Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dorgommii dhimma Galaana Diimaa fi hawwii Raashiyaa milkiirra gahe
Biyyoonni dhiyoo fi fagoo irraa dhufan carraa hundaan daandii galaanaa addunyaa irratti barbaachisoo ta'an keessaa tokko kan ta'e Galaana Diimaa keessatti bakka argachuuf yaalaa jiru.
Ameerikaa, Awurooppaa fi Baha Fagoo dabalatee biyyoonni hedduun Jibuutii keessatti buufata waraanaa hundeessuun naannoo galaana diimatti sochii kan taasisan yoo ta'u, kaan ammoo humna galaanaa isaanii naannoo sanatti bobbaasuun dantaa isaanii eegsisaa jiru.
Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf bara darbe ji'a Guraandhalaa keessa mootummaan waraana Sudaan durfamu Raashiyaa waliin ijaarsa buufata waraanaa Galaana Diimaa keessatti walii galtee xumuraa irra gahuu isaa beeksisee ture.
Dhiibbaan finciltoonni Huutii Yaman waggoota lamaan darban keessa doonii daldalaa Galaana Diimaa irratti geessisan, biyyoonni dhihaa gahee naannicha keessatti qaban daran akka cimsan kan taasise yoo ta'u, biyyoonni biroos naannoo naannoo kana qabachuuf carraaqqii guddaa gochaa jiru.
Kanneen keessaa Raashiyaan ishee tokko. Raashiyaan birqabaan biyyoota dhihaa caalaa Galaana Diimaatti dhihoo taatuus, naannoo sanatti buufata waraanaa hin qabdu.
Biyyoota Galaana Diimaa waliin daangessan waggootaaf mariisisaa fi tumsaa kan turte Raashiyaan abdii osoo hin kutatin hawwii ishee dhugoomsuuf waan dhihaatte fakkatti.
Galaanni Diimaan daandii daldala galaanaa murteessaa ta'ee Ardilee Afrikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa kan wal qunnamsiisu yoo ta'u, daandii kana irratti jeequmsi uumamu sochii dinagdee gurguddoo irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Boba'aan addunyaa, albuudoonni gati jabeeyyii fi oomishaalee industirii baay'een gara Awurooppaatti, keessumaa Galoo Galaana fi Eeshiyaa irraa geejjibsiifamuun isaanii biyyoonni akka naannoo kana irratti fuulleefatan taasiseera.
Taphattu haaraa Galaana Diimaa
Diinagdee fi waraana addunyaa humna guddaa qabdu keessaa tokko kan taate Raashiyaan Galaana Diimaa keessatti ga'ee qabaachuuf waggoota itti fudhateera.
Sababa kanaan, ALA bara 2017 irraa eegalee buufata waraanaa Galaana Diimaa irratti ijaaruuf hojjechaa turte.
Amma garuu Sudaan kan waraana biyya keessaatiin raafamaa jirtu waliin waliigaltee irra gahuu ishee gabaasaleen ba'aa jiru.
Sudaan waraana gara waggoota sadiif keessa turteen, miidhaa cimaan irra gaheera. Waraanni biyyattii Jeneraalota lama (Al-Burhanii fi Hamdan Daghlo) giddutti eegale amma harka biyyoota hedduu hirmaachisaa jira.
Haaluma kanaan gareen Jeneraal Al-Burhan kan teessoo isaa Poorti Sudaan godhatee fi qarqara galaana Diimaa Sudaan to'atu, Raashiyaatti dhihaachuudhaan deeggarsa argachuuf jecha waan Raashiyaan barbaadde kennuuf balbala baneera.
Bara darbe ji'a Guraandhalaa keessa Ministirri Dhimma Alaa Sudaan duraanii biyyoonni lamaan "Rashiyaadhaaf buufata galaanaa Sudaan irratti hundeessuuf waliigalteerra ga'uu isaanii" beeksisaniiru, kana hojiirra oolchuuf "gufuun tokkollee hin jiru" jedhan.
Moskoonis Sudaan keessatti invasti gochuuf, keessattuu waraana booda biyyattiin deebisanii ijaaruu irratti akka hojjattu qophii ta'uu ishee ibsiteetti.
Buufatni humna galaanaa Raashiyaa kun loltoota naannoo 300 kan keessummeessuu yoo ta'u, waliigaltee mootummaa Sudaan fi Kiremlin gidduu jiru waggoota 25f akka turu gabaasaaleen ni mul'isu.
"Sudaan fi Raashiyaan buufata waraanaa Raashiyaa ilaalchisee waliigalteerra ga'aniiru" jechuun Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf dubbataniiru jedha gabaasni Sudan Tribune.
"Waliigaltee guutuu irra geenyee jirra. Dubbiin salphaadha. Gufuun hin jiru" jedhan.
Torban muraasa dura daawwannaa hojii Moskootti kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa Sudaan gita isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov waliin Moskootti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru.
Biyyoonni lamaan ''hariiroo tarsiimoo isaanii guddisuuf'' kutannoo qabaachuu ibsan.
Akka gabaasaalee kaneennitti, Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov hariiroo biyyoota lamaanii faarsuun, ''Raashiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti Sudaan ni deeggarti'' jedhan.
