Raashiyaafi Yukireen hoomaa diroonii guddicha walitti dhukaasan

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaafi Yukireen erga waraana eegalanii homaa diroonii isa guddaadha jedhame walitti dhukaasan.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa magaalaa Moskootti kan dhihaatan dabalatee naannoo jaha keessatti dirooniiwwan 84 Yukireen dhukaaste qolachuu ibse.
Haleellaan diroonii kuni xiyyaarri buufatawwan xiyyaaraa ijoo sadii Moskoo keessatti argamanitti akka hin qubanne dirqeera.
Humni qilleensaa Yukireen immoo Raashiyaan gaafa Sambataa diroonii 145 bakkeewwan adda addaa biyyattii keessatti dhukaasuufi baay’ee isaanii lafaan dhahu dubbate.
Haleellaan kuni filannoo Ameerikaa kan injifatan Donaald Tiraamp qaamoleen lamaan waraana akka dhaaban dhiibbaa uumuu malu jedhamee yeroo eegamaa jirutti mudate.
Haleellaan Yukireen haleellaa guddicha erga waraanni eegale magaalaa guddoo Raashiyaarratti taasistedha.
Aangawaan Raashiyaas haleellaa kanaan ‘’akkaan baay’ee’’ jechuun ibsan.
Dirooniiwwan baay’ee Yukireen dhukaaste kanaan kibba-lixa Moskootti namoonni shan yoo miidhaman manneen afurimmoo ibiddi qabachuu Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas dirooniiwwan 34 magaalaa Raameniskoye gubbaa dhahamanii lafa kufuu ibse. Magaaluma kanatti Fulbaana keessa dirooniin dubartii tokko ajjeesee ture.
Waggaafi ji’a jahaa dura dhiheenya masaraa Raashiyaa biratti dirooniiwwan lama yeroo dhahaman gidduu magaalaattis haleellaan diroonii raawwatamee beeka.
Yukireen naannoo Odeessaa keessatti yoo xiqqaate namoonni lama miidhamaniiru. Suuraan gamoowwan yeroo gubatan mul’iseera.
Humni qilleensaa Yukireen diroonii Raashiyaa Iraan oomishte 62 lafaan dhahuu, 67 immoo ‘’baduu’’ beeksise.
Kudhan biroo immoo daangaa qilleensaa Yukireen keessaa bahuun Raashiyaatti deebi’u akkasumas biyyoota ollaa Belaarus fi Moldovaatti balali’u ibse.
Haleellaan diroonii kuni erga waraanni eegalee Raashiyaan bakkeewwan hedduu to’achuu hordofee mudachuu gabaafame.
Xinxalli AFP Raashiyaan bakkeewwan hedduu to’achuu ibsuus qondaalli Ministeera waraanaa UK garuu Raashiyaan Onkololeessa keessa baay’ee miidhamte jedhan.
Giddugaleessaan loltuun 1,500 jalaa du’uufi ‘’guyya guyyaan’’ loltoonni miidhamuu BBC’tti dubbatani.
Donaald Tiraamp yeroo duula filannoo gaggeessan waraanicha ‘’guyyaa tokkotti’’ akka dhaabsisan himanii turan. Garuu akkamiin akka kana raawwatan hin dubbanne.

Madda suuraa, Reuters
Gorsaan duraanii Tiraamp, Biriyaan Laanzaa, xiyyeeffannoon bulchiinsa haaraa nagaa buusuu malee Yukireen lafashee akka deeffatu miti jechuun BBC’tti dubbatan.
Eegasii dubbii himaan Tiraamp Laanzaan Tiraamp bakka bu’anii hin dubbatan jedhan.
Dubbii Himaan Raashiyaa immoo Pirezidantii US haaraa filatamanirraa waan gaarii akka eegan dubbatani.
Akka maddi BBC’tti himanitti, Donaald Tiraamp erga filaman booda Pirezidantii Yukireen waliin ''sa’aatii walakkaaf'' mari’ataniiru.
Kana dura Zeleniskiin Raashiyaaf lafa dabarsanii akka hin kennineefi deeggarsa US malee waraanicha akka mo’aman dubbatan.












