Raajii Roobootiksii! Waldhaansa baqaqsani yaaluu hanga hawaa abuuruu

Yunaatiid Kiingidam keessatti bakka bu'oonni uummataa biyyattii walgahaniiru. Teessoo isaanii fuuldura maqaan isaanii barraa'ee bishaanis kaahameeraaf.

Isaan keessa kan maqaan Ayidaa jedhamu fuuldura isheetti barraa'e keessummaan tokko jirti. Bishaan garuu hin kaahamneef.

Gaaffii Miseensota Paarlaamaaf deebii kennuuf achitti argamte.

Akkam Ayida, akkamitti fakkii kaasta gaaffii jedhu miseensi tokko gaafata.

Ayidaa: Ija koo kaameraan keessatti hojjetame fayyadamameen kaasa. Algorizimiiwwan koo Ayidaatti fayyadameen, irreekoo roobotiksii fayyadameen kaasa. Suura bareedan kaasa. Walaloo kaniin barreessu neutral network fayyadameeni. Kuni barreefamota dheeraa hubachuu si gaafata. Barreefamoota hubadheen boca walaloo koo ergan argadhee booda haaraa uuma.

Dhala namaarraa adda kaniin ta'e lubbuu waanin hin qabneefi. Muuxannoowwan dhala namaas hin qabu. Waayee fakkiifi walaloo dubbachuu danda'us, sagantaa kompiitaraati ani. Kaniin qajeelfamu algoorizimiidhaani. Lubbuu dhabus hojii aartii nan kalaqa.

Miseensi biraan gaaffii gaafachuuf gaaf jedhan Ayidaan boqachuun irra jiraayyu boqotte.

Ayidaan addunyaarratti Roobootii Humaanooyiid dhugaa fakkaachuutti dhiyaatte.

Bara 2019'tti addunyaatti kan beeksifamte roobootiin kun oogummaa fakkii, walaloo fi bobbocaa qabdi.

Gaaffiifi deebii miseensota paarlaamaaf kan dhiyaates maqaan beekamtiin ishee ijaa dabaleefi.

Roobootiin biraan dhiyoo kana dhufee addunyaa hedduu dudubbachiise ammoo kan nyaata bilcheessudha.

Roobootiin kun Chaayinaatti gosa nyaataa hedduu soorataman 3000 hojjeteera.

Kana malees roobootiin biraan daqiiqaa sadiitti fakkii kaasee xumurus dubbii ijoo damee kanaati.

Weerara Koronaan walqabatee ammoo roobootiin jaarroliif kunuunsa kennus barbaadamummaan isaa dabaleera. Qorannoofi talaalliinis roobootiidhuma kanaan kennama.

Roobootiin kun hojii kan gargaaru qofa osoo hin taane jaarrolii ko'oommatanii jiranitti odu hima, qoricha isaanii akka liqimsanis yaadachiisa.

Roobootiiwwan farra aramafi sanyii adda baasanii biifan, kan oyiruu bishaan obaasanis jiru.

Roobiitiiwwan waldhaansa baqaqsanii yaaluu kennan Surgical Robots jiru. Dhibee haakiimniadda hinbaafne beekuu irraa kaasee hanga dogoggora waldhaansaa hambisuutti fayidaa qabaniinis filatamoo ta'aa jiru.

Roobootiiwwan amma ammoo gara abuuraa Hawaattis galaniiu.

Maarsi Rooveriin Nasa miilota jaha ofirraa qaba. Digirii 360 roobootii ofirra naanna'u kan qabu yeroo ta'u Maarsirra naanna'ee ragaa walitti qabe Astiroonotaaf dabarsa.

Waayee Roobootiksii ibsa akka kennan kan gaafannen ogeessi hubannoo nam tolchee Dr Daanyaachew Birruu Roobootiksiin seensaraan fayyadamuun naannoo hubachuudha jedhu.

Dhaabbata Teeknolojii Kataaritti hooggana qorannoo idila addunyaa kan ta'an Dr Daanyaachew sochiin Roobotiiwwanii kan kaameraan deeggaramu (Visual sensor), kan sagaleen deeggaramu (sound sensor) fi carralaan deeggaramu (Infrared Sensor) ta'uu BBC'tti himan.

Algorizimiin roobootiin itti fayyadamu kan hubannoo nam-tolcheeti jedhu.

Kana keessaa tokko Reinforcement Leaning kan jedhamu yeroo ta'u kunis roobootiiwwan wanta sirrii isa dogoggora ta'erraa akka adda baasanii beekan gargaara jedhu.

Roobootiksiin eessaa garam?

Yaadni Roobootiksii hojii dhalli namaa hojjetu robootiin dalaguudha. Roobootiiwwan ergama akka raawwatan saganteeffaman hojiirra oolchu.

Kanneen fakkii namaatiin hojjetamaniifi waan namni hojjetu hojjetan (Humanoid) fudhatama guddoo argataa jiru.

Dr Daanyacheew roobootiiwwan oogummaan isaanii kan qaamaan raawwataman qofa osoo hin taane kan murtee dabarsuu dabalatu ta'uu dubbatu.

Pre-Programmed Robots bakka murtaa'etti hojii murtaa'e qofa akka raawwatan saganteeffamu. Hojiin kun dhaabbata konkolaataa omishu keessatti biloonii hidhuu ta'uu danda'a.

Warri Autonomous Robots jedhaman ammoo osoo namni ajaja hin kenniifin kan waa dalaganiidha. Sensara isaanii fayyadamuun haala naannoo isaanii hubatanii hojii raawwatu.

Teleoperated Robots ammoo namni fageenya dhiyoorraa hordofaa ajaja gaafa kennuuf hojii hojjetu. Haala qilleensaa rakkisaa keessatti hojii isaanii hojjetu. Dirooniin yookaan xiyyaarri nama maleeyyiin fakkeenyaa gaariidha.

Dhalli namaa akkuma ajaja sammuu isaarraa kenname fudhatee raawwatu roobootiiwwanis ajaja algorizimii isaaniirraa dhufe raawwatu.

Asoosamoota kalaqa saayiinsii keessa robotiiwwan turan amma qabatamaan uumamamanii argaa jirra.

Hojiin isaanii boombii buusuu hanga boombii fashalsuu, marga hamuu, ibidda dhaamsuu mi'a fe'uufi buusuu hanaga ergama hawaatti ta'eera.

Yaaddoo roobootiin dhufan

Gabaasni Haarvaard Biiznas Riviiw jedhamu akka agarsiisutti weerara Koronaan booda oomishtootni roobootii gurgurtaa guddaa raawwachaa jiru. feedhiin omishaalee kanaaf jirus dabaleera.

Gabaasichi addunyaa fuula duratti roobootiiwwaniin guute keessatti eeggannoo baayyisuun ni barbaachisa jedha.

Gaafatamni roobootiif kennamu hin hordofamu taanaan kufaatii fida jechuun akeekkachiisa.

Yaaddoon biraan irra deddeebiin dhagaahamaa ture carraa hojii dhala namaa saamu kan jedhuudha.

Fayidaa isaaniirra miidhaan isaanii akka hin caalles qajeelfamni akka qophaa'uu biyyootni gaafataa jiru.

Hammuma Ayidaan fa'aa fakkii kaasaniin ykn walaloo barreesaniin nama raajan ogeeyyii damee kanarratti dhiibbaan uuman salphaa hin ta'u.