"Gogaan koo qunca'aa ture" -Dubartoota Afrikaa diroonii Raashiyaa hojjechuuf dirqaman

Adaan guyyaa hojii ishee jalqabaa dogoggora guddaa akka hojjette hubatte.
"Yuunifoormiin nuuf kenname. Maal hojjechuuf akka ta'ellee sirritti hin beeknu turre.
Guyyaa jalqabaa gara warshaa diroonin itti omishamutti geeffamne. Keessa deemnee namoota diroonii hojjetan ilaalle. Achirraa gara hojii biraatti nu geessan."
Dubartiin ganna 23 kan kan taate fi Sudaan Kibbaatti kan dhalatte Adaan, bara darbe carraan hojii sossobamtee gara Zoonii Diinagdee Addaa Yelabugaa jedhamu Raashiyaa Rippabiliika Tataarstaan keessatti argamutti geeffamuu dubbatti.
Tooftaa qacarrii dubartoota umuriin isaanii waggaa 18 hanga 22 ta'e, irra caalaan kan xiyyeefate dargaggoota Afrikaa irratti. Lakkoofsi dubartoota Laatiin Ameerikaa fi Eeshiyaa Kibbaa irraa qacaramaniis guddaadha.
Qacarriin kun hirmaattotaaf leenjii ogummaa loojistikii kennuu, nyaata qopheessuu fi keessummeessuufaa akka ta'e ibsa.
Garuu sagantichi gocha qacarrii gowwoomsaa fayyadamuu fi hojjettoonni dubartootaa dargaggoota kaffaltii beeksifame caalaa xiqqaa ta'een hojii biraa akka hojjatan dirqamsiifamu.
Oomisha dirooni. Garuu isaan himata kana hunda ni haalu. ta'us hojjettoonni tokko tokko diroonii oomishuu gargaaruu irratti akka hirmaatan hin haalle.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni Afrikaa Kibbaa keessatti dhiibbaa uumuun beekamu dhiheenya kana yeroo Sagantaan 'Yelebuga Start' jedhamu kana beeksisu daldala namaa beeksisuun himatamuun mata duree oduu idil-addunyaa ta'eera.
BBC'n nama dhimma sagantichaa beeksise jedhamefi itti gaafatamummaa qabu qunnamuuf yaale, garuu deebii hin kennine.
Dubartoonni 1,000 ol ta'an kutaalee Afriikaa adda addaa irraa geeffamuun warshaalee meeshaa waraanaa Yelabugaa jedhamutti akka hojjetan qacaramanii akka hojjetan tilmaamama
Baatii Hagayyaa keessa mootummaan Afrikaa Kibbaa qorannoo eegaluun lammiileen isaa akka hin galmoofne akeekkachiiseera.
Nageenya isheef jecha maqaan ishee kan jijjiirame Adaan yeroo jalqabaaf waa'ee qacarrii kanaa bara 2023 dhageesse.
"Hiriyaan koo Raashiyaa keessatti carraan barnoota bilisaa akka jiru Feesbuukii irratti maxxansee ture. Beeksisni kun kan Ministeera Barnoota Olaanoo Sudaan Kibbaa ture," jetti.
Dhabbatichaas ergaa karaa WhatsApp ergiteen qunamuu dandeesse. Sana booda "maqaa koo, umurii koo fi maaliif akkan Yelábugaatti makamuu barbaadu unka akkan guutu na gaafatan. achis naannoowwan sadii hojjechuu barbaadu akkan filadhu na gaafatan" jechuun ibsiti.
Adaaniif filannoo ishee jalqabaa kan ta'ee opereetara tawaar kireenii ta'uu akka filatte dubbatti.
Yeroo hundumaa fedhii teeknooloojii irra hojjachuu kan qabdu yoo ta'u, yeroo tokko biyya alaa illee deemtee dorgommii roobootikii irratti hirmaattee turte.
"Naannoo dubartoonni yeroo baayyee hin hojjenne keessatti hojjechuu barbaadeen ture. Keessattuu biyya koo keessatti hojii dubartoonni maashinoota ijaarsaa ulfaataa irratti hin hojjetan" jetti.
