Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Oromiyaatti dargaggoonni hedduu dirqiin leenjii loltummaatti geeffamaa jiru'- maatiifi jiraattota
Yeroo dhiyoo as dargaggoota karaafi geejjiba irraa humnaan fuudhuun gara leenjii loltummaatti geeffamaa jiru kan jedhu komiin heddu dhagahamaa jira.
Hojjattoota mootummaa dabalatee dargaggoonni karaa irraa humnaan qabamanii gara bakka leenjii waraanaa geeffamuuf man-kuusaa ykn magaazana garaa garaa keessa kaa'amanii akka jiran BBC'n maatii namoota qabamaniifi namoota dhimmicha sirriitti keessa beekan irraa odeeffateera.
Mootummaan Ameerikaas gabaasa baasen Itoophiyaan dargaggoota umuriin hin geenye humnaan qabuun loltummaaf ykn gargaarsa loltummaaf itti dhimma bahuu akka hin qabne gaafatee jira.
Ministiirri Dhimma Alaa US, Itoophiyaatti humnaan nama bakka biraa geessuu ilalchisee gabaasa bara 2025 baaseen, "Mootummaan Itoophiyaa daa'imman seeran ala leenjii loltummaaf ykn deeggarsa loltummaa akka kennaniif leenjisuu dhaabuu qaba," jechuun waamicha dhiyeesse.
Naannolee Itoophiyaa keessaa Oromiyaatti dargaggoonni hedduu humnaan bakkee garaa garaa irraa qabamuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti akka dabalaman yeroo garaa garaatti ni dhagahama.
Badhaasaan [maqaansaa kan jijjiirame] Godiina Arsii Lixaatti hojjataa mootummaati- hakima loonii.
Sadaasa 14, 2025 magaalaa Shashamannee maatiisaa biraa ganamaan bahee dhimmaaf Adaamaa deemee achirraan bakka hojii deemuuf osoo jedhuu geejjibarraa akkuma bu'een humnoota nageenyaan qabame.
Ani hojjataa mootummaati, hakima looniti jedhee itti wawwaatus qaamni nageenyaa wawwaannaa isaaf xiyyeeffannoo kenne hin turre.
Qabamee achuma magaalaa Adaamaa keessatti kan argamu man-kuusaa dargaggoonni kutaa Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan keessatti walitti qabamanitti geeffame.
Badhaasan erga milishaafi poolisiin qabamee booda osoo bilbillisaa harkaa hin fuudhamin, firasaa magaalaa Shaashamannee jiruuf ergaa gabaabaa barreesse. Magaalaa Adaamatti humnoota nageenyaan to'atameen jira," kan jedhu.
Jiraataa magaalaa Shashamanneefi firri Badhaasaa nageenyasaaf jecha maqaansaa akka hin dhahamne gaafachuun, Badhaasan magaalaa Adaamatti akkamitti to'annaa jala akka ooleefi isa barbaacha yeroo Adaamaa deeman waan isa mudateefi taajjabe BBC'tti himeera.
"Gurbaan Shaashamannee bulee ganamaan dhimmaaf gara Adaamaa deeme. Yeroodhuma inni konkolaataa irraa bu'u qaban," jechuun haala inni itti to'atame hima.
Dargaggoota hedduu 'magaazanatti' naqanii poolisiifi milishaan marsee eega
Jiraataan magaalaa Shashamannee BBCn dubbise kun akka jedhutti firrisaa kun Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Anaa Dagaagaa naannoo Immigireeshinii bakka jedhamutti ganama obboroon konkolaatarraa yeroo bu'u to'atamuu hima.
"Maalan balleesse jedhee yoo gaafatu, asfaaltii karaa hin taanen qaxxaamurte jedhanii na qaban jedhee natti hime," jedhuun fiirisaa kun balleessa raawwatee osoo hin taane mala ittiin to'annaa jala oolchan akka itti himan ibsa.
Badhaasan Jimaata, Sadaasa 14 kan to'atame yoo ta'u, akkuma qabameen firasaa maagaalaa Shaashamannee jirutti qabamuu waan barreesseef, firrisaa kun guyyaa itti aanu Sadaasa 15 gaafachuuf gara Adaamaa akka deeme BBCtti hime.
"Jimaata waajjira bulchiinsaa bulchanii Qidaamee [Sambata] achii baasani," jechuun gara bakka namoonni man-kuusaa keessatti walitti qabamanii jiranii akka geessan hima.
