Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Lubbuukoo balleessuufan ture, amma garuu hadhoolii kaanan gargaaraa jira'
Abbootiin muraasni qullubbii qunciisaa, killee cabsaa fi naanawa minjaalaatti yoo kuduraalee muran, kaan isaanii ammoo daa'imman reefuu dhalatan uruursu. Ijoolleen ammoo ashanguliitiidhaan taphatu, haadholiin ammoo taa'anii isaan ilaalaa jiru.
Magaalaa guddoo Indooneezhiyaa Jaakaartaatti kutaa nyaanni keessatti bilcheefamu kan sagaleen guutame gidduutti cimdiiwwan waa'e jireenyasaanii ni haasa'u.
Dubartoonni hedduunis dhiphina sammuu, yaaddoo ykn haala fayyaa sammuu birootiin rakkachaa jiru.
Kanas Lolaa Nuur Yaanaayiraah, hundeessituu 'MotherHope Indonesia' kan deeggarsa haadhoolii geggeessu hundeessite qofaatu sirriitti beeka.
Waggaa kudha lama dura of ajjeessuuf murteessitee turte. Garuu, ija intalashee kan waggaafi ji'a sagal keessa yoo ilaaltuu, wanti tokko jijjiirame.
"Miira ishee tuqeen, urgeeffadhe... 'Mucaa kanaaf jedhee fooyya'uun qaba' kan jedhu natti dhaga'ame," jetti.
Akkuma ulfa torban 28 irraa baheen booda deebiiftee baatii sadaffaa irratti garaatti baatte. Miidhaan miiraa, garaatti baachuu yaaddoo qabuufi dhiibbaa hawaasummaa haadha garii ta'u walitti dabalamuun, miirri abdii kutannaa akka itti dhagahamu, irriiba dhabuu fi mucaashee kunuunsuu akka hin dandeenyee ishee taasise.
Yeroo sanaa kaasee, deeggarsi hakimii xin-sammuu ishee barbaachise. Isaan boodas akka dhiphina sammuu dahumsaan boodaa (postpartum depression) qabdu barte.
Akka dhaabbata Fayyaa Addunyaatti, biyyoota guddinarratti argaman keessatti haadhoolii shan keessaa tokko dahumsaan booda rakkoo fayyaa sammuu, dhiphinni sammuu ni mudata.
Jijjiramni hormoonii akkasumas dahumni dhiphinni itti baayyate, iyyummaa ykn gadda wantoonni fakkaatan tibba ulfaa fi dahumsaan booda fayyaa sammuu irratti dhiiphaa taasisuu danda'u.
Nuur baatii sagaliif qofaashee rakkatteetti. ''Kan na hubate omtu hin turre. Eenyumtis odeeffannoo naaf hin kennine'' jetti. ''Ergan bayyanadheen booda...deeggarsan ofii hin argatiin kennuufan yaale'' jetti.
Ammatti dhaabbanni 'MotherHope Indonesia' tola ooltoota leenjii'an 200 qaba. Gareen deeggarsaa fi abbootaa fi qophii nyaataarratti leenjii kenna. Kana malees, hawaasa Facebook 58,000 qaba.
Naadiyaan seenaa ishee mucaa jalqabaa erga deesseen booda dhiphina sammuu ishee mudatee ture, qooduudhaaf kutaa qophii nyaataatti argamteetti.
''Gaddisaa dhuma hin qabu. Rafuu hin danda'u. Nyaata soorachu hin danda'u. Baayyee cimaa ture'' jetti.
"Sababii malee bohuu ykn aaruu eegalti'' kan jedhu abbaan warraashee Raake'aan, ''maal gochuu akkan qabu hin beekuun ture'' jechuun yaadata.
Hata'u malee, wayita kutaa qophii nyaataa irratti wal agaruutti attamiin akkan ishee deegaru, qulqulleessuu, carqii fincaanii jijjiruu fi mucaasaanii kunuunsuu akka barate dubbata.
''Amma haati warraakoo yoo boossuu ykn kan dadhabdee yoo natti fakkaate maal gochuu akkan qabu hubannoo gaariin qaba'' jedha.
