Masriin buufata doonii haaraa Jibuutiitti ijaaruuf, Itoophiyaaf maal akeeka?

Masriin biyya ollaa Itoophiyaa kan taate Jibuutii keessatti ijaarsa buufata doonii haaraa keessatti qooda fudhachuuf akka jirtu gabaafame.

Biyyoonni lamaan waggaa dura buufata doonii misoomsuufi kaan dabalatee Waliigaltee Hubannoo (MoU) mallatteessan dhihoo hojiirra oolchuuf jedhu.

Sochiin Masrii yeroo Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf gaaffii yeroo cimsitee jirtutti dhagahame.

Itoophiyaan ulaa takkittii oomisha alatti itti baastuufi alaa itti galchitu Jibuutiidha.

Sochii Masrii kana Itoophiyaan akkamiin akka ilaaltu ammatti ifa ta'udhaas baatu, kuni nageenya biyyaalessasheef ''yaaddessaadha'' jedhu xinxalaan BBC'n dubbise.

Gaazexaan biyya keessaa Capital jedhamu maddeen eeree akka gabaasetti, waliigalteen Masriin buufata doonii Jibuutiitti ijaaruuf jettu dhihoo ni taasifama.

Dhimma Hidha Abbayyaan Itoophiyaan gammachuu kan hin qabne Masriin yeroo ammaa Finfinnee waliin hariiroo gaarii kan hin qabne Ertiraa waliinis michummaa cimsiteetti.

Adeemsi Masrii kuni maali? Itoophiyaaf maal akeeka? Itoophiyaan maal gochuu qabdi? Masriin Itoophiyaa 'marsaa' jirtii?

Kaayyoo Masrii

Akka gabaafametti taanaan, masaanuun Itoophiyaa kan taate Masriin sochii invastimantii guddaa jedhamu Jibuutiitti taasisuuf jetti.

Torbanoota muraasa dhufan keessatti jilli ministira muummee Itti aanaa Masrii Kamaal al Waaziriin hogganamu daawwannaa gara Jibuutii taasisaniin waliigalteen ni taasifama jedhamee eegama.

Daawwannaa isaanii dura Sadaasa 03, 2025 Dura taa'aan Abbaa Taayitaaa Buufatawwan Doonii Jibuutii, Abubakar Omaar Haadi jila, Masriitii dhufe simatanii dubbisaniiru.

Masriin buufata SGTD humna elektirikaan osoo hin taane solaarii 20MW oomishu ijaaruun yaada qabdi.

Akkasumas ekispoortii Masriif kan oolu zooniin lojistikii hektaara 10 bal'atu akkasumas terminaala haaraa akka ijaartu gabaafameera.

Ijaarsi kuni naannichatti giddugala daldalaa kan taate Jibuutiif humna dabala jedhamee amanama.

Itoophiyaaf maal akeeka?

Sochiin Masrii kuni buufata doonii Itoophiyaan fayyadmtu irratti dhiibbaa inni qabu ammatti ifa miti.

Itoophiyaanis as baatee waan ifatti dubbatte hin qabdu.

Xinxaltoonni garuu adeemsa Masriii akka yaaddessaa ta'eetti ilaalu.

Xinxalaa Gaanfa Afrikaa kan ta'e Dr Nagaraa Guddataa kaayyoo Masrii akka biraatti ilaalu.

''Buufata baay'ee qabdi[Masrii] itti dhihoo kan jiru. Asitti ijaaruu wanti ishee barbaachiseef wal dhabdee wal gaareffannaa Itoophiyaa wajjiin laga Abbayyaa irratti qaban Itoophiyaarratti dhiibbaa guddaa waan fiduu danda'a jettee amantu keessaa tokko waan ta'eefi,'' jedhu.

Itoophiyaafi Masriin waggootaaf ijaarsa hidha Abbayyaarratti muddama keessa turan, jiruus.

Itoophiyaan hidha kana ijaartee xumuruun eebbisteetti. Ta'us, ammallee Masriin hoggansa hidha kana keessa qooda qabaachuu feeti.

Dhimma kanarratti Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp illee bira goranii dubbataa turan, ajandaa isaaniis akka ta'e Ameerikaan kana dura ibsiteetti.

Waliigaltee Masriin feetu argachuuf dhiibbaa taasisuuf yaaddeeti jedhu Dr Nagaraan.

Dr Nagaraan sochiin Masrii Jibuutiitti taasistu Itoophiyaaf ''fedhii biyyaalessaa akeeka'' jechuun ibsu.

''Tokkoffaa dippilomasiin Itoophiyaafi Jibuutii gidduu jiru laaffataa ta'uusaa. Yoo dhugaatti hojiitti kan hiikamu ta'e dippilomasiin Itoophiyaafi Jibuutii akkaan akka laaffate kan agarsiisudha.

''Garuummoo muuxannoo biyya Masrii kanaan dura jirurrraatii wanti nuti hubachuu dandeenyu wanti kuni as a pressure card [yaaddoo cimsuuf] waan isaan iittti fayyadamanidha malee waan isaan hojiitti hiikanii miti.

''Hojiitti hiikame jennaan yaaddoo nageenya biyyaalessaa Itoophiyaati jechuudha. Maaliifi ulaa Itoophiyaan horiii itti kaffalte masaanuu ishee harkatti gaafa galu balaa guddaa biyyaa qaba jechaadha.''

Kaayyoo Masrii ijoo ''dhiibbaa guddaa mootummaa ykn biyya Itoophiyaarraan gahuudha'' jechuunis ibsu.

