Penile cancer: Dhibee kaansarii dhiiraa waldhaansisaa hanga qaama saalaa guutummaatti muruu gahu

Zhuwaa nama lammii Biraaziili. Bara 2018 keessa qaama salaa isaa gubbaa dhitoo wayii arginaan mana yaalaa deeme. Hakiimonni hedduun rakko gogaa salphaa akka ta'e itti himanii qoricha kennanii gaggeesan.

Dhiitoon nama gannaa 63 kanaa garuu dabalaa deeme. Rakkoonsaa qunnamtii saalaa gochuurratti dhiibbaa uume, gaayila isaas qore. Rakkoon isa mudate maal akka ta'e baruu yaale. Waggaa shaniif garu fala hin arganne.

Bara 2023 qorannoon godhameef garuu Zhuwaa dhibee kaansaarii qaama saalaa dhiiraa akka qabu agarsiise.

Namni maqaasaa isa dhugaa dhokfate kun ''maatii kootiif taatee rifaasisaa gaarii hin taaneedha, sababni isaas gariin qaama saalaa koo muramuu qaba...'' jedhe.

''Gosa Kaansarii waayeesaa namoota waliin haasoftu miti sababni isaas qoosaatti jijiirama.''

Gosti kaansarii kun baayyinana hin mudatu, haata'u malee addunyaarratti sabab dhibee kanaa duuti galmaahu dabalaa dhufeera.

Ministeerri Fayyaa Biraaziil waggoota 10 darban keessa namootni 4,000 sababa dhibe kanaa du'aniiru. Namootni 6,500 ammo qaamnisaalaa irraa murameera jedheera. Kana jechuun guyyatti nama dhibee kana qabu lamarraa qaamni saalaa murama jechuudha.

Biyyattii keessatti dhiira 10,000 keessaa gidduugalana nama lama irratti kaansariin kun mudachaa jira.

Mallattoon isaa maali?

Dhibeen penile cancer kan eegalu dhukkubbii adda hin citne qaama saalaarratti dhagaahamuuni. dhangala'aan foolii badaa qabaus ni jiraata. Namootni tokko tokko ammoo qaamni saalaa isaanii ni dhiiga dhangal'aan halluu addaa qabus ni baha.

Dafee waldhaansa yoo argate hiree irra afayyuu guddaatu jira. Osoo hin jabaatiin waldhaansa godhamuu danda'u keessa tokko baqaqsanii yaaluun baasuudha. Raadiyooteeraappiifi Keemooteeraappiidhanais fayyuu danda'a.

Osoo hin waldhaanamiin yoo barfate garuu qaamni saalaa gariin yykn guutummaatti muramuutu fala ta'a. Haala isaarratti hundaa'uun cidhaanillee akka muramee bahuun irra jira.

Zhuwaan erga dhibeen kun isa mudatee bubbuluurraa kan ka'e ji'oota dura qaamni saalaasaa gariin irraa murameera.

''Jireenya kee keessatti na mudata jettee waan yaaddu miti. Yeroo si qunnamu, kanatu ta'e jettee waan namtti himtu miti'' jedhe.

Baqaqsanii waldhaanuu akka sodaatu kan dubbatu namni kun filannoon biraa waan hin jirreef itti galuu hime.

''Waldhansa baqaqsanii yaaluu kana booda torbanootni jalqaba atran kan gaddaan guutan tura. Kan hin halau. gariin qaama saalaa kee dhabuun hamaadha.''

Nmootni kaan ammoo qaamni saalaa isaanii guutummaatti waan irraa muramuuf jireenyisaanii guutummaatti jijjiirama.

Akka miseensi Waldaa 'Urology' Biraazil Morisiyo Dener Korderoo jedhutti, qulqullina naannoo qaama saalaa eeguu dhabuun sababoota dhukkuba kanaaf nama saaxilan keessaa tokko.

''Fiixee qaama saalaa dhiiraa sirnaan qulqulleessuun dhabuun sababa isa tokkodha. Kunis baakteeriyaan kun akka babal'atuuf haala mijeessa," jechuun ibsa.

Sababni biraan ammoo vaayirasiin HPV qaama keessa jiraachuu isaati. Vaayirasiin kun kaansarii qaama saalaatiin alattis kaansarii afaaniitiif nama saaxila.

''Talaallii HPV argachuun barbaachisaadha. Biraazilitti talaalliin kun jiraatus lakkoofsi namoota fudhatanii muraasa,'' jedha ogeessi kun.

Dubartoota dhibbeentaa 57 fi dhiirota dhibbeentaa 40 qofatu talaallii kana fudhata.

Dhibee kana ittisuuf walgeettii talaallichaa dhibbeentaa 90 gahuu barbachisa.

Akka ogeessi kun jedhutti, waa'ee talaallii kanaa ilaalchi dogongoraa jirurraa kan ka'e namoonni hedduun talaallii kana fudhachuuf fedha hin qaban.

Dhaabbanni fayyaa hawaasaa JMIR jedhamu, barruu bara 2022 baaseen biyyoota 43 keessatti baay’ina kaansarii qaama saalaa dhiiraa kana xiinxaleera.

Bara 2008 hanga 2012tti biyyi dhibee kanaa saaxilamuun sadarkaa jalqabaarra turte Yugaandaadha.

Dhiirota kuma 100 keessaa dhibbeentaa 2.2 ta'anitu dhibee kanaaf saaxilame.

Biraazil 2.1n lammaffaa yoo taatu, Taayilaandi ammoo dhibbentaa1.4'n sadarkaa sadaffaa qabattee turte. Kuweet dhibbeentaa 0.1n tarree kana keessatti hammatamteetti.

Akka Lewin Fu fi Tiyan Tiyan, ​​kan qorannoo kana hoogganan jedhanitti, dhukkubni kun adda durummaan biyyoota guddachaa jiran keessatti babal’achaa jiraatus, Awurooppaattis mul’achaa jira.