Haati warraa Chaarlii Kiirik nama abbaa warraashee ajjeesseef dhiifama goote, Tiraamp garuu ni morme
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qophii yaadannoo aktivistii warra duudhaa durii leelisanii kan ture Chaarlii Kiirik Arizoonaa keessatti bakka namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aaman irratti haasaa taasisaniin, Chaarlii Kiirk "goota guddaa Ameerikaa" fi "wareegamaa" jechuun jajatan.
Haasaan Tiraamp sagantaa Dilbata darbe namoonni hedduun irratti hirmaatan kanarratti taasisan ijoo dubbii yoo ta'u, itti aanaa pirezidantii J. D. Vaans dabalatee qondaaltonni olaanoo bulchiinsa isaanii ileegaasii siyaasa Kiirk kan Fulbaan 10 rasaasaan ajjeeffamee faarsuun isaanii ni yaadatama.
Haati warraa Kiirk Eerikaas istaadiyeemii Isteet Faarm kan naannoo Fooneeksi jedhamutti haasaa imimmaan makame kan taasifte yoo ta'u, haasaa kana keessatti nama abbaa warraashee ajjeeseef dhiifama gochuu dubbatteetti.
Haata'u malee, pirezidantiin Ameerikaa ergaa dhiifama ishee kanaan cabsuun, ilaalcha Chaarlii Kiirk morkataa isaaniif waan gaarii barbaaduu irratti walii hin galu jedhan.
''Morkattuu koo nan jibba, waan gaarii isaaniif hin barbaadu,'' jechuudhaan, itti dabalanii, ''Dhiifama naaf godhi Eerikaa'' jedheen
Faallaa haasaa haatii warraa Kiirk dura dubbatteetti, tarii taatee humna guddaa yeroo tajaajila kana keessatti ta'e kennan isa cimaadha.
"Abbaan manaakoo Chaarliin akkuma nama lubbuu isaa dabarsee sanaa dargaggoota oolchuu barbaada ture," jechuun, "Waan Kiristoos hojjete waan ta'eef dhiifama isaaf nan godha. Deebiin jibbaa jibba miti" jette.
Namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman saganticha dura istaadiyeemii ala sa'aatii dheeraaf tarreen kan turan yoo ta'u, muraasni isaanii halkan duraa illee bakka qabachssuuf jecha buufatanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hedduun isaanii kobii 'Make America Great Again (MAGA)' jedhu kaawwatanii, meeshaalee maqaa Tiraamp qaban biroo fi uffata diimaa, adii fi halluu diimaa uffataniiru.
Istaadiyeemii keessaa miiraa fi haalli ture kan qophii duula siyaasaa sagalee guddaa qabu ykn tajaajila waldaa guddaa kan muuziqaa baandiiwwan Kiristaanotaa kanneen namoota kuma 100tti siqan irraa faarfatanii fi kadhannaa kakaasan fakkaata ture.
Tarreen namoota haasaa taasisanii, miseensota dhaabbata Kiirk, 'Turning Point USA' kan mooraa kolleejjii keessatti aktiivismii konsarvaatiivii irratti xiyyeeffatu dabalatee, namoota beekamoo sochii konsarvaatiivii, qondaaltota bulchiinsa Traampii fi namoota hojii Kiirk fi ilaalcha addunyaa Kiristaanummaa mirgaatiin bocamne jedhan kan hammate ture.
Aktiivizimii dargaggeessa ganna 31 kanaa itti fufuun barbaachisaa ta'uu cimsanii kan dubbatan yoo ta'u, tajaajila sa'aatii shan guutuu keessatti amantii gadi fagoo qabaachusaa cimsanii dubbataniiru.
Kiirk, yeroo rasaasaan ajjeefameetti yunivarsiitii Yuutaah keessatti barattoota irratti falmaa kan ture yoo ta'u, irra deddeebiin akka wareegamaatti kan ibsamee fi sochii konsarvaatiivii kanaaf nama seena qabeessa ta'ee mul'ifameedha.

Madda suuraa, EPA
Namoonni haasaa taasisan hedduun duuti Chaarlii Ameerikaa keessatti sochii warra konsarvaatiivii caalaatti ni haaromsa jedhanii amanu. Ammas taanaan Ameerikaa keessatti Tiraamp Waayit Haawus qabachuu, warri Rippabilikaanotaa ammoo Kongireesii qabachuun ilaalcha ejjennoo cimaa keessa jirti.
''Guyyaa Chaarliin ajjeefameetti ergamoonnis boo'aniiru, garuu imimmaan sun garaa keenya keessatti gara ibiddaatti jijjiirameera,'' jedhan itti aanaan hogganaa hojjettoota Waayit Haawus Isteefan Miilar. "Diinonni keenya humna keenya hubachuu hin danda'an."
