Dhoksaa miseensoota IS karaa suur-sagalee bilbilaatiin bahee

Bilbilaafi akaawwuntii miidiyaalee hawasaa lammilee Biritish sadii kan lolaaf gara Siiriyaatti imalanii ilaaluun, gazeexeessaan Mobiin Azhaar dargaggoota kanneen maal gartuu IS’tti akka makaman isaan taasiseefi maaltu akka isaan mudate qorateera.
Namootni gara 900 ta’an Biriteen gadhiisanii garee IS fi gareewwan isa fakkaataniitti akka makaman tilmaamama.
Gartuun Islaamik Isteet (IS) jechuun of waamu kunis du’a namoota 14,000'f itti gaafatamaadha. Har’a lammileen Biriitish loltoota IS ta’an hedduun hin beekamiin jiru.
Waraana IS Siiriyaa keesatti uumame booda, gazexeessituun The Sunday Times, biyyoota Baha Giddugaleessaa, nama turjumaanaan ishee gargaaru waliin hojjattu, Luwiis Kaalaghaan 'haardi diraayivii' odeeffannoo bilbilaa of keessa qabu argatte.

Suuraaleen fi vidiyooleen bilbilicha irratti argaman garaagaraa, jireenya lammilee Biriitish jireenyasaanii nagaa duubatti dhisaanii ardiiwwan qaxxaamuruun waraanatti makamuuf deeman agarsiisa.
Namni akka arguuf karoorfame hin turre, ta’us garuu bilbilli kun dargaggoon Biriitish miseensa IS ta’uun maal akka fakkaatu ifatti mul’iseera.
“Dhaloota haaraa kanatti aadaa viidiyoo geemii fi filmii sodaachisaa (horror) fayyadamuun itti haasa’an.”
Chookii Ellenkifi Landan naannoo Edgware Road jedhamutti guddate. Innis miseeensa IS ta’uu isaatiin dura yakka hokkaraa keessatti hirmaatee ture. Umurii ganna 22 isaattis Siiriyaa keessatti lubbuun isaa darbe.
Bilbila kana irratti Chookiin Kaaba Siiriyaa keessatti bishaan daakaa, jireenya dargaggummaa basha’aa yeroo jiraatu agarsiisa.
Viidiyoon kun yeroo bashannanaa dargaggoon kamuu Maguluuf keessatti qabaatu fakkaachuu danda'a. Garuu ammoo Chookii gammachuu daakaa sana dhaabuun qawwee qabatee yeroo dhaabbatu ni mul’isa.
Dargaggoo mata jabaafi waan hunda baruu barbaadu fakkaata kunis, akka nama addunyaan maal akka fakkaattu baruuf fedhuu jira ture.
Boodas vidiyoo biraatiin yeroo inni leenjii meeshaa waraanaa fudhatu agarsiisa. Boombii dirree irratti darbatee, yemmuu namoonni naannoo isaa jiran ‘goota’ jechuun isa farsan hedduu gammadaa mul'ata ture.
Viidiyoon holola IS karaa inteerneetarra jiru yeroo hedduu filmii fakkaachuun kan bareede qophaa’aniidha.
Siriiyyuu aadaa viidiyoo beekamaa ta'an kan akka wa’ee viidiyoo geemii Mortal Kombat fi fiilmii Saw jedhamu fa'i akka eeran hayyuu viidiyoo holola IS 1,500 ol ta'an qoratan Haviyeer Lesekaa ni hima.
“Dhaloota haaraa kanatti aadaa viidiyoo geemii fi filmii hororii bebbeekamootti fayyadamuun haasa’aniiru” jedha Haviyeer.
Haata'u malee, wanti bilbila kana irratti argame ammoo jireenya dureewwan amantaa (caliphate) maal akka fakkaaturratti kallattii adda kenneera.
Mehdii Hasaan dargaggoo Biriiteen kan suuraansaa bilbila kanaratti argamerra jiru kan biraati.
Garuu akka Chookrii osoo miseensa IS ta’uusaatiin dura yakka kamuu keessatti hin hirmaanne ture.
Mehdiin jireenya isaa Portismaawuz keessa kan ture yoo ta'u Siiriyaa keessatti du’e Harmeen isaa wanta uumameen baayyee gadditee.
Mehdiin miseensa “maatii galii gidduu galeessan bulaniifi ciminaan hojjatan“ akka tureefi wagga tokko keessatti akka amalliisaa geeddarame himte.
Madiin mana barnoota dhuunfaa Kaatoolikiitti barachuun qabxii gaarii fidaa turulleen garuu gutummaan qabxii A argachuu barbaada ture.
Akka harmeen isaa jettutti, waggaa qabxii guutuu argachuuf hojjachaa turetti ilaalchi Mehdiin addunyaaf qabu geeddaramaa dhufe.
Ilaalchi isaa akka geeddarame miidiyaa hawaasaa isaarratti ni mul’isa. Jalqabarratti miidiyaa hawaasaa isaa irratti kan mul’atu suuraa inni ispoortii hojjachaa ofee kaasuun maxxansuufi jaalala inni bineensa kuwaalaa jedhamaniif qabu ture.

