Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen attamiin akka xiyyaarota waraanaa Raashiyaa haleeluun barbadeessite
Haleellaan Yukireen Raashiyaarratti raawwatte dandeettii ajaa'ibsiisaa, kan kanaan dura hin argamne, bal'aa fi ji'oota 18f irratti hojjetamaa kan turedha.
Gaafa Waxabajjii 1, 2025 dirooniiwwan Yukireen 100 ol buufataalee qilleensaa Raashiyaa keessa gadi fageenyaan galuun, xiyyaarota waraanaa fageenya dheeraa niwukilaraa dhukaasuu danda'an irratti xiyyeeffatan.
Guddinni opareshinii "Spider Web" jedhamuun moggaafame kanaa akkuma jalqabeen, dhohinsi naannoolee guutuu Raashiyaa keessatti gabaafameera.
Haleellichis kan kaaba Murmaansk Giingoo Arktik olittii fi hanga bahaatti naannoo Amur, Yukireen irraa kan fageenya km 8,000tti argamuutti kan haguugee ture.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa haleellaan kun naannolee Raashiyaa shan, Murmaansk, Irkutsk, Ivaanovo, Ryaazaan fi Amur, keessatti raawwatamuu mirkaneesseera.
Haata'u malee, xiyyaaronni buufataalee Murmaansk fi Irkutsk keessatti argaman qofti miidhamuu isaanii kan ibse yoo ta'u, bakkeewwan birootti haleellaan kun qolatameera jedhan.
Suuraalee haleellaa kanaan yeroo muraasa booda gadhiifaman irratti, itti gaafatamaan Tajaajila Nageenya Yukireen (SBU) Vaasil Maalik kaartaa saatalaayitii buufata xiyyaaraa buufata xiyyaaraa dirreewwan Raashiyaan tarreeffamte keessatti argaman ifatti adda baafamuu danda'an yoo ilaalan mul'ata.
Duuliicha haleellaa
Maliuk akka jedhanitti, dirooniiwwan kunneen saanduuqoota mukaatiin dugda konkolaattota fe'umsaarratti fe'amuu fi haguuggii fagoo irraa adda baafamu hin danda'amen jalatti dhokfaman seeraan ala gara Raashiyaatti kan galfamanidha.
Sana booda konkolaattonni feʼumsaa kunnunnee waan feʼanii jiran hin beekne fakkaataniin gara buufata xiyyaaraatti maxxananii oofaa ture. Achiis, dirooniin kun furguggifamuun bakka qiyyeeffanaa saaniitti qajeelan.
Viidiyoonni toora interneetii irra naanna'aa jiran keessaa tokko yoo dirooniin konkolaattota dhimmicha keessa jiru tokko keessaa yoo ka'ee balalii'u mal'ata.
Konkolaachisaan konkolaataa fe'umsaa tokko kan miidiyaan mootummaa Raashiyaa Ria Novosti waliin gaaffii fi deebii taasise akka jedhetti, inniifi konkolaachiftoonni biroo diroonii konkolaataa fe'umsaa keessaa balali'un bahaa turan dhagaadhaan kuffisuuf yaalan.
"Konkolaataa fe'umsaa duuba turan, akka hin balaliine, akka gadi kufaniif dhagaa itti darbanne," jedha.
Akka gabaasa hin mirkanoofne chaanaalii Telegiraamii Raashiyaa Baazaa jedhamufi tajaajila nageenyaa waliin walitti dhufeenya qabuun beekamutti, konkolaachiftoonni konkolaattota fe'umsaa dirooniin irraa ka'an hundisaanii haaluma walfakkaatu daldaltootaan saanduuqa mukaa naannoo Raashiyaa adda addaatti akka geessaniif itti himamuu dubbatu.
Muraasni isaas sana booda konkolaattota fe'umsaa eessatti akka dhaabatan qajeelfama dabalataa bilbilaan akka argatan himaniiru. Yeroo akkuma jedhaman raawwataniittis dirooniin fe'umsasaan keessaa balali'aa yoo bahan arguun isaanii isaan ajaa'ibsiise.
Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin, kan kallattiin hojii kana to'ate, barreeffama injifannoo Dilbata halkan miidiyaa hawaasaa irratti qoodame irratti, haleellaa ija jabinaa kanaaf qophaa'uuf "waggaa tokko, ji'a jahaa fi guyyoota sagal," fudhate. Duula kana keessatti dirooniiwwan 117 faayidaarra oolfamaniiru jedhan.
Akkasumas bakkeewwan xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko waajjiraalee tajaajila nageenyaa FSB Raashiyaa tokko cina akka jiru dubbataniiru.
