Chaayinaan haleellaa saayibarii Microsoft irraatti raawwachuun himatamte

Madda suuraa, Reuters
UK, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa, jalqaba bara kanaatti haleellaa saayibarii jabaa raawwatte jechuun Chaayinaa himatan.
Haleellaan kun kan irratti xiyyeeffate kaadima (server) Microsoft Exchange irratti yoo tahu, yoo xiqqaate dhaabbilee addunyaa gubbaa jiran 30,000 miidhaa irraan gaheera.
Dhaabbileen nageenyaa biyyoota Lixaa waan jedhan, haleellaan kun amalli Chaayinaa saayibarii irratti agarsiistu jijjiiramuufi haalaan cimuu agarsiisa jedhan.
Akkamiin jennaan amma dura duula basaasaa bakka tokkotti qiyyaaffate kan ture oggaa tahu, amma garuu gara haleellaa humnaan gaggeeffamutti jijjiirameera jedhu.
Ministeerri Nageenyaa Chaayinaa (MSS) hojiilee basaasaa hedduu tahaniifi amala dhimma itti kennuu dhiisuunis komatama.
Chaayinaan amma dura himannaalee cabsuu (hack gochuu) irratti ka'aa ture kan haalte oggaa tahu, yakka saayibarii gosa kamuu akka mormitus himteetti.
Qondaaltonni nageenyaa biyyoota Lixaa, kan ammaa kun waan ammaan dura arganirraa kan garmalee cimaa tahedha jedhu.
Dhimmichi kan jalqabe ji'a Amajjii keessa jedhu. Gareen Chaayinaatti hidhata qabu Hafnium jedhamu, Microsoft Exchange irratti qaawwa bakka dadhabinni jiru barbaaduu eegalan. Bakka saaxilamaa tahe kana erga argatanii booda, sirnicha keessa seenuusaaniitu himame.
Akka UKn jettutti haleellaan kun qaama hojii basaasaa bal'aati. Kanaanis ragaa dhuunfaa dabalatee, mirgi abbeentaallee hatameera jedhu.
Haleellaan jedhame kunis kan qiyyaafate dhaabbilee hojii waraanaa hojjetan, qaama qorannoo (think tank) fi yunivarsitiiwwan irratti ture. Kunis haleellaa Hafnium amma dura raawwateen kan walfakkaatudha.
Microsoft maal jedhe?
Dhaabbanni Microsoft waa'ee qaawwa sirnasaanii keessatti argame kana Bitootessa 2 uummataaf ifa kan godhan oggaa tahu, qaawwa kana duuchuufis hojjechaa akka jiran himan.
Wayita kanatti, haakaroonni addunyaa gubbaa jiran hedduun gatii kanaa hubachuun, dhimmichatti dabalaman.
Wayita sanas addunyaarra sirnoonni kurmaana miiliyoonaa tahan saaxilaman, yoo xiqqaate 30,000 kan tahan ammoo ragaan jalaa hatame. Garri caalu sirnoota kanneenii bizinasoota xixiqqoofi giddugaleessaafi dhaabbileedha.
Mootummoonni Lixaa Ministeerri Nageenyaa Chaayinaa MSS jedhamu haakaroota qacaree hojjechiisa jechuun kan himatan oggaa tahu, qunnamtii qabu akka addaan kutus barbaadu.
Ministeerri Dhimma Alaa UK (Foreign Office) waan jedhu, ''mootummaan Chaayinaa duula jalqabe akka dhaabuuf waamicha irra deddeebiin godhamef dideera. Inumaayyuu qaamoleen mootummaan deeggaraman haleellaasaanii akka cimsan heeyyameeraaf.''
Waayit Haawus ammoo sochii saayibarii Chaayinaan gaggeessitu irratti, tarkaanfii dabalataa fudhachuuf mirga guutuu akka qabu akeekkachiiseera.
Gamtaan Awurooppaa (EU) ammoo, ''cabsanii seenuun kun sodaa nageenyaafi kisaaraa diinagdee salphaa hin taane dhaabbilee mootummaafi kaampaaniiwwan dhuunfaa irraan gaheera,'' jedhe.
Basaastonni biyyoota garuu ammallee, maaliif amalli Chaayinaa akkasiin geeddarame jechuun bitaa itti galeera.
Haakaroonni kunniin haleellaa isaanii cimsanii akka itti fufan heeyyamameeraaf taanaan, kun fageenya hangamii biyyattiin itti adeemtuufi yoo jarri kun qabamanis hagas mara kan isaan hin sodaachisne tahuu agarsiisa jedhu.














