Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waayee 'Laalibalaa lammeessoo' kattaarraa ijaaramaa jiranii beektuu?
Itoophiyaa keessa Laalibalaatti waayee bataskaanota kattaa tokko irraa soqamanii ijaaramanii, lammiileen biyya keessaas, daawwattootni addunyaas quba qabu.
Waayee ''Laalibalaa lammeessoo'' haaluma walfakkaatuun kattaa tokkorraa soquun monoksee tokkoon hojjetamaa jiru garuu namni hedduu hin beeku.
Laalibalaatti bataskaanonni 11 kattaa tokkorraa soqamanii kan ijaaraman gara dhumaa jaarraa 12 fi jalqaba jaarraa 13'ffaa keessa ture.
Mootiin Laalibalaa ''ajaja Waaqayyorraa fudhataniin'' batsakaanota kanneen ijaarsisuutu dubbatama.
Laalibalaan bakka hawwata tuuristii guddaa Itoophiyaan qabdu keessaa isa ijoo qofa osoo hin taane, Dhaabbata Barnootaa, Saayiinsiifi Aadaa (UNESCO) irratti hambaa addunyaa ta'uun galmaa'eera.
Daawwachiisaan naannichaa Obbo Warqiyyee Dessaalee Alamuu sababoota ijoo Bataskaanonni kunniin lafa jalatti ijaaramaniif yoo ibsan, kan jalqabaa weeraraafi haleellaa mudachuu danda'u irraa oolchuuf, kan lammataa ammoo yaada ''Iyyasuus holqa Beeteliheem keessatti dhalate, kan awwaalames holqa Golgotaa jiruttidha'' jedhu irraa ka'uun akka ta'e dubbatan.
Sababni isaa waan fedheyyuu yoo ta'e, haalli ijaarsasaa addunyaa irratti ni raajeffatama.
Bataskaanota 11 keessaa tokko, Beta Madaanee Aleem yoo ta'u, dheerinni dalgaa isaa meetira 33, bal'inni garaa isaa meetira 23, hojjaan isaa ammoo meetira 10.
Addunyaa irratti bataskaana isa guddicha kattaa tokkorraa soqamuun hojjetamedha.
Bataskaanni Beete Amaanu'eel ammoo miidhagina bobbocaa dhagaa irra jiruun addadha. Bakka jireenyaa mootii Laalibalaa ta'ees tajaajila akka eegale himama.
Mootii Laalibalaa ilaalcha ''Jarusaaleem haaraa'' ijaaruu jedhuun bataskaanota kana ijarsisuun milkaahaniiru. Ammoo Laalibalaa irraa fageenya km 60 irratti monokseen tokkoofi daaqonoonni lama hojii tarii Laalibalaan eenyuyyuu deebisee hin hojjetu jedhanii yaadan haaraa hojjechuu eegalan.
Abbootiiin amantaa kunniin bara 2010'ttii ''Daagmawwii Laalibalaa''(Laalibalaa lammeessoo) jechuun hojii eegalan.
Hanga ammaatti kattaa dhagaa tokkorraa bataskaanota torba soqanii baasaniiru. Yeroo raawwatamu, akkuma isa jalqabaa sana bataskaanota dhagaa tokkorraa bocaman 11 ni qabaata.
Monokseen ijaarsa Laalibalaa lammeessoo kana duuba jiran Abbaa Gabree Maskqaal Tasammaa jedhamu.
Yeroo baayyee miidiyaatti hin dubbatan. Yaada addattii BBC'f kennaniin, wanti bataskaanota kanneen ijaaraniif yaadni Laalibalaan inni jalqabaa gargaarsa qaamolee alaan ijaarame jedhu kijiba ta'uu mirkaneeessuuf akka ta'e dubbatan.
Sababoota monokseen kun bakka Laalibalaa lammeessoo ijaruuf filatan yoo himan, inni jalqabaa maddii bishaan qulqullaa'aan jiru(holy water), kattaan soqamee hin dhumne jiraachuu akka ta'an dubbatu.
Gabree Masqal tabba qileetti garagalee jiru kan filatan ''Waaqatti dhiyaachuufi'' jedhan.
Ijaarsi ''Laalibalaa lammeessoo'' isa jalqabaa waliin akka ta'utti walfakkaata. Keessaafi alattis bobboca bareeda qaba.
Inni tokko bobboca bataskaana Bete Goorgiis isa jalqabaa fakkaata.
Bataskaanonni 'Laalibalaa lammeessoo' warra duraanii waliin wal biratti yoo madaalaman xixiqqaadha. Bobbocni isaanii inni keessoofi inni alaa akka isa jalqabaa yeroo tokkotti miti kan hojjetame. Isa kana irratti jalqaba qaama isaa isa alaatu bocame.
Haala hin amanamneen waggaa jalqabaa monokseen kun kophaadhuma hojjechaa turan. Amma garuu daaqoniiwwan lama of biraa qabu. Daaqonoonni kun waa haruufi qulqulleessuu malee bobbocicha kan hojjetu monoksicha qofa.
Daaqonoota keessaa tokko, Gabree Maskqaal yeroo bataskana kana bocan hedduu akka hin sooranneefi ifa kan uumamaa hin taane akka hin fayyadamne dubbatan.
''Keessoo bataskaana isa tokkoo yeroo bocan, haala gara dukkanaatti siqu keessatti hojjetan'' jedhan.
Abbaan amantii kun burruusaafi sibiila bocuuf gargaartuu fayyadamu. Tooftaa Laalibalaan jalqabaa itti ijaarame fayyadamu. Mukas ta'e bilookeetti hin fayyadaman. Dabalataan dizaayina arkiteekicharaa dursa qophaaye hin qaban, ijumaan safaraniis hojjetu.
Abbaan amantii kun mala aadaan hojjechuun kun ''namootni afuuraan bitamuu guddaa akka qabaatan godhaa'' jedhu.
Bara 2018 Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa hojii Gabree Maskqaal hojjechaa jiraniif beekamtii kenneera. Amma ijaarsonni kunniin hawaasa nannoof tajaajila amantaa kennuu eegalaniiru.
Iddoo amma batsakaanonni torba ijaaramanitti iddoon mijataan waan hin hafneef, monokseen kun lafa dhiyoo sanitti argamu biraatti godaananii bataskaanota afur biroo ijaaruuf jedhu.
Ijarsi bataskanota kattaa tokkorraa ijaaramanii 11 waggoota dhufan keessatti akka raawwatus Daaqonoonni ni dubbatu.
Monokseen kuniifi daaqoniini isaan waliin jiran waggoota dhibbaan lakkaawwaman booda Laalibala lammeessoon akkuma Jarusaaleem ammaa hordoftoota amantichaan ilaalamaa jedhanii amanu.