Aanga'aan Somaaliyaa kora Gamtaa Afrikaa irratti beekamtii Israa'el Somaalilaandiif kennite balaaleffatan

Ministira dhimma alaa Israa'el Giidiyoon Sa'aar fi Pirezidantii Somaalilaand Abdirahmaan Mohammad Abdullaahii

Madda suuraa, @gidonsaar

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira dhimma alaa Israa'el Giidiyoon Sa'aar fi Pirezidantii Somaalilaand Abdirahmaan Mohammad Abdullaahii

Somaaliyaan Israa'el qondaala ishee gara Somaalilaand erguu baleelffatte. Gamtaan Afrikaa beekamtii biyyummaa Israa'el bulchiinsa Somaaliyaa irraa addatti of baastee of bulchitu, Somaalilaandiif, kennuu ilaalchisee wayita kora waametti, qondaalli Israa'el Somaalilaanditti argaman.

Kibxata, Amajjii , 2026, Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Giidiyoon Sa'aar magaalaa guddoo Somaalilaand, Hargeessaa daawwataniiru.

Daawwannaan ministira dhimma alaa kun erga biyyisaanii Somaalilaandiif beekamtii kennitee kan jalqabaati.

Ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa daawwannaa qondaala Israa'el kana balaaleffachuun ibsa baaseen, ''gochi kun birmadummaa, tokkummaa fi walabummaa daangaa Somaaliyaa kan cabsedha,'' jedhe.

''Karaa fudhatama hin qabneen dhimma biyya miseensa Dhaabbata Biyyoota Addunyaa taate keessa seenuudha,'' jechuun ibse.

''Hargeessaan qaama Somaaliyaati,'' kan jedhu ibsi kun, ''beekamtii mootummaa federaalaa Somaaliyaa malee daangaa somaaliyaatti seenuun karaa kamiinuu fudhatama hin qabu,'' jedhe.

Gochi akkasii Chaartara UN faana kan hin deemne, Heera Gamtaa Afrikaa kan faallessuu fi seera birmadummaa biyyaa kan sarbuudha jedha ibsi Somaaliyaa kun.

Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa tuffii birmadummaa Somaaliyaa irratti raawwachaa jirtu akka dhaabdus akeekkachiiseera ibsi kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el seera idiladdunyaaf akka bitamtu kan gaafate ibsi kun, jaarmiyaaleen addunyaa kanneen akka UN, Gamtaa Afrikaa, Liigii biyyoota Arabaa, Jaarmiyaa Qindoomina biyyoota Muslimaa hundi birmadummaa Somaaliyaa irratti ejjennoo qaban irra deebiin akka mirkaneessan gaafateera.

Somaaliyaan akkuma nageenya mirkaneessuurratti biyyoota addunyaa hunda faana hojjechuuf ejjennoo qabdu, birmadummaa, walabummaa daangaa fi tokkummaa biyyaaleessaa ishee mirkaneeffachuuf tarkaanfii fudhachuurraa duubatti hin jettu jedha ibsi kun.

Kora Mana maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa irratti Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii Alii ''naannoon Somaalilaand yoomiyyuu qaama Rippaabilika Federaalawaa Somaaliyaa ta'ee itti fufa,'' jedhan.

Qaamni alaa kamiyyuu biyya miseensa Gamtaa Afrikaa taate keessa seenee daangaa jijjiiruuf yaaliin taasisu kamuu fudhatama hin qabu jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

Ministirri dhimma alaa kun tarkaanfiin walabummaa daangaa Somaaliyaa sarbuuf fudhatamu kamiyyuu nageenya Gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden kan jeequudha jechuun akeekkachiisan.

Miseensonni gamtichaa gocha nageenya naannawa kanaa goolu akkasumas tattaaffii farra shorkeessummaa gufachiisuu fi nageenya galaanarraa sarbu kana dura dhaabbachuu qabu jedhan qondaalli Somaaliyaa kun.

BBC Afaan Somaalee maddeen amanamoorraa akka odeeffatetti qondaalli Israa'el Giidiyoon Sa'aar daawwannaasaanii kanaan Pirezidant Abdirahmaan Mohammad Abdullaahii Cirro dabalatee qondaalota olaanoo bulchiinsa Somaalilaand waliin ni mari'atu.

Aab Gidiyoon Sa'ar fi Pirezidantiin Somaalilaand dhimmoota garaagaraa irratti erga mari'atanii booda ibsa waloo akka kennan maddeen Israa'el ibsaniiru.

Erga Ministirri Muummee Israa'el Muddee 26, 2025 Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu labsanii as murteesaanii kana Somaaliyaa fi biyyoonni garaagaraa mormaniiru.

Somaaliyaatti kutaaleen hawaasaa garaagaraa, dureewwan amantii fi beektonni mormii dhageessisaniiru.

Magaalaa Hargeessaa keessatti ammoo beekamtii Israa'el Somaalilaandiif kennite kana deeggaruun hiriirri guddaan gaggeeffameera.

Maddeen dippiloomaasii akka ibsanitti daawwannaan qondaala Israa'el kun ejjennoo Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu irratti qabdu cimsuu fi hariiroo Israa'el fi Somaalilaand gidduu jiru daran jabeessuu irratti kan fuulleffatedha.

Israa'el beekamtii biyyummaa kennitee yeroo gababaa booda qondaalli dhimma alaa biyyattii Somaalilaand daawwachuun gidduusaaniitti michummaan cimaa jiraachuu kan agarsiisuudha.

Somaalilaand erga bara 1991 walabummaashee labsachuun of bulchuun eegaltee akka addunyaatti ammallee beekamtii biyyummaa hin argatin jirti.

Daawwannaan ministira dhimma alaa Israa'el kun daawwannaa dippiloomaasii olaanaa dhiheenya kana Somaalilaanditti taasifamedha.

Kunimmoo bulchiinsi adda baatee of bulchitu kun dippilomaasii biyya beekamtii qabuun walqixa ta'e qabaachuu ishee mul'isa.

Muddee 26 Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu wayita Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu ibsan, Pireezidantiin Somaalilaand daawwannaa olaanaaf gara Israa'el akka deemanis affeerraa dhiyeessaniiru.

Mootummaan Israa'eel Rippaablika Somaalilaand waliin hariirooshee atattamaan cimsuu akka barbaadduus fuula miidiyaa MM Beenjamiin Netaaniyaahuu irratti ibsameera.

Gamtaan Afrikaa murtee Israa'el hordofuun ibsa baaseen, beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyuu akka hin fudhanne ibseera.

Gamtichi murannoo Gamtaan Afrikaa tokkummaa fi walabummaa Somaaliyaatiif qabu kan hin sochoonedhas jedheera.