Raashiyaan, Baakmuut keessatti boombii foosferasii fayyadamuun himatamte

Raashiyaan magaalaa Yukireen marfamtee jirtu Baakmut jedhamtu boombii foosferasiin haleelte jechuun himatte.

Viidiyoo humni waraanaa Yuukireen gadhiiseen, Baakmuut irraa abiddi waan fooseferasii adiin gaditti roobu fakkaatu mul’ata.

Foosferasii adiin waraanaaf akka hin oolle dhorkaan hin teenye.

Garuu bakka namootni nagaan jiraatanitti fayyadamuun akka yakka waraanaatti ilaalama.

Abidda dhaamsuun ulfaataa tahee fi saffisa guddaan imalu qabsiisuu danda’a waan taheef.

Raashiyaan kana duras waan kana fayyadamuun himatamteetti.

Ji’oota darbaniif Raashiyaan magaalaa Baakmuut qabachuuf yaalaa turte.

Kun ammo bakka murteessaa waraanichaaf gargaaramu jedhamuun ija warra Lixaan waan ilaalamuuf.

Adda waraanaa kana irratti loltootni Raashiyaa kumaatamni dhumaniiru jedhan warri Lixaa.

Fuula Tiwiiterii isaanii irratti ministieerri ittisaa Yuukireen, haleellaan foosferasii ''bakkeewan Baakmuut keessaa namni irra hin jiraanne irratti xiyyeeffate, meeshaa balaa abiddaa fiduu danda’uuni,’’ jedhan.

Ajajaan humna addaa Kiyeev, humnootni Moskoo ‘’magaalittii barbadeessuu itti fufaniiru,’’ jedhe.

Haleellaan jedhame kun yoom akka dhaqabe hin baramne.

Garuu viidiyoo humni waraanaa Yuukireen qoode, waan diroonii basaasaan waraabame fakkaata.

Raashiyaan erga guutummaan Yuukireen weerartee fi yeroo Maaripuul marfama keessa galte irraa eegaluun foosferasii fayyadamuun haleellaa raawwachuun himatamaa turte.

Human Raayits Waach meeshaan waraanaa kun ‘’balaafamaa fi miidhaa guddaa fiduu kan danda’udha,’’ jechuun akeekkachiiseera.

Foosferasiin kun digirii seelshiyeesii 800’n waan boba’uuf qaama namaa akka malee gubuu danda’a.

Akka malee waan namatti maxxanuuuf ofirraa kaasuun illee hin danda’amu. Keemikaalli kun waggoota 15 darbaniif irra deddeebiin kan hojiirra oole ‘’ yoo tahu, Ameerikaan lola IS irrattti Iraaqii fi Sooriyaa keessatti fayyadamteetti jedhe HRW.

Waraana dura magaalli Baakmuut uummata 80,000 qabdi ture. Amma tokkoyyuu keessatti hin hafne.