Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee du'a Qananiifi haala Artist Andu'aalam itti jiru kan beeknu
Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa shamarree Qananii Addunyaan walqabatee qorannoof to'annoo jala isa oolchuu poolisiin beeksise.
Owwaalchi Qananii guyyaa Roobii waaree booda Bataskaana Qul. Sillaasee Magaalaa Finfinnee argamutti raawwatameera.
Guyyaa Kibxataa ganama du'uun ishee erga odeeffamee booda namoonni gadda isaanii miidiyaa hawaasaa gubbaa ibsaa jiru, akka qoratamuus gaafatan.
Poolisiin magaalaa Finfinnee guyyaa Roobii ibsa baaseen Qananiin mana jireenyaa ishee gamoo shanaffaarraa ''sababa ammaaf hin beekamneen kufuu'' dubbate.
Yeroo isheen kuftu ''mana keessa kan ture abbaa warraa ishee weellisaa Andu'aalam Gosaa to'annoo jala oolchuun qorannoo adeemsisaa'' akka jiru beeksise.
Guyyaa Kibxataa yeroo BBC'n maanaajara Andu'aalam, Lalisaa Indiriis, dubbise Andu'aalam qorannoorra jiraachuu dubbateera.
Owwaalcha dura qorannoon reeffaa Hospitaala Daagmaawwii Minilikitti taasifamuu poolisiin Finfinnee beeksiseera.
Owwaalcharratti Artist Andu'aalam poolisiin dabaalamee argamuun gadda isaa ibsatuu BBC'n mirkanesseera.
Maaltu ta'e?
Ammatti akkaataa du'ashees ta'e wantoota du'a isheetiif sababa ta'an BBC'n waan mirkaneeffate hin qabu.
Poolisiin garuu qorannoo eegaluufi bu'aa qorannoo kanaa ummataaf akka ifa godhu dubbate.
Maanaajara Artist Andu'aalam kan ta'e Lalisaa Indiriis Qananiin kan duute ''lafa barii jala sa'aatii 11 ta'uuf,'' yeroo jedhutti ta'uu akkasumas kan lafaa ishee kaase Andu'aalamiifi maatii isaa ta'uu BBC'tti hime.
Barii sa'aatii 11:00tti itti bilbilamuu kan himu Lalisaan, ''Qananiin miidhamteetti hospitaala galteetti dafii nubira dhaqqabi,'' jedhamuufi inni fagoo waan ta'ef akka hin dhaqqabne dubbate.
''Odeeffannoo hanga ammaatti jiruun mana jireenyaa isaaniirraa gamoo shanaffaarraatii akka isheen kufteefi maal akka isheen taate qorannootu godhamaa jira,'' jedhe.
Akka Lalisaan jedhetti, guyyaa Wiixataa guyyaa dhalootashee kabajuuf sagantaa suuraa ka'uu bakka Andu'aalam jirutti taasisaa turan.
Poolisiin Finfinnee ibsa baasen Qananiin magaalaa Finfinnee Kutaa bulchiinsa Lammii Kuraa Aanaa 3 manneen sanshaayiin jedhaman fuuldura gamoo Wuddaaserra jiraachaa akka turte eere.
Wiixata ALI Ebla 01 Bara 2017 barii sa'aatii 10'tti mana ishee keessa barandaa gama kutaa nyaata qopheessaniin jiru gamoo shanaffaarraa kufuu ibse.
''Gargaarsa fayyaaf gara Hospitaala Yaanet osoo geeffamaa jirtuu lubbuun ishee darbeera,'' jedhe.
Lalisaan gama isaan Andu'aalamiifi Qananiin waggaa tokko oliif achi waliin jiraachuusaanii akka beeku dubbate.
Erga taateen kuni mudatee booda reeffa jalqaba hospitaala Yaanet, achuma naannawa Hayaat jiru geeffamuu hima.
''Achii hanga bariitti erga turee booda poolisiin dhufee reeffa achi fuudhee gara Minilikitti geessee qorannoon reeffaa taasifame.''
Poolisiin Finfinnee gama isaan Qananiin erga kuftee booda ''Gargaarsa fayyaaf gara Hospitaala Yaanet osoo geeffamaa jirtuu lubbuun ishee darbeera,'' jedhe.
Poolisiin akkuma odeeffannoon isa dhaqqabeen garee qoratu qindeessee bakkicha deemuun ''odeeffannoo teknikaafi taaktikaa walitti qabuu'' ibseera.
Akkasumas, qorannoo dabalataaf reeffi Qananii gara hospitaala Daagmaawwii Miniliik geeffamuu ibse.
Owwaalchi Finfinneetti raawwatuu dura reeffi ishee maatii ishee magaalaa Sulultaa jiran geeffamee ture.
Andu'aalam gadhiifamee?