Naadiyaan gorsaafi qoricha argatteetti. Haadhoolii kaanis irraa bayyanachuun akka danda'amu akka baran barbaaddi.
Cimdiiwwan kunneenis intala waggaa shanii fi mucaa dhiiraa kan waggaa sadii qabu. Raakee'aan yeroo haalli rakkiisaa a'e mirkana kenna. ''Yoo 'haadha gaarii ta'u hindanda'u' jettuutti... ta'u akka dandeessu dubbachuun qaba'' jechuun dabalee dubbata.
BBCn waa'ee jalqabbii bu'uuraa fayyaa sammuu haadholii deeggaru, kan yeroo baayyee namoota dhuunfaa muuxannoo mataasaanii irraa ka'uun haadhoolii deeggaru biyyoota sadii irraa dhaga'eera.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti ogeessi fayyaa sammuu, Dr Neerjaa Chaawudiyaarii akka jedhanitti fakkeenyonni muuxannoon jireenyaa ''amantaa fi walitti dhufeenya akka guddisu'' agarsiisa, deeggartoonni hiriyaa qabaachuun deeggarsa fayyaa sammuu dhiyeessuu keessatti ''ergama bu'a qabeessa'' taasisa.
Giddu-galli hawaasa irratti hundaa'e, baasii xiqqaadhaan biyyoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa qaban keessatti fayyaa sammuu haadholii haalaan fooyyessuu danda'a jetti. Leenjiin gahaa fi to'annoon deeggarsa hiriyaa "barbaachisaa" ta'u dabalte dubbatti.
Angiin Maakorngoon Indoneshiyaa irraa fageenya kilomeetira 8,000 fagaattee Zimbaabuwee keessa jiraatti. Rakkoon fayyaa sammuu mataashee akka waan tokko hojjachuuf socho'uuf ishee kakaase.
Waggaa 27 dura intallishee jalqabaa erga dheesseen booda yaada sodaachisaa keessa galuudhaan baayyee dhiphatte turte.
"'Osoon boraatii kanaan mucaa koo ukkaamsee hoo?' jedheen yaaduu koo nan yaadadha," jechuun kaafti. "Yeroo biraa immoo, waanan gochuu akkan danda'u waanan walaaluuf, cuubee qabadhee kutaa nyaanni itti bilcheeffamu keessa dhaabadha ture."
Yeroodhaan booda ammoo tibba ulfaatti ykn dahumsaan booda waggaa tokko keessatti mudachuu akka danda'uufi rakkoo dhiphina sammuu 'perinatal obsessive compulsive disorder (POCD)' jedhamuun qabamu hubatte.
Maatiisheetti himu waan sodaatteef lubatti himte. Haata'u malee, lubichi yaadni sodaachisoo sammuushee keessa dadeebii'u akka cubuutti iaalu turan jetti. Mirri abdii kutannaa akka itti dhagahamuu fi qofaa akka taatu taasiseen.
Intalli ishee yeroo waggaa kudhanoota keessa geessu, Angiin 'OCD' akka qabdu erga barteen booda qorichi ajajameef. ''Akka waan deebii'ee dhaladheetti natti dhagahame'' jetti.
Isaan booda ammoo dhaabbata Trust 'OCD' jedhamu hundeessite. Amma miidiyaa hawaasaatiin, haasaa raadiyoo fi karaa workshooppiitiin hubannoo cimsiti. Mana maatii isheetiis gara jidduugala deeggarsaatti jijjirteetti.
Ogeessi xin-sammuu, Taafaaziwaa Mugaazaambii-makii, Zimbaabwee keessatti rakkoo sammuu haadholii dahumsaan booda deeggaru irratti ''qaawwa guddatu'' ture jedhan.
Ijoollee sadii qabdi, haata'u malee, ulfi bahuu fi deeggarsaan ulfaa'uu dadhabuun haala rakkisaan ishee mudateera. Biyya keenya keessatti fayyaan sammuu ''himtee afaanii fi kan loogiin marfame'' ta'u akka hubattee kan dubbattu oggeettiin tun, dhaabbata 'SALT Africa' jedhamu hundeessiteetti.
