayiroobiin fedhii tarsiimawaa daldalaa Kampaalaatiif faayidaa qaba jechuun daandii gabaabaa gara galkaana Indiyaa geessu Kisuumuu Haroo Viktooriyaa irratti buufata doonii Mombaasaa waliin walqunnamsiisu filannoo daandii baaburaa diriirsuu dhiyeessiteetti.

Yugaandaan garuu daandii biraa kan barbaadde yoo ta'u, ujummoon boba'aa Hoyimaa irraa gara buufata doonii Taangaa Taanzaaniyaatti geessu gaafachuun muddama uumeera.

Ilmi Pirezidaantii Yugaandaa Yowerii Museveenii, Muhuzii Kaayinerugabaa, bara 2022tti biyya ollaa Keeniyaa weeraruuf fedhii qabu irra deddeebiin ibsuun, abbaan isaa gidduu seenuun dhiifama akka gaafate kan taasise ta'uun isaa hubatamuu qaba.

Yugaandaan addatti Taanzaaniyaa waliin ujummoo boba'aa dabarsu doolaara biiliyoona 4 baasuu ijaaraa jirti.

Ujummoon kun kiiloomeetira 1,443 kan dheeratu yoo ta'u, buufata doonii Daar es Salaam irraa kan eegalu ta'a.

Maanguddoon umuriin isaa waggaa 81 ta'e Museeveeniin, yeroo waggoota 40tti siqu aangoorra kan ture yoo ta'u, bara dhufu irra deebi'ee filatamuuf jira.

Taajjabdoonni tokko tokko yeroo kanatti dhimma buufata galaanaa kanaa kaasuuf murteen isaa xiyyeeffannoo fi deeggarsa ummataa argachuuf yaalii godhame yoo jedhan, hariiroo gaarii biyyisaa Keeniyaa waliin qabdu irratti shakkii uumeera.