Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggeessa Itoophiyaa jireenya karaa gubbaa irra ka'ee UN'tti bakka bu'aa biyyoota hedduu ta'e
- Barreessaa, Dereje Gonfa
- Gahee, BBC Journalist
Dippiloomaatii Afrikaa umurii xiqqaa afaanota heddu dubbatu jedhamuun maqaan isaa ka'a.
Waggaa lama dura umuriisaa waggaa 23tti UN tti bakka bu'aa biyyoota Afrikaa saddeeti ta'e.
Gaaffii Daabboo argachuurraa gara sadarkaa Dhabbata Biyyoota Gamtoomanitti Sagaleen Afrikaanotaa akka dhaga'amu falmutti ce'uun kutannoo akkamii gaafata?
Bu'aa ba'ii fi cichoomina akkamiin sana milkeesse ? Dargaggeessa kana dubbisuun kan qindeessine kunooti.
Charinnat Hariffoo jedhama. Amma dargageessa umurii 25 ta'a. Ijoollummaa isaa harka caalu rakkinaan dabarsuu yaadata.
Umurii isaa wagga 4tti rakkoon jireenyaa daandii gubbatti isa baaste. Yeroo sanatti abjuun isaa inni guddaan 'nyaatee buluu' ture. Har'a garuu faallaa kanaa jira.
Naannoo Oromiyaa magaalaa Mooyyaaleetti dhalate. ijoolumma isaatti qormaata hedduu keessa darbeera.
''Guddinni koo akka ijoollee kaani hin turre,sababa tokko tokkoon haadhaa fi abbaa malee guddadhe, jireenya baay'ee abdi kutachiisaa ture ani garuu harka hin kennanne'' jedha.
Gargaarsa maatii tokko malee ijoollee maatii hin qabne akka isaa waliin kararraa jiraata turuu hima.
Deeggarsa barsiisota isaa fi namoota isaaf dhimman tokko tokkoon barnoota isaa hanga kutaa 4tti barate.
''Waantiin rakkoo kana keessaa ittin ba'uu danda'u barnoota jedhee waanan amanuuf barachuuf takkaa duubatti jedhee hin beeku'' jedha waa'een barnootaasaa yoo himu. Barnoota isaan qaxalee ta'uus hima.
Sana booda garuu jireenya sana keessa turuuf haalotni isa hin dandeessifne.
Umurii isaa waggaa 9tti Mooyyaleerraa konkolaataa horiin ittiin geejjibsifaman keessa dhookatee gara Keeniyaa Naayiroobiitti bade.
Jiruu biyya baqaa
Charinnat Naayiroobiitti erga badee booda gara kaampii baqattotaatti gale.
''Ani yoo Mooyyalee jiru, ijoolleen muraasni gara Naayiroobii akkasumas maagaalota Keeniya biroo deemanii waa hojjatatanii of jiraachisu jechuu waan dhaga'ef achi bade malee nama tokkollee hin beku.
Kan qorri na dhahe Naayirobi gahee kara gubbatti bu'ee anaa taa'utti jiru namni wayii na fudhatee gara UN'tti na kenne'' jechuun akkamiin akka kaampii baqatatti geeffame hime.
Garuu achi keessa harka maratee ta'uu hin feene.
Yeroo gabaabatti afaan Iswaahilii Ingiliffaa fi kaanillee barachuun hawaasatti madaquu fi hojii sasalphaa hojjatee akka of jiraachisu carraaqa,
''Ani namatti siqee dafee namaan wal baradha.
Afaanillee heddu beeka. Amma afaanota 6 (Afaan Oromoo, Ingliffa, Fireenchi, Iswaahilii,Amaariffa fi Tigriffa ) nan dubbadha. Afaana Arabammoo barataan jira.
Kunis hojiiwwaan hedduu akkan hojjadhu na gargaarera'' jedha.
Charinnat kaampii baqattoota san keessa jiraachuun hedduu ulfaataa ta'uu hima.
''Bakki sun bakka jiraatanii miti,ammoo nama xiqqaa akka kiyyaa maatiin bira hin jirreef rakkoo dachaadha.
Jiraachuuf ulfaatadha, rakkoo fi dhukkuba adda addatu jira, saniif ani achii bahee Naayiroobitti dalagataa ture''
Naayiroobii keessatti bishaan namaaf waraabaa, suuqii eeguu, killee gurguruu fi hojiwwaan heddu hojjateera.
Hojii hojjatu kanaan ammoo barnoota isaa hanga kutaa 7tti barachuu danda'era. "Sana olitti deemuu garuu humnan dhabe malee waa'een barnoota yeroo hundaa sammuu keessa na jira'' jedhe.
Haala kanaan waggoota ja'aa ol erga dabarsee booda ganama tokkoo ergaa guutummaa jireenya isaa jijjiire tokko dhaga'e.
''Torban kana keessa gara Ameerikaa deemtaa qophaa'i'' kan jedhu ergaan isa ga'e. UN fi dhabbileen tola ooltotaalle ''nama xiqqaa akka kiyyaa haadhaf abbaa of biraa hin qabne warra kaan caala gargaarti. Akkasiin carraa dursaa naa kennan''
Carraa sanaan gara Ameerikaatti imaluuf hireen isa geesse.
Dargaggoo Afrikaa bakka bu'uu
Erga Ameerikaa deemellee haalli sun abjuu itti fakkaacha akka ture yaadata.
