'Nu waliin daldala barbaannaan qaraxa dabrsite haqi'- Chaayinaa ergaa Tiraampiif dabarsite

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaanti Tiraampi dhugumaan waraana daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduu furuu yoo barbaadan qaraxa oomishaalee keenya irratti dabarsan kaasuu qabu jette Chaayinaan.
Bulchiinsa Tiraampi irraa yaadni dhiyaatus hanga ammaatti mariin dhimma daldalaa nu gudduutti gaggeeffame hin jiru jedhan qondaalli olaanaa Chaayinaa tokko.
Waraanni daldalaa biyyoota gurguddoo lamaan addunyaa gidduu hammaateera.
Chaayinaan haaloo bahuuf jecha xiyyaarota Booyingi Ameerikaan oomishteefi bitachuuf ajajjee turte deebistee gara kaampaanichaatti ergiteetti.
Ergasii Tiraampi qaraxa Chaayinaa irratti dabarsan zeerootti gadi fiduu baannus baay'ee gadi buusna jedhanii ture.
Waraanni Daldalaa Chaayinaa fi Ameerikaa gidduu hammaataa deemuun Ameerikaan oomishaalee Chaayinaa irratti qaraxa %145 dabarsite.
Chaayinaan ammoo oomishaalee US biyya ishee galan irratti qaraxa %125 dabarsite.
Dubbii jabaa Chaayinaan karaa dubbii himaa ministeera daldalaa ishee dubbatteen Ameerikaan ''qaraxa oomishaalee guutuu irratti dabarsite'' haquu qabdi jedhan.
''Yoo dhugumaan wal dhabdicha furuu barbaaddi tahe'' jechuun dubbii akeekachiisa fakkaatu dubbatte.
''Namni bilbilicha jalqaba hidhe deebisee hiikuu qaba'' jette.
Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Joo Jiyaakun ''walii galteerra gahuu miti, Chaayinaa fi Ameerikaan dhimma qaraxaa irrattigonkumayyuu hin mari'anne'' jedhan.
Gabaasonni amma bahaa jiran ''sobadha'' kan jedhe dubbii himichi, Tiraampi ammoo kana dura mariin biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffamu akka jiru eeree ture.
Ministirri Maallaqaa US, Iskoot BeesentiRoobii darbe yoo gaafatan ammayyuu mariin hin jalqabne jedhan.
Beseenti Ameerikaa fi Chaayinaan waliigaltee guddaarra gahuuf ''carraa guddaatu jira'' jedhan.
Tiraampi Kibxata darbe Beejiingi waliin mari'achuun waliigalteerra gahuun ''waan gaariidha'' jedhan.
Isa Chaayinaan xiyyaarota Booyingi bituuf ajajjee turte deebiste ammoo ''Booyingi xiyyaarota miidhaginaan hojjetaman kanneen fudhachuu diduu ishee Chaayinaa idaatti galchuu qaba'' jedhan.
''Kuni fakkeenya xiqqoo waan Chaayinaan waggoota dheeraaf biyya keenya irratti hojjechaa turteeti'' jedhe.
Qorichi sammuu hadoochu feentaanil Chaayinaa irraa biyya keenyatti gala. kanaadaa fi Meksiikoonis lammiilee keenya kumaatama qorich kanaan ajjeesanis jedhan.
Hogganaan Booyingi Chaayinaan xiyyaarota ajajaan bitachuuf turte deebistee ergite ejdhan. Kunis qaraxa Tiraampi haaloo bahuufi.
Keelii Ertebergi hogganaan Booyingi, xiyyaaronni lama deebi'aniiru. Kan biraas kana booda deebi'uuf jedhu jedhan.
Chaayinaan qaraxa Tiraampi itti dhufaa jiruuf dursitee qophaa'aa akka turte xiinxaltoonni himaa turan.












