Walqunnamtii saalaa duraa fi booda kutaalee qaamaa qulqullaa'uu qaban

Harka dhiqachuun dur caalaa tibbana barbaachisaadha, garuu namoonni walqunnamtii saalaa raawwachuu duras ta'e booda harka dhiqatuu?

Kun gaaffii namnooni akka waan salphaattii ilaaluu maludha. Garuu miti. Fakkeenyaaf wal qunnamtii saalaa dura yoo hiriyaan kee "harka dhiqattee?" jettee gaafatte.

Garuu ogeeyyiin saalaa hariiroo jaalalaa keessatti qulqullina eeguun barbaachisaa taʼuu isaa cimsanii ibsu.

Tarkaanfii barbaachisaa ta’ee fi fakkeenyaaf dhukkuboota qaama saalaa miidhan irraa si ittisuu danda’uudha.

"Harka dhiqachuu fi ilkaan qulqulleessuun barbaachisaadha, sababiin isaas qaamoleen kunneen yeroo walqunnamtii saalaa baay'ee itti fayyadamamu," jechuun,Thamara Martínez, ogeessi xiin-sammuu fi ogeessi saalaa Inistiitiyuutii Espill, Ispeen Vaaleenshiyaa irraa BBC Mundotti himeera.

Harka dhiqachuu malees guyyaa guyyaan qaama saalaa dhiqachuun barbaachisaadha. Garuu "saffisaan dhiqachuun" gahaa miti jechuun ogeessi kun ibseera.

“Qulqullinni dhibeewwan saalqunnamtiin daddarban ittisuuf waan gargaaruuf barbaachisaadha,” jedha Vicente Briet, ogeessi xiin-sammuu fi xiin-sammuu saalaa.

“Qulqullinni "yeroo walqunnamtii saalaa madda kaka'umsaa isa guddaadha."

Itti dabaluunis "Guddini isaa gocha gaa'elaa irratti hirmaachuu keenya duras ta'e booda,qulqullina qaama keenyaaf bakka guddaa kenninu irraa eegala."

Qulqullinni kun akkamitti ilaalamuu danda'a?

Dhiirotaaf…

Tajaajilli fayyaa biyyaalessaa Ingilaandi akkamitti dhiiraa fi dubartoonni qaama saalaa isaanii qulqulleessuu akka qaban ibsa.

Doktooronni dhiironni guyyaa guyyaan kutaa isaanii bishaan ho'aa ta'een akka dhiqatan gorsu, naannoowwan kuufama baakteeriyaaf gumaachuu danda'an irratti caalaatti xiyyeeffachuun, saamunaa jarmii baakteeriyaa fidan lolu fayyadamuu.

“Baakteeriyaa dhiirota naannoo saalaa haleelan furuuf furmaanni qulqullina yeroo hunda xiyyeeffannoo kennuudha,”

“Dhiironni tokko tokko qulqullina qaamaa keessumaa kutaa saalaa isaanii keessatti akkamitti akka dagatan nama ajaa'iba.

Kun qulqullina dhabuu irraa kan ka’e rakkoo fiduu qofa osoo hin taane, hiriyoota isaaniif qormaata ta’a,” jechuun ibsa Paatriik Firaansi, ogeessi fayyaa walhormaataa NHS

“Wallaalummaa irraa kan ka’e haa ta’u, dhiironni tokko tokko gocha sanaan miidhaa fayyaa kan akka: foolii hamaa fi dhukkuboota infekshinii qabaachuu danda’us, qaama saalaa isaanii qulqulleessuu dhiisuun dogoggora raawwatu.” jedha

NHS garuu dhiironni yeroo qaama saalaa isaanii qulqulleessan bishaan ho'aan jarmii ajjeesuuf gahaa waan ta'eef saamunaa akka hin fayyadamne akeekkachiisa.

Akkasumas saamunaa fayyadamuun dirqama yoo ta'e, ogeeyyiin "madaallii fi dibata malee gogaan akka hin aarreef" akka fayyadamtan gorsu.

Dubartootaaf...

Ogeeyyiin fayyaa walhormaataa qulqullina qaama saalaa dubartootaa irratti dhaabbileen hirmaatan hedduun jiraatus, ibsi dogoggoraa baay'een akka jiru walii galu

“Qaamni saalaa dubartii uumamaan of qulqulleessuun kan qophaa'edha. Garuu kutaan sun dhiqachuun hin barbaachisu jechuu miti,”

“Qaama saalaa dubartii keessaa gosa baakteeriyaa akka eegumsaatti achi jirutu jira,” jedha Thamaraan.

Ogeeyyiin xiin-sammuu qaama saalaa saamunaa urgooftuudhaan qulqulleessuu akka hin barbaachifnee fi balaa waan qabuuf akka hin fayyadamne akeekkachiisu.

“Kutaan qaama saalaa alaa saamunaa urgaa hin qabne yookaan oomishaalee addaa kutaa sana qulqulleessuuf hojjetamaniin qulqulleessuun ni danda’ama,

"Akkasumas gogaa nama sanaa irratti hundaa'a. Saamunaan garii aarii fiduu danda’an kunis carraa dhukkubaan qabamuu ni dabala.Wanti ani gorsu yoo xiqqaate guyyaatti al tokko qaama dhuunfaa qulqulleessuudha."

Saamunaa urgooftuu fayyadamuun qaama saalaa dhiqachuuf miidhaa fayyaa fidu keessaa muraasni:

Jijjiirama naannoo uumamaa qaama saalaa dubartootaa

Nyanyaachuu

Gogiinsa jiidhina

Alarjii namatti dhufu

Carraa dhukkuba qabamu ni dabala

Dhiirotaa fi dubartoota

Akka ogeeyyiin jedhanitti gorsi saalii lamaan ilaalamuu qaban tokko, dhiiraa fi dubartiin walqunnamtii saalaa duras ta'e booda mana fincaanii akka deeman gorfama.

"Walqunnamtii saalaa erga raawwatanii booda gara mana fincaanii deemuun karaalee infekshinii baakteeriyaa irraa of eeguuf barbaachisan keessaa isa tokkodha," jedha Martínez

"Walqunnamtii erga raawwatanii booda mana fincaanii deemuun ujummoo fincaanii qulqulleessuuf gargaara, kunis baakteeriyaan naannoo sana akka hin tuqne taasisa," jechuun ibsa.

"Akkasumas gocha gaa'elaa dura mana fincaanii deemuun barbaachisaadha, jaalalleewwan sodaa malee walitti dhiyaatu."

Akka ogeeyyiin kunneen jedhanitti dubartoonni dhukkuboota ujummoo fincaanii miidhan qabamuuf saaxilamu.

Kanaaf, gocha gaa’elaa irratti hirmaachuu isaanii dura daqiiqaa 15 dura mana fincaanii deemuun akka qabaatan gorsu.

Yaadota ijoo

Guyyaa guyyaan qaama saalaa bishaaniin dhiqachuu.

Ilkaan keessan dhiqadhaa.

Uffata jalaa qulqulluu uffadhu, suufiin gaariidha.

Yoo xiqqaate waggaatti al tokko qorannoo fayyaadhaaf doktora ilaalaa.

Jijjiirama qaama saalaa keessan irratti yoo argitan of sakatta'uu amala godhadhaa.

Yeroo walqunnamtii saalaa kondomii fayyadamuu.

Rifeensa qaama saalaa keessatti biqilu hunda haaddachuu akka hin qabaanne gorfama, sababiin isaas akka eegumsaatti waan fayyadamaniif, xiqqoo hir'isuun gaariidha.