BBC'n Kibxata waaree booda Lalisaa yeroo dubbisetti, Andu'aalam qorannoof barbaadamee buufata poolisii akka jiru hime.
''Andu'aalam yeroo ammaa kanatti isatu mana hakiimii ishee geesse mana yaalaas erga turan booda poolisiin jecharraa fudhuudhaaf Andu'aalamiin fudhataniiru.
''Odeeffannoon maatii isaa waliin maal maal jedhu odeeffannoo dogongoraa odeeffannoo sobaati. Andu'aalamiin fuudhanii jecharraa fuudhaniiru. Maal akka itti aane ta'u walumaan ilaalla.
''Hidhame jedhanii garuu hanga ammaa wanta nutti himan hin qabani. Jecha irraa fuudhuuf fuune, sa'aatota murtaa'eefi nubira ture jecha nuuf kenna jedhanii qorataa eegaa turani.
''Amma qorataan dhufeera qorannoorra jira jechuudha,'' jechuun hime.
Andu'aalam guyyaa Roobii owwaalcha Qananiirratti poolisiin dabaalamee argamuufi gaddasaa ibsatuu BBC'n kanneen bakkicha turanirraa mirkanesseera.
Poolisiin Andu'aalam erga gaddasaa ibsatee booda deebisee fudhatee bahuu maanaajarrisaa Lalisaa Indirisiis BBC'f himeera.
''Hin gadhiifamne,'' jechuun barreeffamaan deebise.
Andu'aalam booda kana kilabiitti hojii muuziqaa yoo hojjetaa jira ta'e kan gaafatame Lalisaan, erga albama haaraa 'Ayyaantuu' jedhu gadhiisee akka hojjetaa hin jirre hime.
''Kilabii hojjechuu dhaabee jira. Qophii guutuyyuu kan taasisaa jirru konsartii albamichaati'' jechuun dubbate.
Andu'aalam dhihoo albamii haaraa kan gadhiise yoo ta'u torban muraasa duras viidiyoo kilippii haaraa ummataaf gadhiiseera.
Weellistoota Oromoo muuziqaa ammayyaan gurra horataa jiraniifi beekkamtiin isaanii kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye birallee dabalaa jirudha.
Taatee kana booda namoonni gaddaafi komii akkasumas himannaa garagaraa miidiyaa hawaasummaa gubbaa katabaa jiru.
Poolisiin Finfinnee osoo qorannoon hin xumuramiin odeeffannoon garagaraa miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa jiru akka ''sirrii hin taane'' eeruun namoonni kana godhan akka dhaaban akeekkachiise.
Lalisaanis gama isaan ''odeeffannoon dogoggoraa maatiirraa hin taane'' jiru jechuun namoonni ''hanga wanti suni qoratamee ifa bahutti utuu wantoota akkasirraa of eeggannee,'' jedhe.
'Gaa'ila raawwachuuf qophiirra turan'
Namoonni garagaraa miidiyaa hawaasummaa irratti Qananiin haadha warraa Andu'aalam akka taate barreessu.
Dhimma kana kan gaafanne Lalisaan, ''kaadhimaa walii ta'anii namoota waliin jiraatani'' jedhuun ibsa.
''Yeroo dhihootti sirna gaa'ela isaanii raawwachuuf qophiirra jiru, sirriittin beeka,'' jedhe.
Waan inni beekurraa Andu'aalam fi Qananiin waggoota lamaan waliin dabarsuu hima.
Haa ta'u malee, poolisiin Finfinnee ibsa baase keessatti Qananiitiin ''haadha warraa'' Andu'aalam jechuun ibse.
BBC'n maatii Qananii akkasumas maatii Andu'aalam irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalaa jira.
Kana dura Artist Caalaa Bultumeefi Artist Andu'aalam Gosaa walitti bu'anii dubbiin ijoo dubbii ta'ee erga turee booda jaarsummaan furmaata argatuun ni yaadatama.
Qananiin eenyudha?
Qananiin Yunivarsiitii Arbaa Miincirraa muummee barnoota Injinariingiin digirii jalqabaan eebbifamteetti.
Eegasii hojii moodeeliingiifi beeksisaan miidiyaa hawaasaa gubbaatti hojjechuun beekamti.
Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo beeksisuun alatti beeksisas dalagdi.
Erga duuni ishee dhagahamee booda namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa ishee qooduun gadda isaanii ibsaa jiru.
Akka BBC'n odeeffateetti Kibxata barii du'uushee dura guyyaa Wiixataa guyyaa dhalootashee dhihaataa jiruuf suuraa ka'aa turte.
Akkaataa du'asheerratti poolisiin qorannoo eegaluu ibsee bu'aa qorannoo kanaa ummataaf akka ifa godhu beeksise.