Badhaasadhaaf wasiila ta'uu kan himu jiraataan magaalaa Shaashamannee BBCn dubbise kun, "Sambata asii bahee dhaqee Waajjira Poolisii [magaalaa Adaamaa] yoo gaafannu namni isin jettan nu bira hin jiru Waajjira Bulchiinsafi Nageenyaa deemii gaafadhu naan jedhan.
Waajjira Bulciinsaafi Nageenyaa yoo deemnu, nuyi nama hin hiinuu Waajjira Poolisii deemi naan jedhan," jechuun akka ofirraa isa ari'an hima.
Godiina Arsii Lixaatti hakima loonii ta'ee waajjira fayyaarra [aanaa irra hojjatu hin ibsine] akka hojjatuufi abbaa ijoollee lamaa ta'uu kan himu jiraatan kun, bakka ilmi obboleettiisaa jiru waajjira poolisiifi waajjira bulchiinsafi nageenyarraa erga dhabee booda fala biraa soquutti ka'e- amalaan poolisoota kadhate.
"Poolisoota balbala sanarra jiran [waajjira mootummaa dhaqee gaafatee dhabe] itti siqee gaafan gaafadhu magaazana Daaddaa kan jedhamu jira achi dhaqii barbaadi," jedhan jechuun gara magaazana namoonni heddu itti walitti qabamanii akka deeme hima.
"Magaazana [man-kuusaa] Daaddaa [kan magaalaa Adaamaa Aanaa Dagaagaa keessatti argamu] sana yoon deemu milishaafi poolisiin paatiroolidhaan waan eeguuf itti nama hin dhiyeessu," jechuun firasaa dubbisuuf rakkataa akka ture hima.
Dhumarratti poolisootatti amalaan dhiyaatee kadhachuun dubbisuuf akka hayyamaniif gaafate.
"Poolisoota amalaan waanan kadhadheef fagoorraa akka na dubbisu hayyamaniif," jechuun ilma obboleettiisaa dargaggoota biroo hedduu waliin magaazana keessa kaa'amee arguu hima.
Dargaggoonni hedduun kutaalee Oromiyaarraa leenjii raayyaa ittisa biyyaaf achitti akka walitti qabamanii jiran mirkaneeffachuus hima jiraatan kun.
Dargaggoonni 350 ol magaazana Daddaa jedhamu kan magaalaa Adaamatti argamu keessatti walitti qabamanii akka jiraniifi hedduunsaanii kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa akka dhufan "poolisootuma 'magaazana' sana eeganirraa akka odeeffate kan himu jiraatan Shaashamannee kun, magaalaa Adaamaa keessa namoonni nama jalaa bade iyyaafatan heddu akka jiran hima.
"Magaalaa Adaamaa keessa namoonni nama jalaa bade iyyaafatan heddutu jiru. Aniyyuuu osoo qabamuusaa ergaa gabaabaa naaf barreessuu baatee silaa akkumasaaniin iyyaafadha ture," jedha.
Hojjataa mootummaa ta'uusaansaa ilaalamee akka gadi dhiifamuuf xalayaa qacarrii, ragaalee barnootaafi ragaalee garaa garaa fuudhee deemus "namni abbaa kanaa namaan jedhu hin jiru" jedha.
'Hiriyaa koo hojii deemaa osoo jiruu Laga Xaafootti qaban'
Jiraataan magaalaa Finfinnee maqaansaa akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbate tokko hiriyaansaa waliin hojjatan magaalaa Shaggar, Laga Xaafotti leenjii waraanaaf to'atamuu hima.
Dargaggeessi karaarraa qabamee gara leenjii waraanaa geeffamuuf jedhu kun ganama obboroon osoo bakka hojii deemaa jiruu akka qabame ibsa namni BBCn dubbise kun.
"Lamaan keenyayyuu bakka hojii ijaarsaatti wal-barre. Mucichi ganama bakka waliin hojjannu deemuuf osoo deemaa jiruu osoo inni bakka geejiba itti qabatan hin qaqqabin humnoonni nageenyaa Laga Xaafotti qaban," jedha.
Erga to'atamanii booda 'magaazana' ykn man-kuusaa keessatti dargaggoota heddu waliin walitti qabamanii akka jiraniifi leenjii waraanaaf deemuuf eegataa akka jiranis odeeffachuu hima.