Masriin Itoophiyaa 'marsaa' jirtii?

Itoophiyaafi Masriin wal hin daangessan. Haa ta'u malee, dhibdeefi 'diinummaan' waggootaaf ture gidduu isaanii jira.

Kuni, Itoophiyaa Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruu dura kan turedha.

Hayyuuleen kana dura BBC'n dubbise biyyoonni lamaan ''diinummaa'' qofa miti ''michummaa'' jabaas qabu turan jedhu.

Aangawoonni Itoophiyaa yeroo garagaraatti Masriin hidhattoota mootummaa lolaniif dahoodha, ni hidhachiistis jechuun yeroo dheeraaf himatu.

Sababa waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaand mallatteessaniin, hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa hammaatee ture.

Yeroos, Masriin Somaaliyaa bira dhaabbatte. Ertiraa waliinis walitti dhufanii gaaffii Itoophiyaa busheessan, balaaleeffatanis.

Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa kana dura ''Masriin duruu diina Itoophiyaati'' jedhanii ifatti dubbataniiru.

''Masriin diina ganamaa Itoophiyaati. Seenaa keenya guutuu keessatti nuun dadhabsiisuun hojii hunda kan hojjetan isaanidha.

''Ertiraa kan fottoqsan, galaanarraa akka fagaannu kan godhan isaanidha,'' jechuun TPLF dabalatee WBO fi kaan 'kan hundeessan' isaanidha jechuunis dubbatani.

Hidha Abbayyaa waliin walqabatees dhibdeen Itoophiyaafi Masrii hin furamne.

Biyyoota Galaana Diimaatti bahuu Itoophiyaa cimsanii morman keessaas ijoon Masrii fi Ertiraadha.

Dhihoodhuma Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdallaatii, Bulchiinsi Galaana Diimaa Itoophiyaa hin ilaallatu jedhaniiru.

Sababi isaas Itoophiyaan biyya ulaa galaanatti ishee baasu hin qabneef jedhan.

Walta'iinsi biyyoota Galaana Diimaa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan ijaaraaman kan 'Red Wave 8' jedhamuu fi hirmaannaa biyyoota biroo afurii qabu shaakala waraanaa galaanaa waloon eegalaniiru.

Masriin olloota Itoophiyaa kanneen akka Ertiraa waliin hariiroon ishee jabaadha. Jibuutii waliinis hariiroo cimsuuf dalagaa jirti.

Sudaan keessatti waraana biyyattii kan deeggartu yoo ta'u, Sudaan Kibbaa waliinis hariiroo tolfachuu feeti.

Torbanuma kana Pirezidantiin Masrii Pirezidantii Keeniyaatti bilbiluun yeroo mari'atan dhimma hidha Abbayyaas kaasanii turan.

Dr Nagaraan ''Kaayyoon isaanii Itoophiyaa marsuudha. Marsanii sodaachisuudha,'' jedhu.

Sochiin kuni Itoophiyaan hidha Abbayyaa bishaan osoo hin guutin duras Masriin biyyoota ollaa Itoophiyaa biraa deeggarsa argachuuf taasisaa turte.

Itoophiyaan maal gochuu qabdi?

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti yeroo dhufan biyyi alaa jalqaba dhaqanii daawwatan Jibuutii turte.

Jibuutiifi Itoophiyaan hariiroo jabaa qabu. Ta'us, gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaafte irratti kanneen bir'atan keessaa tokko Jibuutiidha.

Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin seenten muddama Somaaliyaa waliin dhufe furuufis Jibuutiin Itoophiyaan buufata Taajuraa akka bulchitu dhiheessitee turte.

Ta'us, booda kana Sa'udiin buufata kana misoomsuuf Jibuutii waliin walii galuu gabaafameera.

Jibuutiin biyya xiqqoodha garuu bakki teessuma ishee gatii guddaa itti horee gatii jabeessa taasiseera. Sababnis Galaana Diimaa qarqara argamuu isheeti.

Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.

Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.

Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.

Buufatni doonii Itoophiyaaf haaraa hin turre. Waggootaaf buufata doonii Asabiin fayyadamaa turte.

Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture.

Daldalaafis tahe buufata humna waraana galaanarraaf yaaddoo hin qabdu ture.

Haa ta'u malee, bara 1993 dhaabate. Kunis, Ertiraan lola waggoota 30 booda Itoophiyaarraa walabummaa waan gonfatteefi.

Walabummaan Ertiraa Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageesse.

Sababa kanaaf Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu barbaadaa jirti.

MM Abiy mootummaan isaanii dhimmi galaana Diimaa dhimma ''seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee'' jedhee akka amanu dubbatan.

Osoo kun kanaan jiruuti sochiin Masrii kuni kan dhagahame.

''Hojii dippilomasii ga'umsa kana madaalu hojjechuudha qabdi Itoophiyaan. Walitti dhufeenya biyyoota ollaa waliin sirreessudha qabdi, keessumaa Jibuutii wajjiin.

''Hin dubbatamu malee erga Itoophiyaan ulaa galaanaa dubbattee haalli jiru gaarii natti hin fakkaatu,'' jechuun himu.

Akkasumas, rakkoo nageenyaa biyya keessa jiru furuu qabdi jechuun yaada kennu.

Dabalataan, dhimmi kuni ''yaaddessaa'' akka ta'e 'Gamtaa Afrikaa akkasumas IGAD'tti fayyadamtee fala itti barbaaduu qabdi jechuun BBC'tti himan.