Bu'aa fayyaa guyyaatti al lama fiixee qaama saalaa qulqulleeffachuun qabu

Biraazil keessatti bara 2022tti namoota 1,933 kaansarii qaama saalaatiin qabamanii fi namoota qaamni saalaa irra kutame 459 galmaa'aniiru.

Lakkoofsi sodaachisaan kunis jalqaba baatii Fulbaanaarrati, fayyaa dhiirotaa kan yeroo baayyee dagatamu ilaalchisuun, Waldaa dhukkuboota ujummoo fincaanii hordofuufi Ministeera Fayyaa biyyattiin gadhiifame.

"Kaansarii dhiibee ittifamuu danda'u keessaa isa tokko. Dhiironni guyyaatti al lama fiixee qaama saalaa qulqulleessuu ykn tibba saal qunnamtiitti kondomii fayyadamuu qabu,” jedha Joozee de Ribamar, hogganaan ogummaa Wallaansa Kaansarii Qaama Saalaa Waldaa Urooloogii Biraazil.

Gosti kaansarii kun akka waan baay’ee hin argamneetti kan ilaalamu yoo ta’u, tarkaanfiiwwan qulqullina barbachisaa gochuufi imaammata mootummaa gaariidhaan salphaatti ittifamuu danda’a jedhu.

Akka ogeeyyiin BBCitti himaniitti, wanti baay’ee xiyyeefannaa nama hawwatuf sababii dhukkubni kun dargaggoota irra caalaa kan miidhu ta’eefiidha.

"Umuriin dhibeen kun irratti mul'atus dargaggoota waggaa 28 hanga 35 gidduutti argaman irratti. Bara 1980 keessa dhiirota umuriin isaanii waggaa 60 fi isaa ol ta'e turan", jechuun ibsu ogeessi.

Kaansarii qofas miti. Dhukkuboonni daddarboo biroo qaama saalaa dhiirotaa miidhuu waan danda’aniif xiyyeeffannoo argachuu qabu jedhan.

Yeroo hunda kondomii fayyadamuu, akkasumas ogeessa fayyaa bira deemuun qorannoo gochuun rakkoo baay’ee irraa nama oolchuu danda’a jedhu.

Kaansarii qaama saalaa dhiiraa maali?

Kaansariin qaamaa saala dhiiraa irra caalaa hanqina qulqullinaafi vaayirasii HPV irraa kan maddudha.

Dhiironni yeroo baayyee qulqullinsaanii hin eegne carraan rakkoo kanaan qabamuu isaanii olaanadha. Sababiin isaas dhangala’aan qaama isaanii keessa jiru ‘smegma’ jedhamu fi kan gagaa adii wajjin wal fakkaatu, sirnaan waan hin baafamneef carraa dhukkuba kanaan qabamuu ni dabala.

Dhiitoon (Tumour) kun madaan akka jiraatuf madda ta'u kan danda’u yoo ta’u, innis dhiitoo itti fufiinsa qabuun kan walqabatu. Kunis tishuu neekroosii fi dhangala’aa, dhiigaa fi foolii fokkisaa kan of keessaa qabu ta’uu danda’a.

Rakkoon fakkaa kunis diimachuu ykn madaa xiqqoo irraa jalqaba.

Haata'u malee dafanii adda baafamuun gara wallaansa fayyaa deemamnaan carraa fayyuu guddaa qaba.

Kana malees, sadarkaa olaanaatti dhukkubni kun qaama saalaa guutuu waan miidhuuf, qaamni walhormaataa gartokkoon ykn guutummaatti akka kutamu haalli itti taasisuu irra gahamu jiraachu danda'a.

Sadarkaa jalqabaa isaarratti yoo bira gahame ammoo, dhibee kana bakka madaan xixiqqoo jirutti qaama osoo hin miidhiin tishuu, baqaqsanii hodhuufi dibata hakiimaan ajajamuun balleessuun ni danda'ama.

Yeroo haalli gara hamaatti jijjiiramee ammoo qaamni walhormaataa guutummaatti dhukkubichaan miidhame ogeeyyiin akka namarraa kutamu akka gorfamu himu oggeessoonni fayyaa.

Adeemsa kana booda dhukkubsataan jireenya saalqunnamtii fi fincaanii idilee hin qabaatu.

