'Doolaarri 436,000 lafaa argee abbaaf deebise jaalalaa fi jibba natti fide'

Hojjetaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Amaare Taaddasa yeroo gara garaatti maallaqa callaa fi cheekii, waliigalatti doolaara Ameerikaa kuma 436 ta’u iddoo hojii isaaniitti irraanfatamee argan abbaaf deebisuu himu.

Galmeen Dinqisiisoo Afriikaa “Obbo Amaareen maallaqa iddoo hojii isaaniitti gatamee argan doolaara kuma 200 waajjira isaaniif deebisuu isaaniitin waraqaa ragaa miseensummaa kabajaa Galmee Dinqisiisoo Afriikaa kennineerraaf,” jechuun Ebla 23, 2015 waraqaa ragaa kenneefii jira.

Haata’u malee, namoonni gochaa isaanii kana jaalatanii fi dinqisiifatan akkuma jiran, kunneen gochicha akka gowwummaatti ilaalan akka jiran Obbo Amaare Taaddasa turtii BBC walin taasisaniin himaniiru.

“Hiriyaas ta’e firri fi ummanni dhibbeentaa 95 ta’u ‘ati nama hin jijjiiramnedha, siif hin darbu, maalif deebista’ naan jedhu,” jechuun himan.

“Haala itti guddadhetu bu’uura naaf ta’e”

Obbo Amaare Taaddasaa ga’eessa umurii waggaa 56 yemmuu ta’an, yeroo ammaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Booleetti iddoo bashanannaa sadarkaa olaanaa (Business Class Lounge) keessatti keessummeessaa olaanaa ta’un hojjechaa jiru.

Obbo Amaaran bara 1984 Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessatti qacaramanii hojii eegaluu himu.

“Waggaa kurnan jalqabaa kaafteeriyaa hojjettootaa keessattin hojjedhe. Waggaa 22 har’aa immoo laawunjii keessatti hojjechuu eegale,” jedhu.

Sababa hojii isaaniitin imaltoota biyyoota addunyaa garagaraa irraa dhufaniin akka wal arganii fi beekumsallee akka irraa horatan kan himan Obbo Amaaran, imaltoonni tokko tokko meeshaalee garagaraa irraanfatanii gatanii akka deemanis himu.

“Nuti wanta baay’ee arganna. Moobaayilli ni argama, korojoon (wallet) ni argama, wanti hin argamne hin jiru. Isaan kunneen iddoo meeshaan lafaa argame itti kaa’amutti keenya,” jedhan.

Waan gatamee yookiin irraanfatamee argan abbaa qabeenyaaf deebisuu akka aadeffatanii fi haalli guddina isaanii bu’uura akka ta’eef kan himan Obbo Amaaran, “naannoo itti guddadhetti heeyyama nama sanaa malee maallaqa nama biraa fudhachuun cubbuu guddaadha” jedhu.

Mudannoo Doolaara kuma 200

“Akka lakkoofsa faranjootaa Onkololeessa 06, 2010 daldalaa Naayijeeriyaadhaa gara Chaayinaatti imalaa turetu korojoo maallaqa doolaara kuma 200 qabu irraanfatee deeme,” jechuun Obbo Amaara Taaddasaa mudannoo akka beekaman isaan taasise himu.

“Anis wayitan laawunjii keessa deddeemu korojoo kana arge. Banee yemmuun ilaalu doolaaratu keessa jira. Naannoo sa’aa tokkoofi walakkaa eegee abbaan maalaqichaa deebi’uu didnaan hoggantoota kiyyatti kennee bahuuf yemmuun jedhu abbaan maalaqichaa dhufe” jedhu.

Sana boodas gaafiiwwan garagaraa gaafachuun maallaqichi kan isaa ta’uu erga mirkaneeffatanii booda imalaa biyya Naayijeeriyaaf maallaqasaa akka deebisan Obbo Amaaren dubbatu.

Imalaan kun rifaatuu cimaa keessa akka ture himuunis, “namichi maallaqasaa waan argatu itti hin fakkaanne ture. Amanuu hin dandeenye, ni ajaa’ibsiifate. ‘Ummanni Itoophiyaa ummata gaariidha, dhaabbatichis dhaabbata gaariidha’ jedhe” jedhan Obbo AMaaraan yoo haala ture yaadatan.

Mudannoo biraa…

Obbo Amaare Taaddasaa guyyaa mudannoo isa biraa haalaan kan hin yaadanne ta’uu himu.

Haata’u malee waqtii sanatti bilbilli moobaayilaa Itoophiyaa keessatti hagas mara yeroo itti hinjirrefi akka waan qaaliitti itti ilaalamu akka ture dubbatu.

Haaluma kanaan guyyaa tokko osoo iddoo hojii isaaniitti hojiirra jiranuu, korojoo cheekii doolaara kuma 234 fi maallaqa dheedhii doolaara 2000 qabu arguu isaanii himu.

“Namichi gara Ameerikaatti imaluuf ture. Namicha argee waanin tureef gara xayyaara inni yaabbate fiigee deemeen itti kenne. Namichi baay’ee ajaa’ibsiifatee ‘torbee tokko booda nan deebi’a maal sif yaa fidu’ naan jedhe.

“Anis mobaayilii naaf fidaan jedheen. Battalumatti bilbila isaa keessaa simkaardii keessaa baasee bilbilasaa ‘BlackBerry’ jedhamu naaf laatee deeme” jedhan.

Maallaqni wanta dhalli namaa hojjetee argatu ta’uu kan himan Obbo Amaaran, amantaan garuu bu’uura waa hundaa ta’uu isaatiin waan lafaa argan amantummaan abbaaf akka deebisan dubbatu.

Haata’u malee, “hiriyaas ta’e firri fi ummanni dhibbeentaa 95 ta’u ‘ati nama hin jijjiiramnedha, sif hin darbu, maalif deebista’ naan jedhu,” jechuun kunneen gochaa isaanii kanaan dallanan fi aaran akka jiranis himu.

“Hawaasni na jibbeera jechuun danda’a. Ani garuu kanan barbaadu inni dursaa seera dhaabbatichaa kabajuudha. Inni lammaffaan immoo amantaakoo fi waaqa kabajuu kooti. Inni sadaffaan immoo maatiinkoo yoo gammadan inni kaan anaaf hoomaa miti,” jedhan.

“Seerri Daandii Qilleensa Itoophiyaa ‘wanta kan kee hintaane hin fudhatin’ jedha. Kun immoo qajeelfama sirrii fi kan nama gammachiisudha,” jedhan.

Gochaa isaanii kanatti kan hin gaabbine ta’uu himuunis, “ani baay’ee gammadaadha. Miira addaatu natti dhagahama. Nama irraanfate sanaaf yemmuun deebisu nan gammada,” jedhu Obbo Amaare Taaddasa.

Odeeffannoon Obbo Amaare Taaddasaa doolaara kuma 200 arganii deebisan jedhu tibbana miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan ture yemmuu ta’u, namoonni tokko tokko ‘akkamiin doolaara kuma 200 qabatanii buufata xayyaaraa seenuun danda’ame’ jechuun gaafii kaasaa turan.

Obbo Amaaren gama isaaniitin imaltoonni biyya biraarraa ka’uun Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee qubatanii buufaticha keessaa osoo hin bahin gara biyyoota birootti imalan (transit godhan) maallaqa karaa seera qabeessaan biyya isaaniitii fidanii dhufan qabatanii imaluu akka danda’an himaniiru.