Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Al Shabaab magaalaa waraanni Itoophiyaa gadhiisise deebiisee waraana Somaaliyaarraa to'ate
Gareen hidhattoota Somaaliyaa, Alshabaab magaalaa Maahaas kan waggaa 11 dura waraanni Itoophiyaa gadi dhiisisuun waraanaa mootummaa Somaaliyaa jala turte deebiisee to'achuusaan dhagahame.
BBC Somaali gabaasa har'a baaseen, magaalaan Mahaas kan naannoo Hiiraan jidduugala Somaaliyaa keessatti argamtu keessatti lolli Dilbata gaggeeffameera.
Gareen hidhattootaa Al-qaa'idaa waliin hidhata akka qabu himamu Alshabaab magaalattii keessatti waraanaa mootummaa biyyattii waliin waraanaa cimaa gaggeessuun hedduun ajjeeffamuun himameera.
Alshabaab magaalattii irratti haleellaa kan raawwatte konkolaattoota boombii dhohaan fe'aniitti fayyadamuun akka ta'e jiraattoonni naannichaa BBC Somaali'tti himaniiru.
Ministeerri raayyaa ittisa Somaaliyaa ibsa gabaabaa walitti bu'insa jiru ilaalchisee baaseen, humnootii mootummaafi milishoonni naannichaa hidhattoota Alshabaab hedduu ajjeessuu ibseera.
Haata'u malee, Ministeerichi hidhattoonni meeqa akka ajjeeffaman kan ibse hin jiru.
Jiraattoonni naannichaa loltoota Alshabaabiifi loltoota mootummaa jidduutti waraana gaggeefameen namoonni hedduun ajjeeffamu dubbatan.
Haata'u malee, miidhaa qaqabeera jedhame kana mirkanneeffachuuf odeeffannoo walabaa argachuun hin danda'amne.
Ministeerri raayyaa ittisa biyyaa fi humnootiin naannichaa magaalattiin alatti gara Maahaas seenuudhaaf eeggataa jiruu jedhameera.
Maahaas jidduugala Somaaliyaatti bulchiinsoota naannoo Hiiraan keessatti argaman keessaa tokko yoo taatuu kanaan dura bara 2014tti yeroo to'annoo Alshabaab jala turteetti, waraanaa Itoophiyaa biyyattii keessatti bobbaafamee tureen gariichi akka gadi dhiisee ba'u taasifamee ture.
Gareen kibbaafi jidduugala Somaaliyaa bal'aa to'atee jiruu Alshabaab, waggoota 20f mootummaa Somaaliyaa waliin wal waraanaa tureera.
Gareen hidhataa kunis mootummaa federaala Somaaliyaa humnaan buusuudhaan motummaa Islaamaa hundeessuu barbaada.
Humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afriikaatiin durfamu bara 2022-2023tti gareen kun akka boodatti deebii fi haleellaa raawwachuurraa gara of ittisuutti akka deebii'u taasifamee ture.
Gareen kunis haleellaa waraanaa walitti fufee kan raawwate ta'ulleen ammatti Somaaliyaatti yaaddoo guddaa akkuma ta'etti itti fufeera.
Mootummaan Somaaliyaa garuu dadhabeera jechuun kana waakkata.
Gareen Alshabaab kaleessaa magaalaa ijoo jidduugala Somaaliyaa taatee Maahaas yeroo to'ateetti loltoota Somaaliyaa 63 ajjeessuu fi namoota 84 ta'an maddeessuu beeksiiseera.
Sagalee garichaa kan ta'e 'Raadiyoo Andaaluus' akka gabaaseetti, haleellaa naannoo Hiraaniitti magaalaa Maahaas irratti xiyyeefateen osoo waraannii magaalattiifi naannichatti humnoota deeggartoota motummaa waliin hin eegaliin dura, ''boombiin badanii balleessuu kaampii waraanaa guddaa irratti xiyyeefatee dhoohee ture'' jedhameera.
Alshabaab magaalattii to'achuusaan ni agarsiisa suuraalee jedhe miidiyaalee hawaasaa gubbaatti gadi dhiiseera.
Toorri X 'The Daily Somalia' jedhu akka gabaaseetti, milishoonni Maa'iwisiilii magaalattii ittisaa turan magaalattii gadi dhiisanii bahuuf dirqamaniiru.
Aanga'oonni motummaa SOmaaliyaa dhimmicha irratti hanga ammaatti deebii kennuu baatanis waraanni biyyattii garuu magaalaa dhiheenyatti argamtu irratti haleelllaa agaa'ame ittisuu dubbataniiru.
Haleellaa garichaa hordofee loltoonni Maahaas irraa boodeetti deebii'an gara naannoo ollaa Gaalgududii magaala Gurii'el seenuu beeksiiseera.
Mahaas baatii Eblaa irraa kaasee Alshabaab gama kibba jidduugala Somaaliyaatiin magaaloota gurguddoo qabate keessaa sadaffaadha.
Hidhattoonni baatii Eblaa fi Adooleessaa keessa magaalaa Adaan Yaabaal fi Moqokorii to'ateera.
Baatii Guraandhalaatii kaasee ammoo gareen kuni Shabalee Gadii, jidduugalaa fi naannoolee Hiiraan keessatti naannoolee 20 ol deebiisee to'achuun milkaa'ina mootummaan jidduugaleessaa bara 2022 irraa kaasee argate fudhataa jira.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud gara aangootti erga deebii'anii booda duulawwan gaggeessaniin naannoolee biyyatti hedduu garicha harkaa baasuun garichas dadhabsiisuu danda'ee ture.
Haata'u malee, baatiiwwan muraasa darban keessa cimaa dhufuudhaan haleellaa raawwateen eddoowwan humnoota motummaatiin qabamanii ture deebiisee to'annoo jala galachaa jira.