Adeemsi viizaa waggaa tokko ishee fudhate. Baatii Sadaasaa keessa gara Raashiyaa deemte.
"Yeroon Raashiyaa gahu baay'ee qorra ture, jibbeen ture. Yeroo buufata xiyyaaraa irraa gadi bahu heddu natti qorra turre."
Qorrisaa akkuma jirutti ta'ee, yeroo gara buufata 'Sagantaa Alabugaa start jedhamu' geeffamtu waan argitetti gammadde.
"Baay'een dinqisiifadhe. Waanan eege argadhe. Warshaalee, konkolaataa fi meeshaalee qonnaa baay'ee argeera." jette.
Adaan baatii Waxabajjii keessa hojii jalqabuu isheen dura barnoota afaanii ji'a sadii fudhatte. Sana booda garuu jireenyi ishee jijjiirama hin eegamne keessa seene.
Isheenis ta'e hirmaattonni biroo warshaa diroonii kana keessatti hojjechuu barbaaduu fi dhiisuu isaanii filannoo akka hin kennamne dubbatti. Waliigaltee iccitii mallatteessanii waan turaniif, hojii isaanii maatii isaanii waliin illee mari'achuu hin dandeenye.
"Hundi keenya gaaffii hedduu qabna turre. Gama teeknikaa - oomishaa, hojii, loojistikii, hojii tawaar kireenii - hojjechuuf mallatteessinee turre, garuu hundi keenya warshaa diroonii keessatti hojjechuu eeggalle''
Sagantaan Alabuga Start hojjettoota isaa gowwoomsuu ni haale.
"Dameewwaan hirmaattonni keenya itti hojjetan hundi marsariitii keenya irratti ibsamaniiru," jechuun gaaffii BBC'f deebii kennaniin ibse.
Hojjettoonni kunneen warshaa kana suuraa akka kaasan kan hin hayyamamne ta'u. BBC'n suuraa chaanaalii televijiinii mootummaa Raashiyaa RT irratti tamsa'e argateera. Adaanis bakki itti hojjettu kana ta'uu nuuf mirkaneessiteetti.
Viidiyoon kun diroonii Iraanin hojjetame (Iranian Shahed 136) bakka sanatti oomishamuu agarsiisa.
Inistiitiyuutii Saayinsii fi Nageenya Idil-addunyaa irraa kan ta'an Ispeensar Fargaasoo, "Zooniin Diinagdee Addaa Alaabugaa bakka meeshaa waraanaa itti oomishanidha" jedhu.
Raashiyaan diroonii Shahaad 136 oomishaa akka jirtu amantee jirti.Kutaan isaan gadhiisan kana mirkaneessa. Waa'ee warshichaa fi milkaa'ina isaa dubbachaa jiru,'' jedha ogeessi kun.
Dubartoota akka Adaan hedduu gaaffiifi deebii kan taasisan Speensar, hojjettoonni kunneen meeshaa waraanaa oomishaa akka jiran quba hin qabani jedhan.

Madda suuraa, BBC BBC kan kenname
"Fageenyarraa dubartoonni kunneen biyyoota biraa dhaquu, muuxannoo hojii horachuu, maallaqa argachuuf carraa guddaa fakkaata.
Garuu yeroo gara dhaabbaticha dhufan wanti waadaan isaaniif galame dhugaa akka hin taane argan ni rifatu. Haalli hojii akka itti himame miti."
Adanis hojii ishee itti fufuu akka hin dandeenye beekte.
"Wanti hunduu hiikamuu jalqabe. Sobni yeroon iyyadhe irraa kaasee natti himame ifa ture. Namoota na soban waliin hojjechuu hin danda'u. Jireenya koo warshaa diroonii keessatti dabarsuu hin barbaadu" jette
Yeroo isheen hojii gadhiisuu ishee dhiheessitu torban lama booda dhimmi ishee akka ilaalamu itti himame. Torban lamaaf hojii itti fufuu qabdi turte.
Torban lama sana keessatti diroonii halluu dibaa turte. Keemikaalli halluu sana keessaa ba'e harka ishee gubeera.
"Yeroon mana ga'u gogaan koo ququnca'ee arge. Guwaantii fi uffata ittisaa uffannus keemikaalli sun haala cimaan keessa seenuu danda'a."
