Veenzuweelaa biyya burqaa boba'aafi babbareedduu addunyaa taate

Veenzuweelaan biyyoota Laatiin Ameerikaa keessaa uummata dhibbeentaan 80 ol magaalota keessa jiraatan qabdi.

Biyyattiin kuufama boba'aa addunyaa isa guddaa qabachuun dabalataan lecelloowwan cilee, ayiraniifi wrqeen kan badhaate dha.

Kuufamni boba'aa biyyattiin qabdu baarmeela biiliyoona 303 tahu akka qabdu tilmaamama.

Al-ergii boba'aanis akka addunyaatti sadarkaa jalqabaarra kan jirtu yoo tahu, jalqaba jaarraa 21ffaa irra garuu diinagdeenshee gadi bu'aa dhufe.

Pireezidantiin duraanii biyyattii Hugoo Chaavez bara 2013tti du'e, yeroo aangoosaa waggaa 14 tureen abukaatoo uummata hiyyeessaa akka tahe dubbata ture.

Doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu kan gurgurtaa boba'aa irraa argamu sagantaalee jireenya hawaasaa foyyeessan irratti dhangalaasaa ture.

Mootummaan Nikoolaas Maduroo du'a Hugoon booda aangootti dhufe sababa gad bu'uufi ol ka'uu gatii boba'aan akkasumas rakkoo walxaxaa diinagdeefi siyaasaan Veenzuweelaa biyya kufuuf gatantartu taasiseera.

Biyyattii keessa qaala'insa gatii olaanaa, hanqina dhiyeessii miyootaa, hojii dhabdummaafi yakki babal'atee jira. Bara 2014 irraa qabee lammiileen biyyattii miiliyoona saddeet tahan biyyaa baqataniiru.

Siyaasaafi diinagdee tasgabbaa'aa tahe dhabuufi aangowootishee qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluun Ameerikaadhaan himatamuun addatti Veenzuweelaa biyya akkamiiti?

Veenzuweelaan biyya boba'aa, biyya simboo-qabeettii , biyya qaqawweessaa jedhamuun beekamti.

Waantota Veenzuweelaan ittiin beekamtu shan kunooti. Dhiyaadhaa!

Kiristoofar Kolombastu maqaa moggaase

Abuuraan lammii Xaaliyaanii Kiristoofar Kolombas waayelotasaa kaan waliin tahuun bara 1498-99 ture miillisaa dachee Veenzuweelaa kan ejjete.

Kiriistoofar dachii miidhaga uumamaan badhaate kana gaafa argu dinqamee 'dachee simboo-qabeettii,'' jedheenii.

Manneen utubaa dhedheeraan jalaa ol bahanii akka lagni Maaraakaabiyaa hin liqimsineetti ijaaraman magaalaa Xaaliyaanii Veeneziyaa jedhamtu isa yaadachiise.

Veenzuweelaa jechuunis maqaa itti moggaase hiiktisaas ''Veeneziyaa xiqqoo' jechuu dha.

Kiristoofar dachii kana otoo hin gahiin dura sabooti ganamaa Kaariib, Araawaakfi Chibchaa jedhaman jiraatu ture.

Bara 1521 Ispeen biyyattii keessatti gita bitaa kolonii babal'isuu jalqabde. Bara 1749 qabsoon diddaa bittaa Ispeen jalqabe.

Yeroo Awurooppaatti Naapooliyoon Ispeeniin weerare, bara 1810tti Veenzuweelaan walabummaa labsatte.

Bishaan finca'aa dheeraa addunyaa kanaa qabdi

Finca'aan dheeraa addunyaa kanaa Enjiil Fools, Paarkii Biyyaalessaa Veenzuweelaa Kaanaayimaa keessatti kan argamu yoo tahu hambaalee uumamaa UNESCO jalatti galmaa'eera.

Finca'aan kuni gaara fiixeensaa minjaala fakkaturra gadi jigee hamma lafa ga'utti meetira 979 dheerata.

Enjiil Fools gamoowwan dhedheeroo beekamoo caala. Gamoo dheeraa Niiw Yoork keessatti argamu Empire State Building dachaa lama kan caalu yoo tahu, Ayiifil Taawar Paarisitti argamu ammoo dachaa sadii caala.

Finca'aan kuni lafa qaqqabuun dura duumessi qilleesarratti uumu jirbii hiddame fakkaata.

Bara 1933 paayilatiin Ameerikaa Jiimii Enjiil jedhamu finca'aa bosona magaalarraa fagaatee argamurra yeroo jalqabaaf xiyyaaraan balalii'uun booda dha finca'aan kuni Enjiil Fools kan jedhame

Bosona finca'aan kun keessatti argamu kana qaqqabuuf daandiin konkolaataa waan hin jirreef xayyaara, lafoo ykn bidiruudhaan deemama.

Sabooti ganamaa naannichaa finca'aa kana Keereepaakupaayi Meeruu jechuun kan waaman yoo tahu hiiktisaas finca'aa lafa dhooqaa jechuu dha.

Jiraattonni naannoo finca'aa kana jinniitu uume jedhanii amanu, saayintistoonni rooba naannoo tiroopikaalaaf akkaan gumaacha qaba jedhu.

Babbareedduu addunyaa Veenzuweelaarraa yaati

Veenzuweelaan rekardii addunyaa lama qabattee jirti innis kuufama boba'aafi gonfoo miidhaginaati.

Ogeettiin suuraa lammii Veenzuweelaa Faabiyoolaa Fereroo keewwata The Guardian irratti barreessiteen, ''bara 90moota keessa yeroo dorgommiin miidhaginaa waggaa adeemsifamu biyyattiin ni hadooddi,'' jechuun miidhaginni biyya sanatti dhimma qoosaa akka hin taane himti.