Raashiyaan haleellaa kanaan walqabatee namoota to'annaa jala oolchuu ibsiteetti. Zeleniskiin garuu namoonni hojii kanaaf haala mijeessuun gargaaran ''naannoo Raashiyaa keessaa baafamaniiru... amma nagaadha'' jechuun ibsiteetti.
Maxxansa Telegraam amma haqamee irratti, aanga'oonni naannoo magaalaa Ust-Kut kan bulchiinsa Irkutsk irraa dhufan, haleellaa diroonii buufata xiyyaaraa waraanaa Belaayaa irratti raawwatameen walqabatee nama dhalataa Yukireen ganna 37 barbaadaa akka jiran himaniiru.
Dirooniiwwan
Suuraaleen SBUn qoode, diroonii gurraacha xixiqqoo hedduun mana kuusaa keessaa saanduuqa mukaa keessatti sirnaan dhokfaman agarsiisu, kan biloogaroonni waraanaa Raashiyaa bakka Chelyaabinsk jirutti akeekan agarsiisa.
Ogeessi diroonii UK keessa jiraatan Dr Isteev Raayti BBC'tti akka himanitti, dirooniin xiyyaarota Raashiyaa rukutuuf itti fayyadaman kuwaadkooptaroota salphaa garuu kan fe'umsa ulfaataa fe'an ta'uusaanii ibsaniiru.
Itti dabaluudhaanis, haleellaa kana wanti "baay'ee adda" taasise, dandeettii seeraan alaa gara Raashiyaatti galchuu fi booda fageenya irraa furguggisuu fi ajajuu akka ta'e dubbataniiru.
Kunis walitti hidhamiinsa karaa saatalaayitii ykn interneetii dabarfameen galma ga'uu isaa dubbatan.
Zelensky akka jedhanitti, diroonii 117 furguggifaman keessaa tokkoon tokkoon isaanii balaliisaa ykn paayilatii mataasaanii qabu.
Dr Raayit dirooniiwwan kunneen GPS fayyadamuun balalifamuu akka hin oolle yaada dhiyeessanii, garuu ammoo tarkaanfiiwwan dhorkaa naannoo Raashiyaa fudhataman jala miliquuf diroonii fageenyarraa harkaan balalisuudhaan irra aanuu danda'aniiru jedhu.
Kiiv ka'umsa diroonii kanaa bal'inaan hin qoodne, haata'u malee, erga waraanni jalqabee Yukireen dirooniiwwan oomishuuf garmalee gahumsa qabdi. Kanaafuu, diroonoonni oppareshiin kanaaf itti fayyadaman biyya keessatti oomishamuunis ni mala.
Qiiyyeeffannaawwan
''Raashiyaa kasaaraa baayyee qabatamaa ta'e mudateera, haqa qabeessas,'' jechuun Zeleniskiin haasaa viidiyoo galgala galgala taasisaniin dubbataniiru.
Akka Yukireen jettutti, xiyyaaronni tarsiimoo boombii 41 rukutamaniiru, "yoo xiqqaate" 13 ammoo barbadaa'aniiru. Moskoon xiyyaarota tokko tokko miidhaan irra gahe jechuu bira darbee kasaaraa xiyyaara tokkollee hin mirkaneessine.
Viidiyoon BBC'n mirkaneesse tokko, buufata xiyyaaraa Olenegorsk Murmaansk fi buufata xiyyaaraa Belaayaa Irkutsk keessatti miidhama qaqabe agarsiisa.
Xiyyaaronni tarsiimaawoon misaa'ela baatanii boombiin haleellaa kanneen irratti xiyyeeffatan yoo ta'u, isaan keessaayis, Tu-95, Tu-22 fi Tu-160 akka ta'an yaadameera.
Isaan suphuun rakkisaa ta'a, sababii ammaan tana oomishaaa hin jirreef bakka buusuun hin danda'amu.
Suuraan saatalaayitii raadaraa Kaapeela Ispeesiin qoodeen, yoo xiqqaate xiyyaarota boombii fageenya dheeraa Raashiyaa buufata xiyyaaraa Belayaatti argaman akka malee miidhaman ykn barbadaa'an afur mul'isa.
Kunis suuraa diroonii Yukireen kan haleellaa xiyyaara boombii Tu-95 irratti raawwatame agarsiisuun waliin walsima.
"Akka seeraa fi aadaa waraanaatti, galmoota guutummaatti seera qabeessa ta'an hojjenneerra. Buufata xiyyaaraa waraanaa fi xiyyaarota magaalota nagaa keenyatti boombii darbatan haleellee," jedhan itti gaafatamaan SBU Vaasyl Maalyuk.