Raashiyaan bara 2017 irraa eegalee buufata waraanaa ijaaruuf yaalaa kan turte yoo ta'u, biyyoonni lamaan garuu bara 2020 irratti waliigaltee duraa irra ga'an
Haa ta'u malee, dhiibbaa biyyoota dhihaa irraan kan ka'e, aanga'oonni Sudaan waliigaltee kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf fedhii tokkollee hin agarsiifne ture.
Buufata waraanaa meeshaa waraanaan
Raashiyaan doonii waraanaa humna niwukilaraa hojjettu dabalatee buufata humna galaanaa ijaaraa jirtutti yeroo tokkotti doonii waraanaa afur dhaabuu ni dandeessi.
Mootummaan Sudaan yeroo dhiyoo as Raashiyaa fi Iraanitti dhihaachaa jira. Humna dafee qaqqabaa Sudaan (RSF) waliin lola keessa kan jiru waraanni Sudaan deggersa barbaaduuf tattaaffii godhaa jiru biyyoota lamaan waliin walitti dhufeenya isaa cimseera.
Bara darbe baatii Guraandhalaa keessa Sudaan Raashiyaa waliin boba'aa baasuu, geejjibaa fi daldala alaa irratti waliigaltee waliigaltee mallatteessiteetti.
Gaazexaan 'Wall Street Journal' qondaaltota Sudaan dhimmicha beekan wabeeffachuun akka gabaasetti, Sudaan bara kana Onkoloolessa keessa Raashiyaan naannoo ishee keessatti buufata humna galaanaa akka hundeessituuf hayyama kennite.
Ijaarsa buufata waraanaa kanaa malees, Raashiyaan Sudaan keessatti boba'aa akka qottu hayyamuuf waliigalticha keessatti hammatameera.
Raashiyaanis gama isheen haleellaa diroonii humna dafee qaqqabaa irraa itti darbatamuu irra ittisuuf sirna ittisa qilleensaa ammayyaa fi meeshaalee waraanaa biroo saffisaan waraana Sudaaniif kennaa jirti.
Akka gabaasa barruu 'Independent Military Watch' jedhamu dhuma baatii Sadaasaa keessa maxxanfametti, Ministeerri Ittisaa Sudaan xiyyaarota waraanaa Raashiyaan hojjetaman, 'Su-30 fi Su-35' jedhaman argachuuf mariirra jiraachu himan.
Barruun kun akkasumas xiyyaaronni waraanaa kun Sudaaniif kan kennamaa jiran deebii Sudaan''buufata humna galaanaa Raashiyaan Galaana Diimaa keessatti akka ijaarrattuf eeyyamte irraa'' ta'uun ibsameera.
Wayita walii galteen gama lameenii kun hojiitti yoo jijjiirame, buufata humna galaanaa Raashiyaa Poort Sudaan keessatti hundeeffamtu Afrikaa keessatti isa jalqabaa ta'a.
Waliigalteen mootummaan Sudaan fi Raashiyaa qarqara galaana Diimaa irratti buufata humna galaanaa hundeessuuf kun biyya humna guddaa qabdu kan biraa gara naannichatti fida.
Garuu biyyoota ollaa Galaana Diimaa irraas ta'e warra dhihaa irraa wanti gaariis ta'e hamaa dhaga'ame hin jiru.
Waraana biyya keessaa Sudaan keessatti adeemsifamaa jiruun namoonni kuma 150 ol ajjeefamanii, miliyoona 12 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'anii, kutaalee biyyattii tokko tokkotti beelli mudachuun isaas gabaafameera.
Waraanni Sudaan waggoota lamaa fi walakkaa booda hammaatee kan itti fufe yoo ta'u, waraanni kun akka dheeratuuf sababa tokko ta'ee gidduu seenuun biyya alaa kaafama.
Biyyoonni waraana Sudaan deeggaraa jiru jedhamee amanamu Masrii, Turkii, Iraan, Raashiyaa, fi Eertiraa ni dabalata. Biyyoonni kunneen mootummaa waraanaa kallattiin deeggarsa waraanaa taasisaa akka jiran amanama.
Gama biraatiin UAE humna dafee qaqqabaa meeshaalee, dhiyeessii yaalaa fi deeggarsa biroo kenniteetti jechuun himannaa dhiyaate irra deddeebitee haaltee jirti.
Mootiin gonfoo Sa'uudii Mohaammad Bin Salmaan daawwannaa Waayit Haawusitti taasisuun Doonald Tiraamp waan Sudaan keessatti ta'aa jiru akka gidduu seenan gaafataniiru.
Tiraamp akkasumas ''Sudaan keessatti nagaa buusuuf sochii ni jalqabna'' jedhan.
Ji'oota jahan darbaniif Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Gorsaan Afrikaa Ameerikaa Mashuud Boolus karoora wixineessaa turaniiru.
Gamtaan "Quad" kan Ameerikaa, Masrii, Sa'udii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireets of keessaa qabu waraana kana dhaabuuf yaalaa jiru.
Kaayyoon isaanii inni guddaan dhukaasa dhaabuu galmaan gahuu, gargaarsi namoomaa akka seenu hayyamuu fi mootummaa siiviiliin durfamu hundeessuudha.