Waltajjii tokkotti jalqaba bara kanaa Tiraamp waliin waldhabdee hadhaa'aa fi ummataa kan qabu Eloon Maask pirezidanticha cinaa taa'ee lamaan isaanii harka walqabatanii waliin haasa'an. Boodarra suuraa isaanii kan Chaarlii waliin ka'an maxxanseera.
Waltajjii Istaadiyeemii Isteet Faarm keessatti irratti Kiirk akka aktivistii bilisummaa yaada ibsachuu fi Tiraampiif dadamqasaa sagalee dargaggoota ta'uun kabajni guddaa kennameefiira.
''Chaarliin gargaare qofa kan taatsise osoo hin taane, jijjiirama injifannoo fide, waadaan siif gala,'' jedhan Hoggantuu olaantuun Hojjattoota Waayit Haawus Suuzi Waayils.
Itti aanaan pirezidantii J. D. Vaans, namoota yeroo dhaadannoo dheeraa "U-S-A, U-S-A" jechuun dhoosan, ''Osoo inni hin jiraatiin nuti as hin jirru turre,'' jedhan.
"As irraa isa arganne," jechuun itti dabaluun dubatan wayita leegaasii siyaasaa Kiirk irratti mari'ataniitti.
Vaans namoota ijoo bulchiinsa Tiraamp waltajjii irratti dubbatan keessaa tokko yoo ta'u, kanneen biroo ammoo ministeera dhimma alaa, maakroo Ruubiyoo, Ministira Waraanaa Peetee Hegseet fi Ministira Fayyaa Roobarti F Keeneedii Jr fa'iidha.
'Dhiifama godheefiira'
Isaan booda haati warraa Kiirk Eerikaan, kan wayita hariiroo ishee ibsitu imimmaan ishee dhangalaasaa turtee fi hojii abbaa warraashee itti fufuuf dhaadatteen itti fufe.
Isheenis erga inni du'ee booda hoji gaggeessituu olaantuu haaraa dhaabbata 'Turning Point USA' jedhamtee moggaafamte.
"Madaa jireenya isaa galaafate argeera" jette. "Wanti inni natti dhaga'ama jedhee eegu hundatu natti dhaga'ameera. Rifaatuun natti dhaga'ameera. Sodaan natti dhaga'ameera, sadarkaan dhukkubbii onnee akka jirullee hin beekne natti dhagahameera."
"Erga ajjeechaa Chaarliitiin booda guyyoonni 10 darban, jeequmsa hin argine. Mormiinis hin mullanne. Warraaqsa hin argine. Kanarra, waan abbaan warraa koo yeroo hunda biyya kana keessatti akka argu kadhatu argineera, haaroomsa afuuraa argineerra," jechuun Eerkaa Kiirk namoota walitti qabamanitti himte.
Sana boodas nama abbaa warraa ishee ajjeese jedhame, dargaggeessa ganna 22 Taayilar Roobinsaniif dhiifama akka goote dubbatte.
"Namni sun, dargaggeessa sanaaf dhiifama nan godha. Waan Kiristoos hojjete waan ta'eef waan Chaarliin godhu waan ta'eef dhiifama isaaf nan godha," jette Erkaa Kiirk.
Yeroo Pirezidanti Tiraamp Eerikaa Kiirk booda waltajjiitti bahanitti simannaan sagalee guddaa qabu taasifameef. Irra deddeebiin Chaarlii Kiirk faarsaa kan ture yoo ta'u, yeroo muraasaan booda ammoo yakka magaalota Ameerikaa keessatti raawwatamu dabalatee, qabxiilee haasawa siyaasaa barameetti garagalee pirezidantii isaan dura aangoorra ture Joo Baayidenitti qoosaa ture.
Tiraamp waa'ee Kiirk ''amma bilisummaa Ameerikaaf wareegamaadha,'' jedhan. "Har'a yoon nu keessaa tokkoon keenyalleen Chaarlii hin daganne jedhu, nama hundaaf akkan dubbadhu nan beeka. Akkasumas seenaanis isa hin dagatu."
Sana booda pirezidantichi dhimma tokkorratti Eerikaa Kiirk waliin walii hin galle jedhan. ''Moorkattoota isaa hin jibu ture, waan gaarii isaaniif yaadaa ture malee,'' jechuun nama kofalchiisan.
"Bakki ani Chaarliidhaan itti waliin walle hin galle kanuma. Morkattoota koo nan jibba, waan isaaniif gaarii ta'es hin barbaadu," jedhan.
Tiraamp waan "bitaa hundee qabu" jedhanii waamu irrattis duuluudhaan jeequmsa biyyattii keessatti uumamuuf warra leeftii komatan.
Xumura haasaa isaanii irratti Eerikaa Kiirk akka ''dhaloota isaa keessaa nama guddaa'' jechuun ibsuun, Tiraamp Eerikaa Kiirk waliin waltajjii irratti bahuudhaan un osoo ummanni harka rukutaniif wal hammataa turan.

Madda suuraa, Reuters

















