Korri Sirna Nyaataa UN Finfinneetti qophaa'e maali, Itoophiyaan akkamiin filatamte?

Itoophiyaan Kora Sirna Nyaataa Addunyaa lammaffaa yeroo jalqabaaf Afrikaa fi biyyoota guddinarra jiran walitti fide Dilbata kaleessaa Adoolessa 27, 2025 irraa eegaltee qopheessaa jirti.

Korri Itoophiyaa fi Xaaliyaan waliin ta'uun qopheessan kun waggaa afur dura karaa Biiroo Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan eegalamedha.

Bara 2021 Korri Sirna Nyaataa UN karaa Waajjira Barreessaa Olaanaa wayita qophaa'u, galmoota misoomaa haala fufaa ta'een mirkaneessuuf sirna nyaataa irra deebiin xiinxaluun murteessaa akka ta'e ibsameera.

UN korri kun waggaa lamatti al tokko akka gaggeeffamu wayita murteessu galmi isaa kutannoo siyaasaa fi miira itti gaafatamummaa cimsuuf akka ta'e ibseera.

Bu'uura kanaan bara 2023 korri sirna nyaataa addunyaa kan jalqabaa- UNFSS+2 jedhamu magaalaa Room, Waajjira Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaatti gaggeeffame.

Kora sana Xaaliyaan fi ejensiiwwan UN adda addaa waliin ta'uun kan qopheessan yoo ta'u, sirni nyaataa addunyaarratti dhimma dursi kennamuufii qabu ta'uu mirkaneessuun, ce'umsi sirna nyaataa saffisaan taasifamuu akka qabu ergaa qabxii ja'a of keessaa qabu dabarsuun xumurame.

Haata'u malee yeroo kana booda haalli addunyaa keessa jiru jijjiirameera, Yukireen, Sudaan fi Baha Giddugaleessaa keessatti walitti bu'iinsi hammaachuun wabii nyaataa haala kanaan dura hin baratamneen geeddareera.

Korri lammaffaa- UNFSS+4 jedhamu Itoophiyaan akkamiin Xaaliyaan waliin qopheessuuf filatamte kan jedhu bal'inaan ibsamuu baatullee qondaalli Sagantaa Qindeessa Sirna Nyaataa UN gaaffii biyyattiin ta'uu ibsaniiru.

Hooggantuu Itti Aantuu jaarmiyaa kanaa kan ta'an Liinaa Saavilii gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin Itoophiyaan kora lammaffaa kana qopheessuuf itti gaafatamummaa fudhattetti akka boonan ibsaniiru.

Kora UN waliin hidhata qaban kamuu qopheessuuf biyyoonni jalqaba fedhiisaanii ibsuun akkasumas karoora qaban bal'inaan ibsuun kan filataman yoo ta'an, UN ulaagaa biyyoonni guutan ilaaluun eeyyama kenna.

Itoophiyaan kora kana qopheessuuf ''karoora dandeessisu'' qopheeffachuun qophii ga'aa ta'e taasisuu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii kan ibse yoo ta'u, gama nageenyaa fi loojistikiin biyyattiin sirriitti qophaa'uu eereera.

Hirmaattonni kuma afur caalan kora kanarratti ni argamu jedhamee eegamaa ture, kanaafis namoonni 4,700 caalan karaa onlaayin galmaa'aniiru.

Korri guyyoota sadiif (hanga Adoolessa 29, 2025) Finfinneetti gaggefefamu kun Galma Komishinii Diinagdee UN keessatti gaggeeffamaa jira.

Korri Finfinnee kun kora jalqabaa Roomitti gaggeeffamerratti wantoota waadaa galaman hojiirra oolmaasaanii madaaluun fuulduratti dhimmoota irratti xiyeeffatamuu qaban kan akeekudha.