Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimma suuraa MM Abiy maxxansanii waajjirrisaanii maaf dhiifama gaafate?
MM Abiy Ahmad dheengadda fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti suura appilii Itoophiyaan omishaa jirti jedhanii maxxansaniin wal-qabatee miidiyaa hawaasaa gubbaatti falmii kaasee ture.
Barreeffama miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaanii gubbaatti maxxansaniin "omishtummaan qonna appilii keenya bu'aa argamsiisaa jira" jedhanii ture.
Haa ta'u garuu, suuraan appilii isaan fayyadaman suura biyya biraa irraa fudhatame ta'uun erga bira gahamee booda namoonni yaada garagaraa kennaa turan.
Gartuun gaazexeessitoota odeeffannoo seecca'u, Ethiopia Check, suurri appilii MM Abiy maxxansa Itophiyaatti kan omishame osoo hin taane bakka biraatii kan fudhataman ta'uu qorannoon mirkaneessuu beeksise.
Kana hordofuun namoonni heddu wal-harkaa fuudhun mata duree dubbii ta'e.
Waajjirri Ministeera Muummee Itoophiyaas suuraan fuula miidiyaa MM Abiy irratti maxxanfame kan dhugaa akka hin taane amanuun maxxansicha miidiyaa hawaasaa irraa kaasuu beeksise.
Suuraan appilii MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansan qondaalota mootummaa sadarkaa gadiirraa kan isaanii ergameefi dogoggoraan maxxanfamuu ibse waajjirichi ibsa har'a baasen.
"Darbee darbee Muummichi Ministiiraa gabaasawwan hojii naannolee irraa argaman kaanif kaka'uumsa akka ta'uuf [miidiyaa hawaasaa gubbaatti] ni qoodu," jechuun suuraan isaan maxxansan naannoleerraa kan dhufe ta'uu himu.
Haa ta'u garuu, gulantaa adeemsa itti odeeffannoon sadarkaa gadiirraa MM Abiy bira gahu keessa darbuun guyyaa kaleessaa 'odeeffannoon sobaa' MM Abiy bira gahuu bira gahuusaa waajjirichi beeksise.
"Kanaan wal-qabatee suuraalee guyyaa kaleessaa qoodaman keessaa suuraaleen muraasni suurawwan dhugaa ta'an wajjiin wal-makuun odeeffannoo naannicha wajjin wal-jijjiiruu keessatti hanga federaalaa qaqqabeera," jechuun dogoggorri uumamuu amane.
Dogoggorri akkasii deebi'ee akka hin mudanneef tarkaanfiin fudhatamaa akka jirus beeksise.
Suurawwan maxxanfaman fuula miidiyaa hawaasaa MM Abiy irraa kaafamuu kan ibse Waajjirri Ministeera Muummee, "lammiilee dhimmicha akka ilaallufi sirreeffamni akka taasifamu nu beekisanis ni galateeffanna" jedhe.