'Mudannoo kootu dhaabbata meeshaalee badan barbaadu akkan hundeessuuf na kakaase' - Ribqaa Dassaalany

Dhaabbanni meeshaalee namoota jalaa badan barbaaduun abbootii qabeenyaaf deebisuf hundaa’e magaala Finfinnee keessatti hojii eegaluusaa beeksisee jira.

Hundeessituu fi haati qabeenyaa dhaabbata ‘Haniel Felagi’ Aadde Ribqaa Dassaalany, “Mudannoo dhuunfaa kootu dhaabbata kana akkan hundeessuuf na kakaase” jedhu.

“Dhimma hojiif gara biyya alaa nan imalan ture. Akka tasaa guyyaa tokko paaspoortiikoo mana baankiitti iraanfadhee bahe.

Garuu achitti irraanfachuukoo hin yaadadhu ture” kan jedhan Aadde Ribqaan, sababa sanaan imala isaanii gara biyya alaa karoorfatanii turan haquu himan.

Taateen waggaa lama dura isaan mudate kun mudannoo nama baay’ee ta’uu kan himan Aadde Ribqaa, “namootni meeshaa barbaachisaa ta’e tokko gatanii iddoo itti gatan immoo irraanfatu.

Yeroo kam akka gatanis hin beekan. Kanaaf baay’ee rakkatu. Sababa kanaanis yeroo, maallaqafi humna isaanii ni qisaasu” jedhan.

Dhaabbatni kun dokumantiiwwan akka paasportii, heeyyama konkolaachistummaa, waraqaa eenyummaa, waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa konkolaataa (liibree), waraqaa ragaa dhalootaa fi fuudhaa akkasumas kaartaa lafaafi kan biroo namoota jalaa badan barbaaduun abbaaf akka deebisus hundeessituun dhaabbatichaa himu.

“Qabeenyawwan immoo kan akka laaptoppii, furtuu konkolaataa, konkolaataa akkasumas bilbilli namoota baay’ee jalaa badu. Kunneen sana barbaadnee kan argannu” jedhan.

Meeshaalee badanii argaman kunneen gosa meeshaarratti hundaa’uun qarshii 20 hanga 100 kanfalchiisuun abbaaf akka deebisanis hundeessituufi haati qabeenyaa dhaabbata ‘Haniel Felagi’ Aadde Ribqaa Dassaalany himaniiru.

Dhaabbatichi akkamiin hojjeta?

Dhaabbatni ‘Haniel Felagi’ ammatti dhaabbilee mootummaa namootni dokumantiiwwan garagaraa itti irraanfachuu danda’u jedhanii yaadan jaha waliin waliigaltee mallatteessuu Aadde Ribqaan himu.

“Hojjettoota keenya erguun manneen baankii, dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa irraa meeshaalee badanii argaman walitti qabna. Sana boodas giddugala tokkotti waajjira keenya fidnee olkeenya” jedhan.

Dhaabbileen dhaabbatni kun waliin hojjetus kan akka manneen baankii, dhaabbilee mootummaa, hoteelota fi dhaabbilee dhuunfaa biroo ta’uus himu.

Sana boodas meeshaalee badanii argamanfi dhaabbilee kunneenirraa walittiqaban ‘Haniel Felagi’ irratti fe’uun namootni jalaa bade akka fudhatan akka taasisanis himu.

Namoonni meeshaan jalaa bades maqaa isaanii marsariitii dhaabbatichaa keessa galchuun barbaaduun meeshaan jalaa bade dhaabbaticha bira jiraachuusaa mil’achuu danda’u.

Kana malees kunneen tajaajila intarneetii hinqabne gama bilbilaan hojjettoota dhaabbatichaa qunnamuun gaafachuu akka danda’anis hundeessituun dhaabbatichaa himu.

“Haa ta’u malee namootni meeshaa jalaa bade tokko fudhachuuf yemmuu dhufan ragaa eenyummaa isaanii agarsiisu qabatanii dhiyaachuu qabu.

Fakkeenyaaf heeyyamni konkolaachisummaa yoo sijalaa bade waraqaa eenyummaakee qabattee dhufuu qabda” jedhan.

‘Haniel Felagi’ ammatti dhaabbilee mootummaa jaha waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu isaa kan himan hoji gaggeessituun dhaabbatichaa, dhaabbilee biroo waliin waliigaltee mallatteessuuf hojjechaa akka jiranis himaniiru.

Kana malees “Finfinnee keessatti daangeffamnee hafuu hin barbaadnu” kan jedhan Aadde Ribqaa, gara fulduraatti tajaajilasaanii gara naannoleetti babal’isuuf yaada akka qaban himaniiru.

Dhaabbatichi yeroo ammaa doqdoqqeewwan 50 ol fi konkolaataawwan lamaan hojii eegaluus himaniiru.