Dhabbatichi garuu hojjettootaaf uffata ittisaa barbaachisaa ta'e akka kennu dubbata.

Madda suuraa, BBC kan kenname
Adaan Raashiyaa geessee torban lama utuu hin guutiin Yukireen Ebla bara 2024 warshaa kana irratti haleellaa diroonii raawwatte turet.
"Bilbilli balaa tasaa warshaa sanaa dhaga'amuun hirribaa ka'e. Waan adda ture. Daawwitiin mana jireenyaa keenya isa gubbaa jiru caccabee. Dubartoonni tokko tokko dho'iinsa dhaga'anii dammaqan. Ala baane."
Yeroo sanattis namoota naannoo sanaa baqatan argite.
"Yeroo namoonni ol akeekan ol ilaale. Dirooniin samii keessaa dhufaa jiru arge. Fiiguun jalqabe. Hanga danda'en fiige, namoota fuuldura koo jiran bira darbe."
BBC'n viidiyoo Adaan guyyaa haleellaan kun itti raawwatame kaaste dhugaa ta'uu isaa mirkaneessuu danda'eera.
Ji'oota booda warshaa diroonii keessatti hojjechaa akka turte yeroo bartu haleellaa sana irra deebitee yaaddee kanaaf akka isaan irratti xiyyeeffate hubatte.
"Yukireen shamarran Afrikaa warshaalee diroonii keessatti hojjechuuf dhufan, warshaa rukutame sana keessa akka jiraatan beekti turte. Oduu keessa ture. Yukireen mana namoota siivilii rukutteetti yeroo himatamtu: 'Lakki, sun hojjettoota warshaalee diroonii keessatti hojjetanidha' jette
''Awurooppaanonni fi Ameerikaanoonnis naannoo dinagdee addaa keessa hojjechaa turan. Yeroo waraanni kun jalqabu sababa qoqqobbii Raashiyaa irratti kaa'ameef warshaasan gadhiisaniiru. Kanaafidha Raashiyaan hojjettoota Afrikaa qacaruu kan jalqabde."
Adaaw erga hojii gadhiisee booda maatiin ishee tikkeettii xiyyaara isheef bitan.
Dubartoonni hedduun maallaqa ittiin gara biyyaatti deebi'an akka hin qabne dubbatti.
Kaffaltiin isaa kan beeksifame irraa gadi aanaadha. Adaan doolaara 600 akka argattu itti himame, garuu gara doolaara 100 qofa argatti ture.
"Kiraa manaa, barnoonni afaanii, Wi-Fi fi geejjibaa, akkasumas gibirri nurraa hir'ifameera.
Yoo guyyaa tokko hojii irraa hafne doolaara 50 arganna.
Hojii manaa keenya yoo hin hojjenne ykn yeroo afaan Raashiyaa barannu daree yoo hin deemne mindaa keenya irraa hir'ifama."
Sagantaan Alabuga Start BBC'tti akka himeetti, mindaan hojjettootaa gahumsaa fi amala isaaniitiin murtaa'a.
Hojjettuun warshaa biraa BBC'n gaafate sa'aatiin hojii ishee gaarii ta'uu dubbatteetti.
"Dhugaa dubbachuuf dhaabbati kamiyyuu seera qaba. Namni hin jirre ykn bu'a qabeessa hin taane akkamitti mindaa isaa guutuu argachuu danda'a?
Wanti hundi madaalawaadha. Namni kamiyyuu waan hojjechuu hin barbaanne hojjechuuf hin dirqamu.
Dubartoonni baay'een ni baqatu; seera hin hordofan. Dhaabbatichi nama tokkollee hin dirqisiisu. Yeroo barbaannetti bahuu dandeenya."
Adaan garuu kana hin fudhatu.
"Baay'een mufadha. Yeroo hunda yeroon kutaa kootti deebi'u nan boo'a.
Akkamittan as ga'e? Of gaafadha. Meeshaa lubbuu namoota hedduu fudhatu ijaaruu keessatti harka akkan qabu beekuun na gaddisiisa." jetti