Ilaalcha amantaa jabeessanii leellisuu mormuun “ani Musliima lammii Biriitish ta’edha, waanta kosii akkanaa nan morma” jechuun maxxansaa ture.
Boodarra, geejjiba baaburaa London yemmuu fayyadamu namootni “wanta inni boombiin dhukaasuu ykn waan akkanaatti” yaaduun akka isa ilaalan hima.
Ifatti amantaa isaatti cichuu eegalee, wa’ee “jireenya cubbuu” isaa duraanii maxxansuu eegale.
Torbanoota booda, hordoftoota isaa miidiyaa hawaasummaa irra jiraniif wa’ee barumsa Quraanaafi ilaalcha “siyaasa idil- addunyaa irratti qabu” qooduu eegale.
Maqaa isaas Mahdii Hasaan irraa gara Abu Dujanaatti geeddaruun, lammii Biriitish sanyii Baangilaadish irraa akka ta’e, suuraa wayyaa aadaa Arabaa uffatee maxxanse.
Ji’oota muraasaan booda, Mehdiin yeroo Siiriyaatti imalu viidiyoon CCTV buufata xiyyaaraa ni agarsiisa.
Achi taa’ee miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxansuu itti fufee, nama gaaffii fi deebii isaaf gochuu barbaadu kamiifu deebii kennuuf qophaa'u himu eegale.
Akkasiin dargaggoon kunis ofiisaatiin erga miseensa ta'een booda warra kaan ammoo miseensummaaf filachuu jalqabe.
Yeroo Siiriyaa turetti Mehdiin maatii isaa Portismaawuz waliin wal qunnamtii qaba ture.
Ji’a ja’a Siiriyaa erga turee booda miidiyaa hawaasaa irratti akkamiin yunivarsitiitti galmaa’uu akka danda’u gaafachuun maxxanse, kun shaakkii tarii turtiin isaa IS waliin xumuramuufi jedhu uume.
Hiriyyaan Mehdii eenyummaa isaa ibsuu hin barbaadne tokko “waa’ee abukaatoo namni beeku yoo jiraate na gaafate. Yeroo tokko Feesbuukii irraatti akka na jaallatu naa barreessee ture. Deebisee maal akkan jedhuun hin beekne ture. Akkan ani jalladhuun uutuu bareera ta’ee natti tola,” jedha.
Mehdiin manatti hin deebine. Siiriyaa naannoo daangaa Taarkiitti du’e. Bakki inni yeroo dhumaaf ture, tarii IS gadhiisuuf akka qophaa’aa ture agarsiisa.
Namoonni bilbila kana irratti mul’atan hundi isaanii du’aniiru jedhame yaadama. Namoonni kan biroo ammoo akka namoota seenaan isaanii bilbilarraa argamee kanaa eessa akka jiran hin beekamne hedduutu jira.














