Biil Geet waggaa 50 dura yoo Maayikiroosoft eegalan maal yaadanii ture?

Madda suuraa, Getty Images
Biil Geetii fi Pool Alan kan Maayikorosooftii (Microsoft) hundeessan waggaa 50 dura ture.
Yeroo sanatti BBC Biil Geete wayita dubbiseetti marsariitiiwwan 130 qofaatu ture. Bara 1993tti kan eegalame Maayikroosooftiin jaarraa 21ffaa jijjireera.
Har'a sochiiwwan keenya irra caalaan kan elektironiksiidhaan deeggaramaniidha. Damuu kamuu caalaa dameen kompitaraa guddataa jira.
Innis meeshaa fayyadamtootaaf mijatuufi kan haala salphaa ta'een eddoodhaa gara eddootti sochoofamuudha.
Maayikoroosoftiin dhaabbata olaanaa ta'u kan eegale bara 1980 asiitti. IBM hojjataa kan ture sirni oppareeting erga biteen booda wantoonni hundi jijjiraman.
Maakiroosooftiin erga Operating system kana biteen booda dhaabbilee biraatiif gurgurtaan dhiyeesse. Yeroo sanarraa kaasee hanga ammaatti galii ittiin argataa jira.
Biil Geetis hojii Maakiroosooftii keessatti yoo fufu, waahillisaa Pool Alan ammoo bara 1983tti kaansarii dhiigaatiin qabamuun hojiicha hdaabe.
Bara 2018tti ammoo umurii waggaa 65tti hanga du'aan addunyaa kanarraa boqatuuttis gahee Maakiroosooftii irraa biteen tarree sooreessoota addunyaa kanaa keessa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garee kubbaa saaphanaa jaalatu bituudhaa kaasee dameewwan daldlaaa garaa garaatti hirmaachuun hojjataa ture. Gitaara taphachuun ammoo beekamaa ture.
Pool Alan erga Maayikiroosoofii keessaa bahee booda Maayikiroosooftiin appiiwwan akka Windows, Excel fi Word fakkaatan beeksiiseera.
Kompitara gara meeshaa wal jijjiraa odeeffannootti jijjiruun abjuu Maayikiroosoftii ittaanu ture.
BiilGeetsi bara 1999tti gaaffii deebii BBC waliin taasiseen, odeeffannoo manaa manatti diriirsuun salphaa akka hin taanee ibsee ture.
''Waggaa 15-20n booda kompitarri mana nama hundaa seena ta'a. Kompitara akka amma jiruu osoo hin taane kompitaroonni gara fuulduraa adda ta'u,'' jechuun yeroo sana dubbate ture.
Oggeessi maayikiroosooftii Naataan Maahrvoold, yaadniwwan buufataaleen TV muraasaa fi qabiyyeensaanis kan daangeeffaman akka ta'an ilaalchisuun kennaman kunis waggaa muraasa keessatti yeroon buufataaleen TV 1,000 ta'an itti banama yeroonsaa fagoo akka hin taane raagee ture.
''Sodaachiisaa fakkaata. Garuu ajaa'ibadha. Mana kitaabaa jaalattan keessa kitaaboonni shan qofti jiraachu akkuma hin barbaannee sanatti yaadaa'' jedhee ture.
Marsariitiiwwan garaa garaa mata dureewwan adda addaa qabatan amma argaman kunneenis kan yeroo sana tilmaamamaa turaniidha.
''Teeknolojii kompitaraatti fayyadamuudhaan namoonni tarree mata dureewwan ilaaluu barbaadan filachuu danda'u'' jechuun ture oggeessi maayikiroosooftuu kan dubbatan.
Addunyaan harka hunda keenyaa keessa yeroon itti galtu waa'ee addunyaa gara fuulduraa irratti oggeessoonni dursuun tilamaamaniiru.
Guraaltuun barruu Dijitaala Miidiyaa jedhamuu Deeniis Kaaruusoo bara 1993tti akeekkachiisa kennite ture.
''TVn odeeffannoo hunda argachuuf i to'achuun ykn waan barbaadnu ajajuu jechuun odeeffannoo dhuunfaa keenya neetiworkii keessaan dabarsuu jechuudha'' jechuun yeroo sanatti kan dubbatte.
"Namni ka'umsa neetiworki irra jiru maal ilaalaa akka jirru ni beeka. Lakkoofsa kireedi kaardii keenya fudhata. Waliigalatti odeeffanno waa'ee keenyaa akka baramu hin barbaane hunda bara'' jechuun yaaddooshee ibsitee turte.
Waggootaan booda dhimmi eegumsa odeeffannoo dhuunfaa ijoo dubbii ta'e. Har'a baayyee dhimma nageenyaa odeeffannoo irratti gaaffiiifi yaaddoo kaasu.

Madda suuraa, Getty Images
"Odeeffannoon yoo akka shaqaxaa ta'utti karaan namoonni ittiin waa'ee dhimma tokko yaadan ni jijjirama. Karaa ittiin yaadan kan ittiin sirreeffamuudha'' jechuun akeekkachiifte gulaaltuun tun.
Odeeffannoon kan hin fayyadne yoo ta'efi akka shaqaxaatti kan gabaarra bahu yoo ta'e balaa qabaachu malu ibsite.
Haala intarneetiin wal qabateen odeeffannoo eeganii tursiisuuf yaaliin taasifamu garuu qormaataa ta'a.
Odeeffannoon dhimma itti cufamee taa'u akka hindanda'amne dubbatti.
''Odeeffannoon guutummaan yoo itti cufame saayintistoonni bilisaan odeeffannoo wal jijjiruu hin danda'an. Yoo qaama hundaaf odeeffannoon banaa haa ta'u jedhames ammoo kanneen odeeffannoo madda galiisaanii taasisan ni jiraatu. Teeknolojiin ajaa'iba. Humnas. Humnisaa qaamaa gaarii fi badaas qaba'' jechuun himti.
Maayikroosooftiin babal'aa dhufuusaatiin wala qabatee imeeliin ni ka'a. Oggeessi dhaabbatichaa Maayik Muree Imeeliin ''ollaa dijitaalaa uumeera. Yeroo fi daangaa cabseera'' jechuun ibsa.
Namoonni kanneen addunyaarratti bakka barbaadee jiran waliin odeeffannoo haala itti wal jijjiruu danda'an uumuudhaan imeeliin waraaqsa dijitaalii kaaseera.
Dhuma bara 1993tti lakkoofsi marsariitiiwwanii 923 gaheera. Baatii sadiin lakkoofsi marsariitii dachaadhaan dabalaa adeema. Bara 1994tti 10,000 gaheera.
Bara 1995tti Biil Geet ''intarneetiin kalaqa kompitara IBM'tti aanee argama olaanaadha'' jedhanii ture.
Maayikroosoofti World kan gadhiisees kanaan booda ture. Isaan boodas kalaqa addunyaa jijjiree ta'era.