Biyya kanatti miidhaginni dhimma bareeda ofii agarsiisuun dorgommii ittiin mo'atan otoo hin taane dubartoota baayyeef karaatti hiyyummaa keessaa bahanidha.

Veenzuweelaan dorgommi miidhaginaa Miss Universe jedhamu waggaa lama walitti aansitee mo'achuun galmee dhimmoota dinqisiisoo Guinness World Record irratti galmoofteetti.

Bara 2008 Daayaanaa Meendoozaa, bara 2009 Isteefaanii Fernaandeez duabartoota jedhamantu mo'ate.

Dorgommiiwwan miidhaginaa idl-addunyaa maqaa gargaraan adeemsifaman baayyee mo'achuunis biyyattiin sadarakaa jalqabaarra jirti. (Miss Universe, Miss World, Miss International, and Miss Earth) hamma bara 2025tti walumaagala goonfoo miidhaginaa 24 sassaabdeetti.

Veenzuweelaatti dorgommiin miidhaginaa akka dorgommii ispoortii biyya kaaniitti adeemsifamuuti.

Dhimmi bareedinaa iddoo guddaa waan qabuuf ''fokkattuu tahuu mannaa du'a naa wayya,'' jechmani jedhu beekamaa dha.

Ijoolleen dubaraa waggaa afur fa'a irraa qabee kophee koomeerraa dheeratuun deemuufi meekaappiin of kuuluu baratu.

Dorgommi miidhagina kanaan milkaa'inni argamu hojii miidiyaa, bashannanaafi siyaasaafillee otoo hin hafiin karaa bana.

Bara 1981tti dorgommi Miss Universe'n goonfoo kan keewwatte Ayiriin Saa'ez kantiibaa magaalaa Chaakaa'oo taatee ture.

Boodas pireezidantii Veenzuweelaa tahuuf Huugoo mormuun dorgomaa turte.

Dorgommiin miidhaginaa biyya siyaasaafi sabaan addaan qoodamte tokko godhas jedhama.

Qaqawweessa Kaataatumboo

Qaqawweessi Kaataatumboo laga Veenzuweelaa Maaaraakaayimboo walirraa hin citiin qaqawweessa'u kabaja ayyaanaaf waan richiitiin dhukaafamaa jiru fakkaata.

Qaqawweesi kuni sa'atii tokkoa keessatti si'a 280 dhagahamuun ifa 'ajaa'ibaa' kenna.

Bubbee tulluu irraa bubbisuuif hurka laggeen irraa bahuun dabaalamee qaqawweessa akkaan jabaa tahe uumuun galmee wantoota dinqisiisoo Guinness World Record irratti kaa'ameera.

Ifaan sababa qaqawweesa kanaan uumamu irra deddeebiin(daqiiqaa tokko keessatti si'a 16-40) uumamuun dabalataan hanga sa'atii sagalii waan turuuf namoonni naannoo akka ampoolii ifaatti itti fayyadamu jedhu ragaaleen garagaraa.

Taateen elektirikaalaa akka uumamu albuudi meeteenii jedhamu laga Maaaraakaayimboo iddoo kuufamni boba'aa guddaa jiruufi lafti caffaa'aa naanichaa shoora qabu jedha odeeffannoon NASA Earthdata.

Baatii Amajjii fi Guraandhalaa keessa haa hir'atuyyuu malee taateen kuni waggaa guutuu waan adeemu dha.

Qaqawweesi kuni sababa hongeen bara 2010 badanaan achumaan hafuu danda'a sodaan jedhu akka ture gabaafamaa ture.

Bara durii abuurtoonniifi yabaltoonni kallattii itti deeman hubachuuf ifa qaqawweesa kanaa fayyadamaa akka turan NASA Earthdata'n katabeera.

Gamoo bara 1990 ijaarsisaa hin xumuramne

Gamoon Tower of David jedhamuufi magaalaa guddoo Veenzuweelaa Kaaraakaas keessatti argamu abbaa darbii 45ti.

Ijaarsi isaa bara 1990 jalqabus ergasii ijaarsi isaa hamma yoonaa hin xumuramne.

Ijaarsi gamoo kanaa inveestara Deeviid Biriileembarg jedhamuun wiirtuu waajiraalee, hoteelotaafi manneen jiraanyaa akka tahuuf jalqabe.

Bara 1993 Deeviid du'e, otoo baayyee hin turiin bara 1994 seektara baankiifi faayinaansii Veenzuweelaa rakkoon mudate.

Sababa kanaan ijaarsi isaa guutummaatti dhaabbatee mootummaan akka dhuunfatu labse.

Gamoon akkuma jalqabametti jiru kuni liiftiifi ibsaa hin qabu. Foddaafi keenyan sirnaan xumurameyyuu kan hin qabneefi caasaa koonkiriitiin kan hafe dha.

Bara 2007-2015 keessa yeroo hanqinni man jireenyaa uumamu namoonni dhibbaan lakkaa'aman keessa galanii jiraachuu jalqaban.

Gamoon kuni xumuramuu dhabuun ol jireenya magaalaa wal-qixxummaan keessatti hin diriirre waan agarsiiseef fiilmiiwwan dookimantarii badhaasa argatan irratti dhiyaateera.

Hayyooti saayinsii hawaasaa namoonni yeroo bu'uuraaleen misoomaa isaaniif hin guutamne mala addaa barbaaduu isaaniif fakkeenya dha jedhan.

Qorannoowwan jiraattota gamoo kanaa irratti adeemsifame akka agarsiisutti maatiin abbaa warra 750 tahan gamoo kana keessa jiraataniiru.