Hiikaan moggaasa isaa ''Namni yeroo hunda si dhaggeeffatu jira'' (''Someone Always Listens To You (SALT)'') kan jedhu yoo ta'u, magaalaa guddoo biyyattii Haraareetti kan argamu Hospitaala Haadholii Mbuuyaa Neehaandaa keessatti tajaajila kennaa jira.
Keenyaan kutaa dhuunfaa darbii tokkooffaa irratti argamu tokko daraaraadhaan badeechifameera. Gara maddi kutaa keessa ammoo sireen daa'imaa tokko jira.
Kutaa kana keessa, maatiiwwan daa'imti jalaa du'an reeffa daa'imasaanii arguu fi qabachu danda'u.
Kunis waan isaan irra gahe fudhachuu fi hubachuudhaaf isaan gargaara. 'Saalt Afriikaa'' kutaa kan kan qopheesse erga maatii mucaa saanii saddeettaffaa dahumsaan dura dhaban tokko gargaareen boodadha.
Kutaa jalaa gamoo keessatti ammoo, haadhoolii dahumsarratti ijoolleen jalaa duuteef kutaa qophaa'eedha.
Kna malees, dhaabbatichi daa'imman yeroo saanii malee dhalatan kanneen qabanis ni deeggara. Addee Mugaazaambii Makii ''himannaawwan qaanii fi kaan'' isaan mudachuu danda'a jetti.
Ogeeyyiin dubartoota waa'ee fayyaa sammuu dursanii tibba garaatti baataniitti barsiisuun barbaachisaadha jedhu. Kunis xiyyeeffannoo sagantaalee adda addaa Gaambiyaa keessatti.
Gareen dubartootaa uffata halluu ifaa qabu uffatanii, harka rukutaa, sirba shubbisuu dibbee reebaa.
Sirbituun tokko yoo irra buuftuuf, warri kaan immoo deebisanii jalaa qabuun sirbu. Dubartoonni ulfaa tokko tokkos shubbisuuf ka'u.
Sirbi kun gammachiisaa ta'us, haadholii ulfaa, kiniinii ayiranii fudhachuu irraarraa kaasee hanga dhiphina irraa fagaachuutti, ergaa cimaa waa'ee fayyaa qaamaa fi sammuu qaba.
Pirojektiin CHIME (Community Health Intervention through Musical Engagement) walga'ii muuziqaa kana fayyadamuudhaan yaaddoo hir'isuu, miira namaa kaasuu fi namoota karaa hawaasummaan walqunnamsiisuuf kan kaayyeffatedha.
Sirbitoonni muuziiqaa Kaanyeeleeng, beekammtii muziiqaa fi taphaatiin aadaa dhalootarraa dhalootaatti kan dabarsaniidha.
Qophiilee akka gaa'ilaarratti baayinaan mul'atu.Isaanis garee dubartoota sababii umamaatiin dahu hin dandeenyee ykn dubartoota daa'imti jalaa baddalamteedha.
Hojii gaggeessaa Sagantaa Fayyaa Sammuu biyyaaleessa gaambiyaa, Jaaraaraa Maareegaa akka jedhaniitti, akka ''fayyiiftoota madaa'' kanneen rakkoorraa bayyanatanii fi amma kaan gargaaraa jiraniitti ilaalamu.
Hojiinsaanii, ''aadaa cimaa fi seenaa afaanii waliin wal sima'' jedhu. ''Muziqaan umamaan danqaalee ni diiga.''
Qorannoon qorattoota UK fi Afrikaa Kibaatiin durfame akka agasiiseetti, haadhooliin ulfaa qophiilee akkasii irratti hirmaatan irraa mallattoon dhiphinaa haalaan hir'achu dubbatan.
Deeggarsa maallaqa dhaabbata Qorannoo Fayyaa Biyyaaleessa UK irraa argameen Afriikaa Kibbaa fi Leesutoo keessatti hojii wal fakkaataan yaalamaa jira.
Loogii fi hanqinni hubannoo akka Indoneeshiyaa fi Zimbaabwee keessatti rakkoodha. Haata'u malee, dubartoota akka Aniigii fi Nuur jiraniif seenaa mataasaanii dubbachuun jijjirama argamsiiseera.
''Yeroon haasa'ee hunda dandamachuudhaaf caalaan cima'' jetti Angiin.