Hidhannoon ispoortii xumuraa Mikaa'el Joordaan doolara miliyoona 10.1 gurgurame

 Uffanni ispoortii Mikaa’el Joordaan uffachuun tapha xumuraasaa taphate doolaara miliyoona 10.1’n gurgurame.

 Hidhannoon ispoortii gatii hamma Kanaan yoo gurguramu kun seenaa keessatti kan jalqabaati.

 Dhaabbi hidhannoo ispoortii kana caal baasiif dhiyeesse Sotheby jedhamu uffanni kun ‘’dinqisiifannaa guddaa’’ argate jedhe.

 Hidhannoon kun dookimantarii Netflix keessatti ‘’The Last dance’’ jedhamuun seeneffameera.

Joordaan hidhannoo Kanaan tapha xumuraa isaa bara 1998 taphachuun waancaa NBA si’a jahaffaaf mo’achuun booda soorama bahe.

 Sotheby uffanni ykn hidhannoon Mikaa’el Joordaan kilaba isaa Chigaakoo Buulsi namoota caalbaasicha irratti hirmaatan 20 argate jedhe.

 "gatiin rikardii haaraa tahe kun ..Mikaa’el Joordaan taphataa jabaa yeroo hundumaa tahuu isaaf gaaffii kan hin kaasne tahuu agarsiisa. Maqaan isaa fi leegaasiin isaa wagga 25 boodallee dorgomaa akka hin qabne mirkaneesse.’’

 Uffanni ykn hidhannoon ispoortii kana dura gatii guddaa baase kan Diyeegoo maraadoonaa kan Waancaa Adunyaa bara 1986 irratti uffachuun taphate yoo tahu doolaara miliyoona 9.28’n ture kan gurgurame.

Namoonni hedduun Mikaa’el Joordaan taphataa jabaa yeroo hundumaa tapha kubba Kaachoo jecuun waamu. Irra caalaa yeroo tapha isaa kan dabarse Chikaagoo Buulsi keessattidha.

Maqaa NBA adunyaa irratti akka beekamus godheera.

Joordaan tapha xumuraa isaa Utah Jaaz waliin taphachuun sekondiin 5.2 yoo hafu qabxii galmeesuun 87-86’n mo’achuun waancaa xumuraa isaa injifate.

 Mikaa’el Joordaan bara 1993 ji’a Onkoloolessaa keessa Kaaba Karoliinaatti abbaan isaa ajjeefamnaan yeroof soorama bahe.

 Joordaan kan amma ganna 59 tahe isa xumuraaf ammo kophee isaa kan fannise bara 2003ttidha.