Namni birriin mil. 8.4 dogongoraan seeneef abbaaf deebisan maal jedhu?

Obbo Chaalaachaw Geexuu jedhamu. Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraa keessatti ogeessa faayinaansiiti.

ALI Sadaasa 20, 2018 ergaan gabaabaa birriin miiliyoona 8.4 gara herreega baankii isaanii seenuu agarsiisu mobaaayilii isaanii seena.

Obbo Chaalaachaw firriis ta'e maatiin maallaqa hammana gahu biyya keessaas ta'e alaa naaf ergu hin jiru jedhu.

Kanaaf bitaa isaan gale, dhimma kana namoota isaan waliin hojjetanitti himan.

Eegasiis Baankii Daldalaa Itoophiyaa magaalaa Baahirdaar damee Bezaawwititti bilbilanii gaafatan.

Maallaqi miiliyoona 8.4 ta'u herreega isaanitti seene sirrii ta'uu mirkaaneeffatuu BBC'tti himan.

Itti aansaniis ''eessaa dhufe?'' jedhanii yeroo gaafatan ''Baankii Awaash irraa gara Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa yeroo dabarsan'' akka dhufe itti himamu dubbatu.

Yeroo kana dhagahan immoo dubbiin bitaa itti seente.

Herreegi baankii isaanii Baankii Daldalaa Itoophiyaa ta'u kan dubbatan Obbo Chaalaachaw, maallaqi baankii biraarraa akkamiin kan isaaniitti akka seene waan hin hubanneef hojjetaa baankii irra deebiin gaafatan.

Haa ta'u malee, hojjetaan baankii yeroos deebisanii bilbilanii gaafatan wanti kuni akkamiin akka mudate isaan hubachiisuu hin dandeenye himu.

''Maallaqi kiyya miti ….Yoo danda'ama ta'e baankiilee waliin haasoftanii naaf sirreessaa'' jedhanii Obbo Chaalaachaw maallaqa tasa herreega isaanii keessatti seene abbaatti akka deebi'u gaafatan.

Haa ta'u malee, ''akkanallee hin danda'amu'' jedhanii deebisaniif.

Maallaqicha baankii ergetti deebisuuf ''ofiikee dhuftee iyyatteeti kan deebistu'' jedhamuu dubbatu.

''Naaf galchi hin jenne, fira maallaqa hammanaa naaf galchu biyya keessas alaas hin qabu,'' jechuun bitaa itti galuu dubbatu.

''Naanna'ee naanna'ee qaamni seera ilaalee qoratee haa deebisu'' jechuun gara qajeelcha poolisii Baahird Daar fi Buufata Poolisii Simmintanyaa deemuun iyyata dhiheessan.

Obbo Chaalaachaw ''qabeenyakoo kan hin taane gara herreegakootti waan seeneef qulqullaa'ee abbaatti naaf haa deebi'u'' jechuun isa iyyatan fudhatama argatee maallaqichi akka hin sochoone jechuun poolisiin xalayaa barreesse.

Xalayaa Poolisii hordofee maallaqich akka hin sochoone taasifamee erga qorannoon taasifame booda poolisiin Obbo Chaalaachaw irra deebiin waame.

''Maallaqichi waliin hin dhahamne. Waan dhufu maraaf itti gaafatama fudhanna,'' deebii jedhu argatan.

Achitti itti aanuun gara baankii isaanii deemuun ''birrii rakkoo hin qabu jedhameera. Maallaqa dogongoraan dhufedha jedhameera.

''Akka deebi'uuf jedhee iyyadhe, birrichi akkaataa kanaan deebi'eef,'' jedhaniiru.

Maamilli Baankii Awaash tokko baankii biraatti dabarsuuf barbaadee maallaqni birrii miiliyoona 8.4 herreega Obbo Chaalaachawitti erge deebifame.

Namni maallaqi isaanii jalaa dogongorame Obbo Abdusamad Mamaammad jedhamu.

Baankii Awaash irraa baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti herreega Obbo Mahaammad Ibraahimitti erganiiti dogongorri kan uumame.

