Erik Ten Haag amma maal gochuu male? Qabxiilee shan irratti xiyyeeffachuu qabu

Madda suuraa, Getty Images
Gama hundaan kanneen isa qeeqaniin marfamee kan jiru leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Erik ten Haag, turtiisaa Old Trafford mirkaneeffachuuf waan hin goone hin qabu.
Carraa muraasa argatetti gammadaa, dhiifama xiqqoo taasifameefiin hamileesaa onnachiisaa abdiidhaan jiraata.
Yunaayitid tapha dorgommii Yurooppaa Liigii Poortoo waliin goolii sadiin walqixa bahe, ittaansee gara Aston Viilaa imalee goolii malee qabxii qooddatee gale.
Kun imala egeree Erik ten Haagiif haga tokko tasgabbii ta'eera.
Viilaa waliin qixa bahuun Yunaayitid ittisarratti xiyyeeffatee taphatee bu'aa buuse jechuudhaa?
Ten Haag garee kana fooyyessuuf waan danda'u hunda waan gochaa jiru fakkaata. Tapha Aston Viilaa waliin taphatan irratti taphattoota buleeyyii kanneen akka Joonii Evaans fi Haarii Maaguwaayer hiriirse.
Maaguwaayer fi Evaans erga Sadaasa bara darbeetii waliin galanii taphatanii hin beekan.
Namni Daach kun taphataa Baayer Muunik irraa paawondii miiliyoona 45n mallatteessise Matthijs de Ligt fi Lisandiroo Maartiineez moggaatti dhiise, kun isaaf murtee jabaa ture.
Yunaayitid Aston Viilaa waliin osoo gooliin homaatuu hin galin qixa bahuutti guddoo gammade, garuu hanqinnisaa akkasumatti jira.
Erik ten Haag gareen ijaaruu barbaadu kanneen kilabichaaf bu'aa buusan jedhee yaadus, qaawwi Maanchistar Yunaayitid ammallee hin furamne, yeroos gaafata.
Kilaba Piriimer Liigii keessaa kan akka Yunaayitid gooliin sadii fi isaa ol itti gale hin jiru, bara 2024 jechuudha.
Erga jalqaba tapha bara darbeetii taphoota 62 keessaa 31 irratti goolii lama keessummeesseera Yunaayitid.
Haarii Maaguwaayer miidhamaan dirree baanaan de Ligt boqonnaa booda gale, miidhamni Maaguwaayer waan nama yaaddessu.
Erik ten Haag ittisa isaa cimsee ijaaruu irratti tarsimoon fayyadame kunoo bu'aansaa kana ta'e, tarsimoo yoomuu bu'aa hin buusne.
Evaans gara Old Trafford deebi'uun kilabichaaf haga tokko fooyya'iinsa fideera, garuu tarkaanfiin kunis taphattoota kaan irratti miirri uumu gaarii miti.
Erik ten Haag taphattoota kaan dirreerraa fagaatanii turanis ilaalcha keessa galchuu qaba. Ta'uu baannaan nan tolcha jedhee balleessaa jira.
Garuu Yunyaayitidiif eenyutu goolii galchaa jira?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunaayitidiin gabatee Pireemer Liigii irratti 14ffaarra kan teessise rakkoo ittisaa qofa miti, fuuldura irrattis rakkoo cimaatu jira.
Yunaayitid erga dorgommiin baranaa jalqabamee taphoota torba taphaterratti goolii shan qofa galche.
Saawuzhampitantu goolii xiqqaa galche- goolii afur qofa, Kiristaal Paalaasillee goolii shan galcheera.
Bara dorgommii 1972-73 seenaa kanatu isa mudatee ture. Yeroo sana ammoo taphoota jalqabaa torba irratti goolii afur qofa galche.
Jifataan Yunaayitid Raamus Hooyilund jalqaba hiriiruun Viilaa Paarkitti argameera. Garuu dandeettii qabu duguugee fayyadamus bu'aa irraa eegamu hin galmeessisne. Boqonnaa booda Joshua Zirkzee bakkasaa jijjiiramee gale.
Zirkzees yoo ta'e taphoota 10 Yunaayitidiif taphaterratti goolii tokko qofa galche.
Antooniin taphoota Yunaayitidiif taphate 86 irratti goolii 12 galche. Isaan caalaa Hooyilund wayyya, taphoota 48 irratti goolii 17 galche.
Kilabichi Erik ten Haag jalatti lakkoofsa goolii tapha tokkorratti galuunis akkaan gadi bu'eera. Tapha tokkotti goolii 1.45 ta'e.
Kun erga Sar Aleksi Fargusanii isa gadi aanaadha. Bara Aleksi Fargusan 2.01 ture. Ergasii bara Deeviid Mooyis 1.65, bara Joosee Moriinoo ammoo 1.62 ture.
Raawwii gadi aanaa Yunaayitid
Maanchistar Yunaayitd fi Erik ten Haag Viilaa Paark iddoo Baayer Muunik irratti mo'ametti qixa ba'uutti gammadaniiru.
Aston Viilaan tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti Muunikiin asitti mo'ate.
Garuu Yunaayitid asittis kufaatiin isa mudateera, sababa kanaan gabatee Piriimer Liigii irratti sadarkaa gadiitti bu'eera. Kanaan akkamiin gammadu?
Erga bara dorgommii 1989-90 as wanti akkasii isaan mudatee hin beeku, bara sana Yunaayitid sadarkaa 13ffaan xumure.
Boqonnaa yeroo tapha inarnaashinaalaa fayyadamuun of fooyyessuu danda'uu?
Yeroo taphattoonni garee biyyaalessaa isaaniif taphachuuf deeman leenjistoonni tarsimoo haaraa baafachuun gareesaanii cimsuuf carraa argatu.
Akkasumas leenjistoota geeddaruufis carraa gaariidha.
Erik ten Haag garuu taphoota darban lameen irratti qixa bahuun yaada kanaan dhiphachuu keessa akka isa baraarutti yaada.
Osoo taphoonni kunneen, keessattuu kan Viilaa Paark irratti taasisan mo'amaniihoo? silaa yoona saaxilamummaansaa kana caalaa hammaata.
Eenyutu Ten Haag bakka bu'uu danda'a?
Kun rakkoo guddaa taphi eegalamuu dura Maanchistar Yunaayitid uumeedha. Waancaa FA nyaachuun qofti Erik ten Haag tursiisuuf ga'aadha jedhanii murteessan.
Leenjisaan duraanii garee Ingilaand namoota Yunaayitid leenjisuuf deeggarsa guddaa qaban keessaati.
Thomas Tuchel gara Baayer Muunik deemuu dura waliin dubbataa ture.












