'Human hair' addunyaatti gatiinsaa qaala'e akka itti sassaabamu beektu?

Madda suuraa, EMMA TARLO
Waggoota dura wiigiin ykn rifeensa uumamaa bitanii kan keewwatan warra fiilmii hojjetan ykn warra damee faashinii keessa jiran turan.
Amma haalli kun baayyee jijjiirameera. Dameen kun daldala doolaara biiliyoona hedduu sochoosu ta'eera. Nama riifeensa gurguru, kan ganda keessa naanna'ee rifeensa sassaabbu kaasee hanga manneen gurgurtaa qaqqaaliitti biddeena namoota hedduus ta'eera.
Zeeshaan Alii waggoota 10 oliif damee faashiniifi aartii keessa hojjeteera. Wiigiiwwan gosa adda addaas walitti qabaa bahe.
''Haalichi jijjiirameera. Wiigiin taatoota fiilmii qofaaf ta'uunsaa ooleera, dubartootni hedduun amma wiigii keewwachuun bifa isaanii jijjiiru. Istaayilii ta'eera'' jedha.
Addunyaarratti wiigii hojjechuuf sadarkaa duraatti kan barbaadamu rifeensa warra Hindiiti. Gabaa human hair addunyaa keessatti dhiyeessiin 85% kan dhufus biyyuma kanarraayi.
Kolachi Veenkateesh waggoota 20f riifeensa namaa sassaabaa jiraate. Hojii kana kan jalqabe manarra jooree, koosii keessaa marmaaree sassaabuun ture.
''Maatiin koos rifeensa sassaabu ture, anis sanuma gochuun eegale'' jedha.
Riifeensi ganda keessaa, manneen rifeensaa keessaa sassaabaman kun non-Remy jedhama. Hojii hedduu gaafata. Gosti rifeensaa inni biraan ammoo Remy jedhama. Kunimmoo faallaa isa mandara keessaa guuramuuti. Mataa namarraa eeggannoodhaan haadama.
Inni non Remy jedhamu mataansaa ''kana gatame ta'uyyuu warqeedha'' jedha Veenkaateesh.
Namootni akka Veenkaateesh isa mandara keessaa guuran daldaltootuma naannoosaanii jiranitti kg tokkicha doolaara tokkotti gurguru. Ammoo gaarummaa fi dheerina rifeensichaarratti hundaa'a.
Rifeensi caccabaafi miidhame gatii badaa hin baasu.
Namni jabaatee rifeensa kana sassaabe guyyaatti hanga kg shanii walitti qabuu danda'a. Kanaanis hanga doolaara 6 argachuu danda'a. Maallaqni kun sadarkaa idila addunyaatti galii guyyuu isa xiqqaa jedhamuun gadiidha jedha Veenkaateesh.
Namni kun ofii nama mandara keessa naanna'ee funaanu kan ture ta'us amma namoota 50 ta'an hojii kana hojjetaniif qaba.
''Hojiin keenya daldala idila addunyaa doolaara biliyoona hedduu sochoosuuf gahee kan qabu ta'us galiin keenya baayyee gad-aanaadha. Warra gidduu jirutti baayyee buufata.''
Rifeensi ganda keessaa funaanamu kun garam deema?

Madda suuraa, EMMA TARLO
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rifeensi harki hedduun Veenkaateesh fa'aa sasssaaban kun gara Chaayinaatti engama. Achitti ammoo wiigii ta'a.
''Chaayinaan indaastiriiwwan wiigii hojjetan hedduu qabdi. Doolaara biiliyoona shanii hanga jahaa baasu'' jedha damee indaastirii Rifeensaa Indiyaa jajjabeessuurratti kan hojjetu Benjaamiin Cheeriyaan.
Indaastirii wiigii galii guddaa qabu keessaa Indiyaan fayidaa guddaa argachuuf hojii hedduutu hafaaf jedha.
''Chaayinaa yoo ilaalle guutuu biyyaa keessa warshaalee wiigii dhibbaan lakkaa'amantu jira.''
Warri Hindii rifeensa isaaniitti duudhaa dabalanii akka gabaan barbaadutti hojjechuu qabdii jedha.
Mootummaan Hindiis inveestimeentii indaastirii rifeensaa jajjabeessuu qaba jedha.
Doolaara dhibbootaan lakkaa'amuun rifeensa alatti erguurra, doolaara kumootaan wiigii omishanii erguu wayya jedha.
Amma Indiyaa kan addunyaarratti rifeensa uumamaa gabaa addunyaaf dhiyeessuun adda duree taate warshaalee wiigii jajjabeessaa jirti.
Rifeensa uumamaa bituudhaan ammoo adda dureen Chaayinaadha. Barmaan ammoo wiigii harka hedduun gabaa addunyaarraa bituun tokkoffaa akka taate ragaaleen ni agarsiisu.
Bara 2023 sadarkaa idila addunyaatti daldalli human hair doolaara miliyoona 61.7 ta'u gaggeeffamuu gabaasaaleen ni agarsiisu.
Indiyaan bara 2023 keessa reefansa uumamaa gurguruun doolaara miliyoona 24.5 ta'u argachuun tokkoffaadha. Singaapoor lammaffaa, Paakistaan ammoo sadaffaadha.
Biyyootni rifeensa uumamaa kana bittuun hanga sdarkaa sadaffaa qabatan ammoo Barmaa, Awustiraaliyaafi Xaaliyaanidha.