Dogongorri kuni akkamiin uumame? Baankiin Daldalaa Itoophiyaa xalayaa galataa barreesserratti akka ibsetti hojjataa baankiitu dogongoraan herreega Obbo Chaalaachawitti galche.

Obbo Chaalaachaw maallaqa guddaa kan isaanii hin taane amanamummaadhaan abbaa ergetti akka ergamu gochuu isaaniin Baankiin Daldalaa Itoophiyaa xalayaa galataa ALI Sadaasa 29, 2018 barreesseef.

Obbo Chaalaachaw maallaqi guddaan hammi kuni herreega isaanii keessa yeroo seenu ''dhimma kana ittan yaada'' jettanii hin yaadnee jedhamanii yeroo gaafataman seeqanii ''hin jiru'' jedhaniiru.

''Har'a eenyuyyuu butee osoo nyaatuu, maallaqa kana fidi osoo jedhamee dirqamuu maallaqa kana argattee akkamiin calliste,'' jedhee namni isaanitti dubbate jira.

Isaan garuu maallaqa kan isaanii hin taane fudhachuu mitii hawwuunuu "amantaa, haala guddisa kiyyaa, aadaa uummata keessaa bahee waliin hin deemu" jedhu.

"Duruu kan koo kan hin ta'in, kan koo miti jedhee waanin yaaduf guddinni kiyyas kana waan naaf hin heyyamneefi [ni seequ] kanan deebise malee yaada hiriyootaa dabalatee wantoonni yaada nama jijjiirsan hedduu dha" jedhan.

Bultii kan qabaniifi abbaan ijoollee afurii obbo Chaalaachoon ogummaa faayinaansii ittiin hojjetaniin daballii mindaa dhiyoo taasifameefiin dura mindaan ji'aa isaanii kuma sagal akka ture dubbatu.

Bakka hojiitti osoo dalagaarra jiranii maallaqni seenuufii ergaan bilbilaa moobaayilii isaaniirratti yoo seenu waahillan hojii isaaniitti himan.

Boodarra hiriyoota fi olloota isaanii waliin gara qajeelcha poolisii deemuun gabaasan.

Kanuma gidduutti "Ati gowwummaa qabda; namni ni hataayyu si Waaqni kan sii kenne hojjedhu, nyaadhu, jijjiirami jedheeti.

''Mana kee moofaa tanallee ittiin ijaarradhu jedheet sii kenne kan naan jedhu hedduu ture; waan akkasiifaa dideetani" jedhu.

Gara buufata poolisii yoon deemu miira ofittummaa kiyya mo'achuuf murteessee waan ta'eef waan takka hin gaabbu jechuun birrii miliyoona saddeet caalu herrega baankii isaaniirra jiru deebisuutti akka hin gaabbine BBC'tti himan.

Namoonni hedduun hojii gaarii isaanii kana dhagahan "Nu boonsite, eebbifami ilmoon siif haa baatu" jechuun kan na eebbisan akkuma jiran "Siif hin darbin" jechuun kanneen yaada jal'ataan na simatanis jiru jechuun kolfaatii BBC'tti dubbatan.

Bilbilaniifii "Of fooyyessi yoo jedhamtu kan hin fooyya'insa hin feene, amma booda Waaqaan maallaqa naa kenni jettee hin ijibbaachisin, hin gaafatin, inni sii kenneera, situ ofirraa dhiibe kaa" jedhanii isaan qeeqanii fi "Gara herrega kiyyaatti osoo naa ergitee" kan jedhaniinis jiraachuu dubbatu.

BBC- Namni dogoggoraan herrega baankii keessanirratti maallaqa isiniif galche kun yoo maallaqa deebiftaniif homaa isiniif hin goonee?

Obbo Chaalaachoo - [kolfa] gaaffiin nama hedduu isa kana. Ani takkaa Waaqaaf kenneera. Yoo waan argamu jiraate garuu 'Waaqni siif haa kennu' jedheen harkaa fudha. Hin fudhu hin jedhu. Hanga ammaa garuu homaa naan jenne.