Ergaan barreeffamaa namni Chaarlii ajjeesuun shakkameef hiriyaansaa wal jijjiiran kunooti
Namtichi torban darbe keessaa aktivistii Ameerikaa Chaarlii Kiirk ajjeesuun shakkame, erga dhukaasa sana raawwateen booda nama waliin jiraatutti ergaa barreeffamaa erguun waan ajjeechaa sanaaf kaka'umsa ta'uu danda'u irratti mari'achuu isaa sanadoonni mana murtii mul'isan.
Namni maqaansaa adda hin baafame kan shakkamaa kana waliin kutaa tokko keessa jiraataa ture tokko qorattootatti akka himetti, Taayilar Roobinsan dhukaasa erga raawwateen booda yaadannoo barreefamaa kiibordii jala kaa'eef akka ilaalu akeekkachiisuu akka dubbatte abbaan alangaa himaniiru.
Taayilar Roobinsan torban darbe gaafa Roobii ture kan mooraa Yunivarsiitii Yuutaah Vaalii kan magaalaa Orem keessatti dhukaasa baneen Chaarlii Kiirii ajjeesuun shakkame.
Angawoonni akka jedhanitti, namni shakkamaa waliin mana tokko keessa jiraatu maqaansaa hin ibsamne kunis dhiira saalasaa gara duubartiitti jijjiirrachuun himatamaa waliin hariiroo jaalalaa keessa tureedha.
Galmeen guutuun ergaawwan barreeffamaa guyyaa dhukaasni kun nama haleellicha raawwachuun shakkame sana waliin waljijjiiran kan namni kutaa tokko keessa waliiin jiraataa turan qorattootaaf kenne kunooti.

Madda suuraa, Reuters
Roobinson: Waan hojjataa jirtu dhaabii, kiiboordii koo jala ilaali.
[Yoo namni isa waliin kutaa tokko keessa jiraataa ture kiiboordii jala sakatta'u yaadannoo"Chaarlii Kirk dhabamsiisuuf carraa argadheera, kana gochuufis ture" jedhu argate.
Hiriyaa kutaa: "Maal?????????????? Qoosaa jirta mitii, dhugaa????
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Roobinson: Ammalleen nagaadha jaalaleekoo, garuu xiqqoo yeroo dheeraadhaaf Oreem keessatti danqameen jira. Hangan mana dhufuu danda'utti yeroo dheeraa natti hin fudhatu, garuu qawwee koo ammallee qabachuun qaba.
''Dhugaa dubbachuuf umurii koo guutuu kana dhoksuu barbaade. Kana keessa si galchuu kootiif dhiifama"
Hiriyaa kutaa: Kan raawwate si miti miitii dhigaa ????
Roobinson: Anuma, baayyee dhiifama
Hiriyaa kutaa: Namicha kan to'atan natti fakkaatee ture miti?
Roobinson: lakkii, namicha dulloomaa maraataa tokko qabatanii, achiis nama uffata wal fakkaatu uffate tokkos qoratan. Yeroo muraasaan booda qawwee koo bakka ture irraa fudhachuuf karoorfadheen ture, garuu garri magaalattii sana keessaa harki caalaan cufameera. Baayyee cali kan jedheedha, keessaa bahuudhaaf gahaadha, garuu konkolaataan tokko achii marsaa jira.
Hiriyaa kutaa: Maaliif?
Roobinson: Maaliif akkan raawwadhe immoo?
Hiriyaa kutaa: Eeyyeen
Roobinson: Jibbi isaa natti baayyateerra. Jibba isaa muraasa irratti mari'achuun hin danda'amu.
Roobinson: Qawwee koo osoon hin mul'atiin fudhachuu yoon danda'e ragaa tokkollee hin argatan. Deebii'ee amma fudhachuuf yaaluuf ammoo, gara sanatti akka ce'an abdiin qabna. Qawwicha argachuu isaanii ilaalchise homaa hin argine.
Hiriyaa kutaa: Waan kana yeroo meeqaaf karoorsaa turte?
Roobinson: gara torban tokkoo ni ta'a jedheen aman. Itti hin dhiyaannee malee, konkolaataan waraanaa achi dhaabbate tokko jira. Bakka sana qulqulleessaniiru jedheen yaada, garuu carraa kennuufii hin barbaadu.
Roobinson: Osoon duubatti deebii'ee akkuma fudhachuu konkolaataa koo bira ga'een hawwaa jira.... Yoo qawwee kana fuudhee gara manaatti hin deebiifne jaarsi kenyaa maal godha jeedheen yaadda'a, qawween sun kan akaakayyuu kooti, garuu narratti hin baru ta'a.
Mallattoonni yoon bosona keessatti uffata jijjiiradhu dhiisee nan yaadda'a. Waanan achitti dhisee deemee fuudhuuf dandeettiis ta'ee yeroo itti hin qabun ture....Achumatti dhiiseen deema, akka mallattoo hin argachuu hindandeenye abdii qaba. akkamitti [kakadhee] akkan jaarsa keenyaatti ibsun jecha dhabe....
Wanti achiitti gate tokkichii fooxaan qawweedhaan maree qofadha....
Akkamitti rasaasa bocaa akkan ture ni yaadattaa? Ergaawwan [kakuu] irra caalaa qoosaa guddaadha, yoo ilaalu, "beeksiifni bahaa jira" 'fox news' irratti argee tarii rakkoo qabaachuun danda'uuf dhiisee asii deemuun qaba... har'a irraa kaasee yoon tilmaamu qawween akkaakayyuu kootii bakka gaarii (idk) argata. Sunis doolaara kuma 2 ture jedheen yaada;-;
Roobinson: Marii kana haqi
Roobinson: abbaan koo suuraalee qawwee kanaa barbaada...Akkoon keenyaa eenyu maala akka qabu baruu barbaada, jarri suuraa qawwee kanaa gadhiisaniiru, innis baayyee kan addati. Naaf bilbilaa jira, ani garuu jalaa hin kaafne.
Roobinson: erga Tiraamp aangoo qabatee asitti [abbaan koo] baayyee cimsee nama jijjjiirama mormu ta'eera.
Roobinson: fedhii kootiin of kennuufan jira, ollaan koo as jiru tokko itti aanaa poolisiiti.
Roobinson: waa'ee jaalallee koo kan na yaaddessu si qofadha
Hiriyaa kutaa: Anis waa'een kee baay'ee na yaaddessa
Roobinson: Maaloo miidiyaatti hin dubbatinaa. Af-ggaaffii tokkollee hin simatiin ykn yaada tokkollee hin kenniin. ... poolisiin kamuu gaaffii yoo si gaafate abukaatoo gaafadhuutii callisi.

















