Diippifeek maali? Akkamiin adda baasuun danda'ama?

Guyyoota muraasa dura Paarisitti yaa'iin dhimma hubannoo nam-tolchee(AI Summit) gaggeefamee ture. Isa durammoo Pirezidantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon viidiyoo isaanii diippifeekiin hojjetamee fi taatoo fiilmiifi diraama isaan taasise ofii marsaalee hawaasaa gubbaa qoodanii itti qoosaniiru.

Viidiyoon Maakroon dhugaa hin taane kun fiilmii jaallatamaa durii fa'i keessa akka galu godhame ji'ootaaf marsaalee hawaasaa gubbaa naanna'aa ture.

Makroon Fayidaa diippifeekiin qabuun cinaatti balaasaas qaata akeekkachiisan.

Ogeeyyiin damee IA's gariin fayyadama isaarratti gaaffii kaasuun hojii karaa kana hojjetamu gadhiisiin ilaaluun oduu sobaa fi dhugaa adda baasuun dhibaa akka ta'u godhaa jedhu.

Yaadni hubannoo nam-tolchee fi isa fayyadamuun dhugaa hin jirre uumuu biyyoota diinagdeen guddatan keessatti erga dubbii ijoo ta'ee bubbulus biyyoota guddinarra jiran kan akka Itoophiyaas yaachisaa jira.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ji'oota dura aanga'oota olaanoo dhaaba isaaniitti wayita dubbatan, duraan wanti beekamu waayee oduu dharaa (fake news) ture amma ammoo wanti dhufe diippifeek niiws wanta jedhamudha'' jedhan.

''Amma dura wanti nuti beeknu dhugaa ykn soba ture. Amma garuu soba dhugaa afakkaatutu jira...kuni teeknoolojii waliin dhufe. AI wajjin dhufe. Dur kan ture 'Fake news' dha amma ammoo deepfake news dha'' jedhan.

Itoophiyaan waggoota darban shaniifi jaha keessa dhibdee siyaasaan qormaata gaagaa'aa hedduu wayita keessummeessitu oduun dharaa(fake news) dhibdeewwan hammeessuufi walitti bu'iinsa kakaasuu keessatti gahee mataasaa baheera.

Suuraafi viidiyoowwan akkasumas sagaleen haala adda addaan waraabame rakkoo uumuuf hojiirra ooleera.

MM Abiy diippifeek ''hawaasa akka Itoophiyaa'' waan dhiyaatuuf hin gaafanne keessatti balaa inni uumu aanga'oota dhaaba isaaniif ibsaniiru.

''Hawaasa waan fedhe wayita argan gaafatan, warra qoratan biratti yeroo ta'uufi hawaasa hin qoranne keessatti yeroo ta'u gargari. Hawaasa akka keenyaa keessatti deepfake baayyee baayyee hamaadha. Haalli mijaataan waan jiruuf inni gaafa itti dabalamu balaa fida'' jedhan.

Ji'oota muraasa darban Itoophiyaa keessa namootni beekamoon yeroo hidhiirra waldhungatan viidiyoon diippifeekiin hojjetame miidiyaalee hawaasaa gubbaa bal'innaan qoodamaa jira.

Kanneen keessaa tokko kan Minsitira Muummee Abiy Ahimadiifi haati warraa isaanii Aadde Zinnaash Taayyaacheew yeroo waldhungatan agarsiisudha.

Kan namoota beekamoo biroos akkasuma marsaalee hawaasaarra yeroo qoodamu ni mul'ata.

Ofii Deepfake maali? Akkiimiin hojjeta?

Deepfake viidiyoowwan, suuraaleefi sagaleewwan hubannoo nam-tolcheetti fayyadamuun osoo dhugaatti raawwatamee ykn ta'ee hin jiraatiin akka waan dhugaatti raawwatee gochuun dhiyeessuudha.

Qoosaa uumuuf akksumas hojiilee qorannoo saayinsii keessatti bal'innaan hojiirra ooluu danda'u. Ammoo namoota siyaasaa fi beekamoo kaan fakkeessuun namoota burjaajessuufis ni oola.

Deepfake teknoolojii machine learning jedhamu fayyadamuun eenyummaa dijitaalawaa nama tokko uuma. Kun fuulaa fi sochii afaanii nama sanaa haala dhugaa fakkaatuun uuma. Sana koppii gochuun bakka barbaadametti fayyadamuun danda'ama.

Deepfake gariin aappiifi piroogiraamota fayyadamuun hojjetamuu danda'u. Kunniin salphaatti dhugaa akka hin taane baramuu danda'u.

Teeknoolojiin kun sagalee nama tokkoo amma dura waraabame fudhatee sagalee sanaan wanta namni sun gonkumaa hin jenne akka jedhu gochuu danda'a.

Sochii fuulaa viidiyoowwan amma dura turan irraa fudhachuun ykn suuramurraa sochii fuulaa tolchuunis hoojjeta.

Faayidaafi miidhaa

Deeppifeek qorannoo saayinsii adda addaa keessatti gumaata gaarii akka taphatu ogeeyyiin ni himu.

Qorattootni Yunivarsiitii Saawuzhaampitan namootni sababoota fayyaa adda addaarraa kan ka'e lammata deebi'anii dubbachuu hin dandeenye teeknoolojii kanaan sagaleesaanii dhagahuu danda'uu jedhan.

Dameewwan bohaarsa keessatti gahee olaanaa bahaniin cinaatti qo'annoo saayinsii adda addaa keessattis bu'aa buusu.

Ammatti garuu namoota siyaasaafi kaanis yaaddessaa kan jiru fayyadamni teeknoolojii kanaa oduu dharaa dhugaa fakkeessee dhiyeessuun balaa uumuu danda'uudha.

Teknoolojiichi suuraafi viidiyoo abbaa warraa fi haadhawarraa haala dhugaa hin taaneen hojjechuun gaa'ila diigurraa qabee hanga biyyoota walitti buusuutti balaa fiduu danda'a.

Yaada namoota siyaasaa jajallisuun filannoo burjajessuu danda'a. Murteewwan gurguddoo murteessuurrattis dhiibbaa ni uuma.

Akkamiin adda baasuun danda'ama?

Viidiyoowwan deepfake bal'innaan qoodamaa jiran namoota shaakalarra jiraniin waan hojjjetamaniif salphaadhumatti adda abaafamuu danda'u.

Suuraafi viidiyoowwan teeknoolojii kanaan hojjetaman yoo sirriitti ilaalaman mudaa hin dhaban. Fakkeenyaaf suura yoo ta'e halluu qaamaa nama tokkotu gargar ta'a. harki sadi ta'ee mula'chuu danda'a huccuurra barreeffamni jiru hin jirree ta'a.

Sagaleefi viidiyoo yoo ta'e ammoo sochii afaniifi jechu jedhamu wal gatuu dhaba. Sochiin ijaa kan wal hin madaalle ta'a, qulqulli viidiyoo gadaanaa ta'a.

Walumaagalatti taa'aanii ilaallaan mudaa hedduu baasuun danda'ama.

Faallaa kanaa ammoo akka malee haala amansiisuun kan hojjetamanii nama qorani ni jiraatu.