"Gurbichi magaalaa Dasee [naannoo Amaaraa] irraa kan dhufe yoo ta'u, osoo karaa deemuu tasuma qabamee gara bakka dargaggoonni heddu leenjii loltummaa deemuuf itti waliti qabamanii geeffame," jechuun haala itti hiriyaansaa kun itti to'atame hima.
Keessumaa magaalaa Shaggar keessa: naannoo Labuu, Sabbata, Buraayyuufi Laga Xaafoo fa'aatti dargaggoota karaa irraa humnaan qabuun baramaa akka ta'e hima jiraatan magaalaa Finfinnee kun.
Jiraatan biraa Godiina Wallaga Bahaa irraa BBCn dubbise ammoo obboleessi isaa barnoota fixee hojii barbaacha gara magaalaa bakka deemetti milishoonni to'achuun gara leenjii loltummaatti geeffamee akka ture hima.
Haa ta'u garuu, bakka leenjii erga geeffamee booda ajajoota raayyaa ittisa biyyaa keessaa tokko nama ragaa barnootaa baatee deemaa ture ta'uu erga baree booda akka gadi lakkifamu gochuu hima jiraatan godinichaa kun.
'Nama jalaa qabame barbaacha dhaqee innis itti dabalame'
Jiraataan magaalaa Shaashamanneerraa BBCn dubbise ilma obboleettisaa qabame barbaacha gara magaalaa Adaamaa yeroo deemetti mudannoo addaa isa mudate BBCf qoode.
Nama akkumasaa nama jalaa bade iyyaafachuu waajjira poolisii iyyaafataa ture waliin wal-arganii bakka dargaggoonni heddu qabamanii kaa'amanii jiran 'magaazana' Daaddaa jedhamu waliin deeman.
"Dargaggeessa yoo taate si'iyyuu itti si dabalan. Fakkeenyaaf, gurbaa tokko [innis akkuma kiyya nama jalaa qabame kan barbaadu] waliin dhaqnee turre. Yerodhuma sana milishoonni lama si'iyyuu si barbaanna jedhanii itti dabalan.
Magaazana Daaddaa jedhamutu jira Aanaa Dagaagaa keessa. Xiqqoo dargaggeessa waan ta'eef, waraqaa eenyummaa irraa fuudhanii atis ni barbaadamta jedhanii achumatti dabalan," jedha.
Dargaggoota karaarraa akka feetedhaan kan qaban humnoota nageenyaa keessaa adda dureen milishoota ta'uu himu namoonni BBCn dubbise kunneen.
"Warri achitti [bakka walitti qabamanitti] eeganis eeguun alatti waa'ee namoota kanaa waanti beekan hin jiru. Sadarkaa odeeffannootti calalamanii [gara leenjii loltummaa] deemu kan jedhu jira," jechuun qaamni mootummaa odeeffannoo gahaa namaa laatu akka hin jirre hima.
Namoota humnaan karaa irraa, bakka dargaggoonni itti wal-gahanii taphatan kan akka mana puulifi geejjiba irraa qabuun gara leenjii loltummaatti dirqiin geessuun waggoota dhiyoo as irra deddeebiin dhagahama- addumatti naannoo Oromiyaatti.
Godiinaalee Oromiyaa kanneen akka Jimmaa, Harargee, Wallaga Bahaafi addumatti ammoo magaalaa Shaggar keessatti dargaggoota qabanii dirqiin gara leenjii geessuun yeroo heddu dhagahama.
Namoonni, keessumaa daraggoonni, bakkeewwan garaa garaatii humnaan butamuun leenjii loltummaaf geeffamaa jiraachuu komii dhiyaatun wal-qabatee Komoshiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimma kana quba yoo qabaate ykn qorannoon gaggeessaa jiru yoo jiraate iyyaafanneera.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dameen Oromiyaa dhimma kanarratti yaada akka kennan gaafatamanii, yaada kennuuf fedhii akka hin qabne dubbatan.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa jalqaba bara 2025 keessa gabaasa baaseen humnaan dargaggoota gara leenjii humnan Raayyaa Ittisa Biyyatti akka makaman gochuun dhaabbachuu qaba jedheera.
Haa tahu malee, namoonni humnaan leenjii loltummaaf qabamaa jiraachuu himannaa dhiyaatu kana Raayyaa Ittisaa Itoophiyaarraa odeeffachuuf yaalin goone hin milkoofne.
Dabalataan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalii BBC taasise hin milkoofne.