''Amman tasgaabbaa'utti ji'oota afuriif Ameerikaa jiraachuu koo hin amanne ture, Bakka baqataatti si fuudhanii magaala akka Niwu yoorki kan gamoon samii xuqu fakkatu keessa yoo si buusan ni rifattaa beeki ''
Achitti manguddoon tokko jiruun Ameerikaa si qajeelchufillee si balleesifillee dhiyoodha, kan murteeffachuu danda'u si jedhee waan isa gorseef guyya hojjataa halkaan barachuu eegaluu isaa dubbata.
saniif cichee saa'atii dheera hojjachuu8 isaa hima''Abjuun koo akkasumatti namaaf hojjachaa hafuu utuu hin taane, Afrikatti deebi'ee akka biyya koof yojjadhuun yaada ture''
Barnoota kutaa 8, 9, 10 fi 11 utuu hin baratin qoramee darbuu fi kutaa 12 irraa egaalee itti fufuu isaas dubbata.
Achiis itti fufee digrii isaa jalqabaa isaa Saayinsii siyaasaa fi qu'annoo seeraa (Political science and legal studies) jedhamu qu'ate.
Mastarsii isaas Bulchiinsa ummataan bara 2024 xumuruu isaa hime.
Yeroo Yuuniversitii wagga 1ffaa baratu sanatti dhimma godaantota Afrikaa fi miidhaa dargaggota Afrikaarraa gahu dura bu'ee waan dubbataa tureef kora dhaabbilee adda addaa irratti hirmaata ture.
''Guyyaa san walga'ii UN guddaa keessatti waan heddu dubbadhee dippilomatootni heddunillee na baraniii, achirraa eegalee jireenyikoo jijjirame''
''UN' waa'ee dargaggota Afrikaa ni dubbata garuu isaan as hin jiran. Yoo dhuguma jiruu dargaggota Afrikaa jijjiruu feetu ta'e isaan asitti fidaa waliin dubbadha jedhe itti dubbadhe. Sun qalbii namoota heddu keessa akka seenu isa taasisuu hima.
Wayita waggaa 2ffaa baratus dhabbanni 'Afrikaa institute of conscious global change' jedhamu isa mindeessuun dargaggota Afrikaa bakka bu'ee UN fi dhabbilee adda addaa keessatti akka hirmataa taasise.
''Sagaleen dargaggota Afrikaa akka dhaga'amu fi Dhabbilee gurguddoo addunyaa keessatti hirmaannan dargaggota afrikaa akka guddatuuf dippiloomasii godhaa turre''
Bakka bu'aa IGAD
Amma Charinnat bakka kaleessaa san hin jiru. UN'tti bakka bu'aa biyyota miseensa IGAD (Jibuutii, Eertiraa, Itoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, fi Yugaandaa ta'ee hojjataa jira.
IGAD Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliin haroorii gaarii akka qabaatuuf hojii dippiloomsii hojjataa jira.
Akkasumas dhimmota nagaa fi tasgabbii, deggarsaa fi tumsa waloo dhabbilee kaneenii jabeessuuf nama jalqabaafi umurii xiqqaa ergamaa IGAD ta'uun UN tti muudameedha.
''Amma UN fi IGAD giddu wal hubannaa fi waliin hojjachuu gaaritu jira. Kana boodas akkamitti cimuu akka qabu barreessa Olaanaa UN Antoonihoo Guutrees waliin mar'adheen ture.'' jedha.
''Amma Afrikaan mana maree nageenyaa UN keessaa teessoo dhaabbii akka argattuf gama keenyaan dhiibbaa godhaa jirraa'' jedhe.
Bakka kanatti kan isa muudan barreessaa olaanaa IGAD Dr Warqinaa Gabyyoo ta'uus hima.
''Dandetti kiyaa ilaalanii Itoophiyaa qofa utuu hin taane biyyota meseensota IGAD bakka bu'uu hojjachuu ni danda'a jedhanii natti amananii na fidan. Amma biyyootni hedduun dargaggoota fuulduratti baasaa jiran IGAD kan godhes kanuma. Dargaggotni hangam jijjirama akka fidan m,ul'ataa jira'' jedha.
Guyya tokko sadarkaa akkasii ga'a jedhee abjootuu baatus. mul'ata biyya isaaf, akkasumas Afrikaaf hojjachuu akka qabullee dubbata.
''Yeroo tokko tokko carraa dhan waanti ta'u jira garuu cochoominnii fi kutannoon ati qabdu baayyee murteessadha'' jedha
Dargaggotaaf ergaan qabu fuulduratti deemaa malee duubatti hin deebi'inaan jedha.''
Afrikaan dargaggota cichimoo beekumsaa fi dandeetti addaa qaban qabdi garuu carraan hin jiru.
Biyyotni Afrikaa dargaggeessa kan barbaabadan yeroo rakkoon dhufte qofa. Yeroo waraanaa yeroo duula waa hojjachuu malee carraa fuulduratti baasuun hirmaachisuu irratti hir'ina guddaatu jira. Kanarratti hojjatamuu barbaachisaa jedhe.
Charinnat biyyoota adda addaa 50 ol deemuu fi dargaagoota waliinis dubbachuu eeruun, kessumaa feedhiin dargaggota Itoophiyaa warra kaanirraa adda hubachuu isaa hima.
''Dargaggootni Itoophiyaa jijjirama dhuunfaa isaaniif qofa utuu hin taane kan maatii ollaafi biyya isaanii hundaa yaadaa jijjirama hawaasa isaaniif kutannoon qabn dinqisiisadha.''
Kanaaf dargaggota jijjiramuu hawwan kanaaf carraan banamuu qaba, sageleen dargaggota dhaga'amuu qaba. Hirmaannan isaan guddina biyyaa siyaasaa fi dippilomaasitiin qaban caalatti cimuu qaba jedhe jechuun dhaamsa isaa dabarsa