Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiigni laabiraatoorii keessatti oomishame yeroo jalqabaaf namarratti yaalame
Dhiigni laabiraatoorii keessatti qophaa’e yeroo jalqabaaf namarratti yaalamuu, qorattootni UK himan.
Dhiigni xiqqoo qaama namaa keessatti akkamiin akka hojjetu ilaaluuf jecha namaaf kenname.
Dhiigni namaaf kennamu irra jireessi isaa deeggarsa namoota dhiiga gumaachanii irratti kan hirkatedha.
Galmi isaa inni dhumaa dhiiga murteessaa tahe keessumaa gosa dhiigaa argachuun rakkoo tahe oomishuudha.
Yaliin akkasii kun namoota yeroo yerootti dhiigni jijjiiramuuf kanneen dhukkuba kaanserii dhiigaa qaban yaaluuf kan ooludha.
Yoo dhiigni kennameef kun wal simuu baate qaamni nama kennameef sun hin fudhatu.
Yaliin kunis kufaa taha jechuudha.
Wal simuun isaa ammoo gosa dhiigaa A,B,AB fi O jennuun olittidha.
Pirofeser Ashilii Tooye,yuunvarsiitii Biristol irraa gosni dhiigaa tokko tokko ‘’akka malee xiqqaadha. Tarii namoota kudhan hin caalefaatu biyya tokko keessaa gumaachuu danda’a’’ jedhan.
Yeroo ammaa kana UK keessa gosa dhiigaa ''Bombay'' jedhamu kan yeroo jalqabaaf Indiyaa keessatti argame yuunitii sadii qofatu jira.
Dhiigni kun akkamiin qophaa’e?
Qorattootni UK waliitti dhufuun dhiiga diimaa oksijinii somba irraa fuudhee gara qaama kaaniitti geejibu oomishuu hojjettan.
· Jalqaba dhiiga gumaachame ml470 hin caalle irraa eegalan.
· Meeshaa xiqqaa magneetii of keessaa qabu seelota gara dhiiga diimaatti akka guddatan godhu fayyadaman
· Seelotni isteemii [stem cells] labiraatoorii keessatti akka gara dhiiga diimaatti guddatan godhaman
· Dhumarratti dhiiga diimaa akka tahan godhaman
Adeemsi kun gara turban sadii kan fudhate yoo tahu,marsaa jalqabaan seelotni isteemii walakkaa miliyoonaa tahan gara seelota dhiiga diimaa biliyona 50 tahan.
Keessaa cuunfamuun seelotni guddina isaanii fixatanii dhiiga diimaa tahan yeroo adda bahan gara biliyoona 15tu argame.
Abjuun koo fuulduratti dhiiga hanga danda’ame oomishuudha, mul’atnikoos maashina dhiiga gumaachame irraa itti fufinsaan dhiiga oomishu banuudha jedhan pirofeser Tooyeen.
Namootni jalqabaa lamaan yaalicha keessatti hirmaatan dhiiga kana fudhataniiru.
Saayintistootni meeshaa ittiin aala dhiigni kun hojjetu hordofan qabu.
Dhiigni diimaan qaama namaa keessa hanga bakka bu’utti guyyoota 120f tura.
Namootni yaaliin irratti gaggeefames garaagarummaa ji’oota afuriin dhiiga kana fudhatu.