Fincaan baasuuf, hakiimonni ujummoo fincaanii tafa keessaan banaa tolchanii, namichis utuu taa’uu fincaa'uu jalqaba.

Akka oggeessi kun jedhutti, dhibee kana ittisuuf rakkoon guddaan hanqina barnootaati. "Hubannoonni fayyaan ummataa gadi bu'aa jira.”

Dhukkuba kana ittisuuf wanti hundarra gaariin namni tokko qulqullina qaama saalaa haalaan eeggachuu shaakaluufi yeroo daa’imummaatti ammoo talaallii human papillomavirus (HPV) jedhamu fudhachuun murteessaadha jedhu.

Dhukkuba gubaa qaama saalaa

Balanoposthitis gubaa gogaa qaama saalaa yoo ta'u, yeroo baayyee kan dhufu fangasii Candida albicans jedhamun.

Dhukkuba kana irraa of eeguuf malli gaariin naannawa kofaa ykn qaamaa wal hormaataa yeroo hunda gogooggaa fi qulqullinaan eeguudha jedhu oggeessoonni.

"Qilleensi akka galu gochuun ni gorsina. Kan garmalee jiidhuu yoo ta'e ammoo fooxaadhaan haxaa'uun qilleensa qabbanaawaa fayyadamuudha,” jedha ogeessi fi piroofeesarri Mana Barumsaa Fayyaa fi Saayinsii Jireenyaa Yunivarsiitii Poontifikaal Kaatolikii Paaraanaatti (PUCPR) Fernaando Meyer.

Naannoon qaama saalaa kondomiin miidhamunis rakkoo akkanaa fidu danda’a. Kanaaf dhiironni kondomii alarjii hin qabne akka fayyadaman gorfamu.

Wal’aansi isaas dibata farra fangasii fayyadamuufi naannawa sana qulqulluu fi goggogaa gochuun eegu hammata.

Akkasumas uffata furdaa fi baayinaan mi’eessituu fayyadamuu irraa of qusachuun gorfama. Sababiin isaas sukkaarri fincaan keessaa yaa'uu waan danda’uuf, fangasiin akka baayyatuuf daran haala mijeessa.

Dhukkuba Phimosis jedhamu

Gogaa dabalataa qaama saalaa uwwisu, kan mataan/fiixeen qaama saalaa akka hin mul'anne godhuun beekama.

Yeroo ijoollummaatti mul'atu ogeessi fayyaa daa'immanii haala kana qorachuu fi yaala akka dibata kortikooyidii ajajuun gogaan akka salphaatti fiixee irra akka siquuf taasisa.

Ijoollee dhiiraa waggaa shan ol ta’aniifis shaakali gogaa kana fiixee irra deebisuu taasifamuu danda’a.

Yeroo tarkaanfiiwwan kun hin hojjenne, ogeeyyiin gogaa qaama saalaa balleessuuf baqaqsanii hodhuu akka godhan gorsuu danda’u.

Ijoollummaatti kan baay’atu ta’us, haalli kun ga’eessota keessattis uumamuu danda’a, kunis infekshinii naannoo sana jiruun kan dhufudha.

Dhukkuba paraphimosis jedhamu

Dhukkuba dhiirri gogaa qaama saalaa gadi harkisee bakka isaatti deebi'uu dadhabnaan uumamuudha.

Yeroo kun ta’u, haalli gubaa guddaan jira, kunis balaa necrosis fida. Necoris kan uumamu yeroo seelonni qaamaa yookaan tishuun baay’ee ykn hundi sababa dhukkuba, miidhamuu ykn dhiyeessii dhiigaatiin du’an.

Haala dhukkubbii qabuu fi, yeroo tokko tokko, sochii fayyadamuun gogaa bakka isaa deebisuu ni danda’ama.

"Humnaafi gahumsa xiqqoo fayyadamtee qubni kee dhiibdee bakka isaatti deebisuu qabda." jedha ogeessi uroologii Hospitaala Marcelino Champagnat, Curitiba keessatti argamu Mark Neumaier

Haata’u malee, gogaa bakka jalqabaatti deebisuun harkaan yoo milkaa’uu baate, baqaqsanii hodhuu hatattamaa barbaachisa.