'Puutin dhukaasa dhaabuu labsullee haleellaan ittifufeera'- Zeleniskii

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin humnoonni Raashiyaa ayyaana Faasikaaf jedhanii akka gochoota waraana hundarraa of qusatan ajajeera jedhan.

Puutin Dilbata ayyaaana Faasikaan walqabatee lolli akka hin jiraanne labsanii turan.

Hogganaan Raashiyaa kun dhukaasni sa'aatii 30'f akka adda citu labsuun, yoo dhukaasa dhaabuun cabe garuu humnoonni Raashiyaa deebii kennuuf qophiidha jedhan.

Pirezedantiin Yukreen Volodmiir Zelenskiin gama isaanitiin, Yukireen dhukaasa dhaabu kana akka simattu ibsuun, garuu Raashiyaa dhukaasa dhaabu kana cabsiteetti jedhanii himatan.

''Otoo Raashiyaan guutummaatti calliste, Yukireenillee ni callifti, Tarkaafiidhuma Raashiyaan fudhattu Yukireenillee fudhatti,'' jedhan.

''Wixineen guyyoota 30'f guutummaatti dhukaasa dhaabu ammayyuu hojiitti hiikamu mala, deebiin isaa dirqama Mooskoo dhufuu qaba jechuun toora X gubbaatti barreessan.

Zeleniskiin naannoo Raashiyaa Beelgorood fi Kuriskiitti lolli ittifufuu fi dirooniin Raashiyaa bobbaafamuu eeran.

Iddoowwan kaanitti garuu dhukaasi adda cituu himan.

Dhukaasa dhaabuun hanga Ebla 20, 2025 olitti akka dheeratuuf Yukireen qophaa'u qabdi jedhan.

Zeleniskiin wixinee dhukaasa dhaabuu guyyoota 30'f turu kanaan dura Ameerikaan dhiyeessite kan fudhatan fakkaata.

Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andirii Siyibihaan deebii ibsa Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin duraan kennaniif wayita laatan akkas jedhan; ''Puutin guyyoota 30'f otoo hin taane sa'aatii 30'f dhukaasa dhaabuuf qophiidha,'' jedhan.

''Akka carraa ta'ee, gochii isaafi ibsi isaa kan wal hin gitne seenaa bara dheeraa waliin qabna jedhan. Dubbiin isaas akka hin amamamne beekna, dubbii isaa otoo hin taane gochasaa ilaalla ,'' jedhan.

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin ajajaa waraanaa biyyattii Valerii Girasimoov waliin erga mariyatanii booda labsan.

Puutin akkaas jechuun Girasimoovitti himan'' Namooma ilaalcha keessa galchinee, Gama Raashiyaatiin dhukaasa dhaabu feena. Yeroo kanaaf gochoonni waraanaa hundi akka dhaabatun ajaja,'' jedhan.

Puutin Yuukireenillee tarkaanfii walfakkaatu fudhatti jedhanii akka yaadan ittaansuudhaan dubbatan.

Gochii dubbii barbaachaa fi haleellaan yoo raawwatame loltoonni Raashiyaa deebii kenuuf qophiidha jedhan Puutin.

Dhukaasa yeroof dhaabuun kun si'a jalqabaaf miti kan labsame, Amajjii bara 2013 gareen lamaan wixinee dhukaasa dhaaburratti gareen lamaan wal dhabuun otoo hin mikaa'in hafe.

Raashiyaan Guraandhala bara 2022 humna guutuun Yukireen weerarte.

Weeraraa kanan gama lachuurraa namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman, irra caalan isaanii loltoota kan ta'an ajjeefamaniiru ykn mada'aaniiru.