Hogganaan Telegiraamii 'waan dhoksu hin qabu' jedhe dhaabbatichi

Miidiyaa hawaasummaa Telegiraam jedhamu kan hundeessee fi amma hoogganaa olaanaa kan ta'e Paavel Duurov Faransaay keessatti gaafa Sambataa to'annoo jala oole 'waan dhoksu hin qabu' jedhe dhaabbati miidiyaa hawaasaa Telegiraam.

Paavel buufata xiyyaaraa kutaa kaaba Faransaayitti argamu tokkotti poolisiidhaan to'atame.

Miidiyaaleen Faransaay akka gabaasanitti Paavel Duurov akkuma xiyyaara dhuunfaasaatiin buufata xiyyaaraa la Burgee jedhamu qubateen to'atame.

Qondaaltonni akka jedhanitti ga'eessi umrii waggaa 39 kun kan to'atame ergaawwan karaa toora Telegram waliif ergamaniin walqabatee akkaataa qabiinsa iccitii dhuunfaarratti dabi raawwatameera kan jedhuun yoo ta'u, poolisiinis ajaja hidhaa irratti ba'e qabatee nama kana eeguun to'ate.

Qorannoon irratti adeemsifamaa jirus qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaa kanarrtti bahan siranaan ilaaluu dhiisuu akkasumas Telegiraamiin yeroo hojii yakkaaf oolu to'achuu dhiisuu, dhimma daddabarsa qorichi sammuu si'eessuufi qabiyyee saal-quunnamtii ijoollee fa'i waliin wal-qabata.

Telegiraam ibsa baaseen, ''akkaataan qabiyyee ittiin ilaalu madaala indaastirii jiruuniifi itti-fufinsaan immoo fooyya'aa jira,'' jedhe.

''Appii kana akka malee fayyadamuuf abbaa qabeenyaa gaafatamaa gochuun waan hin taane dhas,'' jedheera.

Dhalataan Raashiyaa Paavel Duurov lammummaa Faransaay fi Yunaayitid Arab Imireetis qaba. Maallaqa doolaara biiliyoona 15 harkaa akka qabu tilmaamama.

Imbaasiin Raashiyaa Faransaay jiru haala kana qulqulleessuuf ''tarkaanfii ariifachiisaa'' fudhachuu miidiyaan mootummaa Raashiyaa TSS gabaaseera.

Televizhiniin Faransaay TF1 jedhamu marsariitiisaarratti akka maxxansetti Paavel Duurov xiyyaara dhuunfaasaatiin imalaa ture.

Rooyitarsi akka gabaasetti ammoo tujaarri (biiliyeenarri) hundeessaa Telegram ta'e kun Azabaajaan irraa kan ka'ee gara Faransaay imale.

Namni kun Dilbata har'aa (Hagayya 25, 2024) mana murtii dhiyaachuu akka danda'u miidiyaaleen Faransaay gabaasaniiru

Hanga yoonaa Telegram, Ministeerri dimma biyya keessaa Faransaay fi poolisiin Faransaay dhimma kanarratti ibsa hin baasne.

Raashiyaatti kan dhalate Paavel Duurov kan inni jiraatu magaalaa teessoo guddicha Telegram taate, Dubaay keessa.

Barruun Foorbis jedhamu Paavel Duurov maallaqa doolaara Ameerikaa biiliyoona 15.5 akka qabu eere.

Toorri miidiyaa hawaasummaa Telgram jedhamu Itoophiyaa dabalatee Raashiyaa, Yukireen akkasumas biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii keessatti bal'inaan hojiirra oola.

Hoji gaggeessaa olaanaan Telegraam kun icciitii odeeffannoo fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa kanaa dabarsee hin kennu jechuun bara 2018 Telegram Raashiyaa keessatti dhorkamee ture.

Booda garuu bara 2021 murteen kun kaafamuun miidiyaa hawaasummaa kun hojiirra ooluu eegale.

Telegram miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka Facebook, YouTube, WhatsApp, Instagram fi TikTok'tti aanee miidiyaa namoonni bal'inaan fayyadamanidha.

Bara 2013 kan bu'uureffame Telegram yeroo ammaa fayyadamtoota miiliyoona 900 qaba.