Liiverpuul Isaaqiin fudhachuuf ammas riikardii liigichaa cabsuuf qophaa'e

Isaaqiifi Giyookerees

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaaliifi Maanchistar Yunaayitidiin kan barbaadamu Viktoor Giyookeerees bahu malee jedhee kilabasaa waliin dubbachuu dide.

Niiwkaasil Maanchisatar Yunaayitidirraa Raashifoordiin ergafachuu barbaade. Liiverpuul ammoo bara tokkotti gatii riikardii liigichaa yeroo lammataaf cabsuun Isaaqiin fudhachuuf qophaaye jedhame.

JIfataan Isportiing Liisban Viktoor Giyookerees Maanchister Yunaatidiifi Arsenaaliin barbaadamaa jira.

Arsenaal gatii dhiyeessee kilabichi kufaa gochuu booda taphataan kun qabinsa isaatti aareera. Kilabicha waliin dubbachuu diduun hokkoraan kilabicha keessaa bahuuf dhaadateera.

Niiwkaasil ammoo jifataa Manchistar Yunaayitiid Maarkas Raashifoordiin ergisaan fudhachuu akka barbaadu ibseera.

Yunaayitiid taphataa kana ergisuu caala gurguratee taphataa biraa ittiin bitachuu akka barbaadu ibse.

Bara kan ji'ootaaf Astoon Viilaa kan ture Raashifoord gama isaan Baarselonaatti makamuuf fedha guddaa qaba.

Liiverpuul gatii riikardii piriimiyeer Liigichaa ta'een taphataa sarara gidduu Baayer Liverkusan Filooriyaan Wiirtiziin mallatteeffachuu booda ammas hin teenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gatii riikardii kan biraan jifataa Niiwkaasil lammii Siwiidiin Aleksaander Isaaqiin fudhachuuf qophaa'aa jira.

Taphataa ganna 25 ''jifataa dinqii addunyaa kanaati'' jedhameef Liiverpuul paawundii miliyoona 100 fi baasiiwwan biroo hunda dhiyeessuuf qophaa'uutu gabaafame.

Leeds Yunaayitiid jifataa lammii Biraaziil Fulhaamiif taphatu Rodriigoo Muniiz fudhachuuf paawundiin miliyoona 26 diyeessee kufaa ta'eera.

Arsenaal ammoo dargageessa ganna 18 Mayilees Lewiis Iskeeliiy addunyaarratti ola adeemaa miindaa guddaan kaffalamuuf keessaa tokko gochuun kontiraata haaraa waliin mallatteessuufi.

Ittisni ganna 18 kun harmee isaa bakka buutuu godhatee marii godheen booda kontiraata dheeraa mallatteessuuf deema.

Gama kaaniin gargaaraan leenjisaa Miikeel Ateettaa Kaarloos Kuwaastaa leenjisaa kilaba Paarmaa ta'uun Arsenaalitti nagaa dhaameera.

Cheelsiin ammoo taphattoota liigichaa hedduu adamsaa jira.

Taphataan sarara gidduu Astoon Viilaa Morgaan Roojeers, jifataan ganna 23 lammii Biraaziil Biraayitaniif taphatu Je'oo Peedroofi taphataa sarara cinaa Weestihaam Mohaammad Kuddus kanneen adamsamaa jiran keessaati.